Hanga Sirni Wayyaanee Angoorra Jirutti Ajjeechaan Hordoftoota Amantii Adda Addaarra Geessifamu Akka Hin Dhaabbanne Yakki Waldayaatti Raawwatame Ragaa taha


Hanga Sirni Wayyaanee Angoorra Jirutti Ajjeechaan Hordoftoota Amantii Adda Addaarra Geessifamu Akka Hin Dhaabbanne Yakki Waldayaatti Raawwatame Ragaa taha

(Ibsa ABO)

Mootummaan Wayyaanee ajjeechaa fi balaa suukaneessaa Ummatoota Itoophiyaa amantaa adda addaa hordofan irraan gahu itti fufuu yakka Kaaba biyyattii Waldayaatti lammiilee ayyaana Cuu-phaa kabajatuuf walitti qabaman irratti raawwateen mirkaneesseera. Sirnichi amantoota ayyaana Cuuphaa ayyaaneffatuudhaaf walitti qabaman “Sagalee Mormii dhageessistan” jechuun akku-ma aadeffate humnoota hidhattootaa itti bobbaasuun dhukaasa banameen namoonni 20 ol ajj-eefamanii kanneen kudhanootaan lakka’aman madaahaniiru.

Murni faashistii TPLF/EPRDF yeroo garagaraatti dhimma amantii keessa seenee siyaasa isaa ooffachuuf yaalii taasiseen balaa dhaqqabsiisaa turetti dabalee, ummatootni biyyatti akka aadaa, ilaalchaa fi amantaa isaaniitti Waaqa galateeffachuu fi kadhachuuf bakka argamanitti ifatti wa-raana itti duulchisee dhibbootaan ajjeesuu fi miidhaa ulfaataa irraan gahaa turuuf dhumaatiin Ir-reecha Hora Arsadii-tti raawwatame yaadannoo dhiyoo ti. Lammiilee Oromoo miliyoona hedduu Waaqa isaanii galateeffachuu fi kadhachuuf Bishooftuu Hora Harsadeetti walitti qabaman goolessitoota isaa itti bobbaasee ajjeechaan raaw’ate suukaneessaa fi godaannisa yoomiyyuu hin irraanfatamne yoo tahu, gochaan kunis sirnichi aadaa fi amantii kamiifiyyuu kabajaa kan hin qabaanne tahuu mirkaneessa.

ABOn yakki ajjeechaa Waldayaatti hordoftoota amantii Kiristaanaa sirna kabajaa Cuuphaatif walgahan irratti dalagame mirga bilisummaa amantii lammiileen qaban kan sarbee fi gochaa cub-bamaa hundaan dura dhaabbatamuu qabu tahuu ibsaa, gocha kana gadi jabeessee balaaleffata. Ajjeechaani fi balaan dhaqqabe kun sirni Wayyaanee badii raawwataa turerraa baratee of sir-reessuuf qophii akka hin taane fi diinummaa amantoota hundaaf qabu caalaatti agarsiisa.

Diddaa Ummatootni biyyattii irratti gaggeessaa jiraniin addatti ammoo warraaqsa Xumura Ga-brummaa Ummanni Oromoo finiinsaa jiruun kan dhiphate Wayyaaneen gama kaaniin duula humnoota Liyyuu Hayil Somaaleetiin Ummata Oromoorratti gaggeessaa jiru daran babal’isuu irratti argama. Kun hundi sirnichi jeequmsa uumee ajjeechaa raawwatuun dhabama irraa of baraaree aangoo isaa dheereffatuuf murtii lafaa qabu jabeessuu hubachiisa.

Walumaagalatti, ajjeechaan lammiilee fayyaaleyyii irratti raawwatamu kun kan dhaabbatuu dan-dahu, mootummaanWayyaanee/TPLF hundeen buqqifamee, sirni fedhii ummatootaa guutuu fi mootummaa umatootaan filameen bakka buufame qofa tahuu ABOn hubachiisa. Kana dhugoomsuufis ummatootni Itoophiyaa keessa jiran hundi harka walqabatuun gartuu dhumaatii isaanitiin jireenya ofii mijeeffataa jiru ofirraa kaasuuf falmaa gaggeessaa jiran akka finiinsan ABOn dhaamsa dabarsa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 22 bara 2018