Jaal Fiqaaduu Magarsaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Jaal Fiqaaduu Magarsaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan.
Oduu Gaddaa
Ijoo Dubbii ABO

Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin geggeeffamu keessatti dirqama dhaabni itti kenne
sirnaan ba’achaa kan turan Jaal Fiqaaduu Magarsaa dhibeedhaan qabamanii hospitaala Montigoomerii keessatti
yaalamaa turuun du’aan addunyaa kanarraa boqotan.
Godina Dhiha Shawaa, Aanaa Meettaa Roobiitti kan dhalatatan Jaal Fiqaaduu Magarsaa maatii isaanii waliin achii
buqqaafamanii gara Dodolaatti baqatanii achitti barnoota isaanii sadarkaa duraas baratan. Bara 1980 gara ABOtti kan
makaman Jaal Fiqaaduun, qabsoo kana keessatti wareegama guddaa kaffalanii bu’aa guddaas buusaniiru.
Marsariitii (website) Adda Bilisummaa Oromo amanamummaa fi cichoominaan waggoota dheeraaf Jaallan taligan
keessaa tokko dabalee kan dhuunfaa isaanii ayyaantuu.org fi kichuu.com hundeessuun maxxansaaleen adda addaa
irratti maxxanfamanii uummata biraan akka ga’an taasisaniiru. Marsariitiiwwan kun eenyummaa Oromoo beeksisuu fi
guddisuu keessatti qooda olaanaa kan qaba. Madda odeeffannoo gaariis ta’ee odeessi sirnaa irraa burqaa turaniiru.
Maxxansaaleen kumootaan lakkaa’aman irratti maxxanfamanii firris diinnis waa’ee Oromoo fi qabsoo isaa akk beeku
taasisaa tureera. Kana malees, raadiyoo Afaan Oromoo fi miidiyaa Madda Walaabuu jedhamu hundeessuun
uummataaf gumaachaniiru.
Jaal Fiqaaduu Magarsaa Waldaa Gargaarsa Oromoo (Oromo Relief Association – ORA) keessatti qooda ofii
kennuudhaan uummanni Oromoo sababa beelaa, waraanaa, ongee fi kkf miidhaman akka deeggaraman hojjechaa
turaniiru.
Jaal Fiqaaduu Magarsaa dhiibbaa karaa siyaasaa, dinagdee fi nageenyaa uummata Oromoo irratti raawwatu ittisuuf
dhama’uu irratti umurii isaanii akka fixan namoonni beekan dhugaa ba’u.
Biyya Amerikaa kutaa Maryland keessatti dhibee isaan mudate dandamachuu dadhabuudhaan lubbuun isaanii
darbuutti gadda guddaatu nutti dhaga’ame. Maatii, jaallan qabsoo fi firoota Jaal Fiqaaduu Magarsaatiin jajjabina
hawwaa, boolla isaanii dhaadhiin haa guutu jenna.
Injifanno Ummata oromoof!