KAAYYOO DHALOOTI QUBEE IRRATTI WAREEGAMAN BAKKAAN GAHUUF, GUYYAA ITTI IRBUU KEENYA HAAROMFANNUU DHA

 

SADAASI 9, KAAYYOO DHALOOTI QUBEE IRRATTI WAREEGAMAN BAKKAAN GAHUUF, GUYYAA ITTI IRBUU KEENYA HAAROMFANNUU DHA

Ibsa ABO Sadaasa 09, 2021

Sadaasa 9, bara 2021 baga nagaan geessan!

Qeerroo fi Qarreen Bilisummaa Oromoo, qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn ijaaramanii hoogganamun adda durummaatiin hirmaatanii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkaneessaniif, Sadaasa 9, bara 2005 ABO’n Fincila Diddaa Gabrummaa labsamuun ni yaadatama. Qeerroo fi Qarreen Bilisummaa Oromoo, labsii ABO kana ofitti fuudhuun, Sadaasa 9, bara 2005, sochii FIncila Diddaa Gabrummaa geggeessuu qofa osoo hin taane: imaammata, tarsiimoo fi tooftaa Fincilli Diddaa Gabrummaa kan sadarkaa Oromiyaa ittiiin hoogganamu qiyyaasuun, caasaan Sochii Bilisummaa fi Dimookraasii Qeerroo fi Qarree Bilisummaa Biyyoolessa Oromiyaa bara 2011 ijaarame. Qeerroo fi Qarreen guutuu Oromiyaa, caasaa Biyyoolessaa kana jala hiriiruudhaan, qabsoo bilisummaa Oromoo ABOdhan hoogganamu kan Oromiyaa keessatti finiinsan qofa osoo hin taane, ummata bal’aa Oromoos qabsoo irraa hirmaachisanii seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti wareegama olaanaa baasaniiru. Wareegama ulfaataa adda durumaadhaan baasan kanaan, kaayyoon ABO bifa iggitii qabuun kan ummata Oromoo keessatti gadi dhaabbate. Sochiinn Fincila Diddaa Gabrummaa kun, bara 2015, gara Fincila Xumura Gabrummaatti ol guddifame. Akka kanaan, sochiin kun, sadarkaa Oromiyaa fi Impaayera Ixoophiyaa qofatti osoo hin taane, sadarkaa ardii Afriikaatti illee, sochii bilisummaa fi dimookraasii guddicha ta’ee mirkaanaawe. Qabsoon ummata Oromoos, sadarkaa Oromiyaa fi Impaayera Ixoophiyaa qofatti osoo hin taane, sadarkaa addunyaatti humna guddaa ta’ee asi bahe. Sochii kanaanis, mootummaan abbaa irree Ixoophiyaa hundee irraa raafamee, caccabuu eegale. Sochiin kun, bifa qindaawee fi karaa nagaa qofaan, qawwee fi taankii mootummaa dura dhaabbatee, bara 2018 mootummaa abbaa irree EPRDF’n hoogganamu kuffisuu danda’eera. Wareegama: lubbuu, qaamaa fi qabeenyaa guddaa itti baasuudhaan, Sochii Sadaasa 9, bara 2005 eegalaniin, mootummaa abbaa irree Ixoophiyaa EPRDF’n hoogganamuun bara 2018 kuffisuu irratti Qerroo fi Qarreen Bilisummaa Oromoo yoo milkaahan illee, kaayyoon isaan irratti wareegaman amma illee bakka hin geenye. Waan ta’eef, Sadaasa 9, 2021 yeroo yaadannu, kaayyoo Qeerroo fi Qarreen Bilisummaa Oromoo kumaatamaan irratti wareegaman bakkaan gahuuf itti fufnee daran qabsaahuuf irbu keenya haa haroomfannu. Injifatnoon Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Sadaasa 9, 2021