Boordiin Filannoo Itoophiyaa Murtii Ammaan Dura Kora Sabaa ABO Ilaalchisee Kennee Ture Haaromsee Jira

 

Ibsa ABO Bitootessa 28 /2022

 

ABOn ibsa gaafa guyyaa 16/03/2022 baaseen bakka buutonni Boordii Filannoo Itoophiyaa mana jireenya Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waggaa tokko oliif keessatti ugguramanii deemanitti argamuun akka daawwatan beeksisee ture. Haaluma kanaan murtiin waa’ee Kora Sabaa ABO fi dhimmoota kanaan wal qabatan ilaalchisee kennamee gaafa guyyaa 24/03/2022 ABO qaqqabee jira.

 

Akka kanaanis Boordiin Filannoo Itoophiyaa murtii kana “waldhabdee Gaggeessitoota ABO gidduutti ka’ee turee” jedhu fi kanaan wal qabatees ajaja manni murtii dhimmichaaf murtiin bulchiinsaa akka kennamuuf nu ajaje bu’uura godhachuudhaan akka kennan nu beeksisanii jiru. Haatahu malee ABOn dhimmuma kana ilaalchisee murtii wal fakkaataa Boordichi waggaa tokko dura kenne akka isa qaqqabee fi murtii kanas fudhachuu isaa mirkaneessee ture. Murtiin amma kennames dhimmoota xixiqqoo kan fooyyesse yoo ta’e iyyuu, murtiidhuma waggaa tokko dura nu qaqqabeedha.

 

ABOn waajjiraaleen isaa seeraan ala cufaman akka banamaniifi miseensota ABO fi miseensota Gumii Sabaa Dhaabichaa mana hidhaatti dararamaan jiran, akkasumas Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa mana jireenyaa isaanii keessatti ugguraman akka gadhiifamaniifi walaba ta’anii akka lammii tokkootti ga’eef dirqama isaan irraa eegamu akka ba’aniif waggaa tokkoo oliif deddeebi’ee Boordii Filannoo Itoophiyaa gaafachaa ture. Akkasumas komputaroota, moobaayila, sanadaalee fi konkolaatawwan dabalatee qabeenyi dhaabichaa humnota tikaa garee biyya bulchaa jiruun saamaman akka deebifamaniif ABOn deddeebi’ee gaafachaa ture

 

Haatahu malee, ABOn tarkaanfii haaraa boordichi fudhate dinqisiifachaa, murtiin kunis bifa iftoomina qabuun ABO waliin walitti dhiyeenyaan haasa’uudhaan hojiirra ni oola jennee abdanna. Tarkaanfiin yookaan ololli miidiyaa osoo waa’ee ABO fi Hayyu Duree ABO quba hin qabaatin akkanuman ABO fi Hayyu Duree dhaabichaa ilaalchisee oofamu fudhatama akka hin qabne dhaamuu barbaanna. Namni dhuunfaa yookaan dhaabni maqaa ABOtiin dubbachuu yookaan tarkaanfachuu barbaadu kamiyyuu ABO kara seeraan galmaa’ee jiruu fi Jaal Daawud Ibsaatiin durfamu irraa of qusachuu qaba. Miidiyaalee fi dhaabbileen tokko tokko addattu Mediyaaleen mootummaa ta’e jedhanii dhugaa qabatamaan jallisuudhaan olola sobaa dhugaa fakkaatu oofuun uummata dogoggorsuuf yaaluu fi inumaa dhimmicha

hammeessuu irraa akka of qusatan cimsinee akeekkachiisna. Dhaabbanni yookaan miidiyaan ABO waliin hojjechuu barbaadu kamiyyuu, caasaa fi sarara quunnamtii seera qabeessa ABOn diriirsee jiru fayyadamuudhaan ABO quunnamuu danda’a.

 

Boordiin Filannoo Itoophiyaa dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofuudhaan, qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin ta’uudhaan murtii kana kara seera qabeessa ta’ee fi adeemsa seeraa hordofeen akka hojiirra oolchu ABOn irra deebi’ee yaadachiisa. Akkasumas hidhamtoonni siyaasaa, miseensonni fi gaggeessitoonni ABO mana hidhaatti dararamaa jiran akka hiikamaniifi akkasumas waajjiraaleen ABO cufaman akka banamaniif, dabalees yeroo ammaa miseensotaafi deggertoota ABO adamsanii hidhuun hammaatee waan jiruuf kunis akka dhaabbatuuf Boordiin Filannoo Itoophiyaa waan isa irraa eegamu akka raawwatu dhaammanna.

 

Dhumarrattis, Uummanni Oromoo, Lammiileen Oromiyaafi uummattoonni Itoophiyaa itti cichitanii haqaaf falmuudhaan hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hidharraa akka gadhiifamaniifi ABOn akka dhaabaatti jabaatee akka dhaabatuuf tumsa gootaniif isin galateeffachuu barbaanna. Uummattoonni Itoophiyaa fi hawaasi idil-addunyaa rakkoo siyaasaa biyyattii mudatee jiru marii karaa nagaa qooda fudhattoota mara hirmaachise diriirsuudhaan bilisummaa fi dimokiraasiin Itoophiyaa keessatti akka lafa qabatuuf jabaattanii hojjechuu akka itti fuftan gaafanna.

 

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 28, 2022

Finfinne