Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu

Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu

Ibsa ABO

Onkoloolessa 8, 2021

Filannoo biyyaalessaa mootummaan Itoophiyaa Waxabajjii 21/2021 gaggeessee ture, adeemsi isaas ta’e bu’aan filannichaa fudhatama kan hin qabne ta’uu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) irra deddeebi’ee uummata Itoophiyaafi hawaasa idil-addunyaa beeksisaa ture. Filannichi filannoo ulaagaa filannoo hin guunnee fi filannoo bu’uura seeraa hin qabne ture. Filannoo walabaa fi haqa qabeessa hin turre. Adeemsi filannichaa jalqabaa kaasee haga dhumaatti, akkasumas bu’aan filannichaa qindoomina kan hin qabnee fi fafakkeessaa fi gowoomsaadhaan kan guutame ture.

Waanti beekamuu qabu, garee aangoo dhuunfatee jirutu maqaa dimokiraasiitiin dantaa siyaasaa mataa ofii milkeeffachuuf diraamaa dalagameedha filannoon Mootummaan Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa gaggeesse hin turre. Filannichi sagantaa Paartiin Badhaadhinaa ittiin uummata Itoophiyaa, addatti ammoo uummata Oromoo gowoomsee gara mootummaatti of jijjiireedha. Jalqabuma iyyuu, Dr.Abiyyi Ahmad osoo adeemsa heeraa fi seeraa hin hordofin paartii ADWUI (EPRDF) diigee, Paartii Qeenxee Badhaadhina hundeessuudhaaf aangoo heera mootummaan kennameef hin qabu. Kanaaf paartiin karaa seeraan alaa hundeeffame kun biyyattii bulchuudhaaf yookaan filannoo biyyaalessaa gaggeessuudhaaf aangoo heeraa fi seeraa hin qabu. Dabalataanis, erga Dr.Abiyyi gara aangootti dhufee eegale gaaga’amni hamaan heera mootummaa irratti kan raawwatame yoo ta’u, qabeenya uummata biyyattii fi aangootti seeraan ala fayyadamuudhaan Paartii Badhaadhinaa jabeessuufi aangessuuf abbalamaa jira. Dhaabbileen Sirna Dimokiraasii, dantaa fi fedhii Paartii Badhaadhinaa milkeessuu qofaaf hojjetu. Paartileen moormitootaa jalqabuma irraa eegalee dhiibamanii waan baafamaniif, filannoo keessatti qooda hin fudhanne. Haaluma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo humnaan dhiibamee filannoo keessaa akka baafame uummati Itoophiyaas ta’e hawaasi idil-addunyaa quba qaba. Kongireesiin Federaalistii Oromoos haaluma wal fakkaatuun humnaan dhiibamee filannoo keessaa ba’e. Paartileen mormitootaa kanneen Paartii Badhaadhinaa biratti amanamummaa qaban, garuu ammoo ilaalcha siyaasaa xiqqoo adda ta’e qaban, malaan filannoo keessaa dhiibamaniiru yookaan tibba filannoo miidhaan isaan irratti raawwatameera.

Akkasumas filannichi ta’e jedhamee itti yaadamee, haalota nagaa fi tasgabbiin yaaddessaa ta’ee fi naannowwan walitti bu’insaan muddame keessatti gaggeeffame. Tibba filannootti Lixa Oromiyaa, Kibba Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, Giddugaleessa Oromiyaa, naannolee Affaarii fi Ogaadenii fi lola Kaaba Itoophiyaa Adda Bilisummaa

Uummata Tigraay waliin gaggeeffamaa jiru dabalatee lola hamaatu adeemsifamaa ture. Buufataaleen filannoo loltoota paartii badhaadhinaan guutamanii waan turaniif, uummannii naannoolee lolli itti gaggeeffamuu barbaadu kana keessa jiraatu filannoo irratti hirmaachuu hin dandeenye. Hawaasaa fi dhaabbileen idil-addunyaa filannoo kana waan lagateef, qaamoleen walaba ta’an filannicha hin daawwanne. Waanti baay’ee nama ajaa’ibu ammoo, bakkoota hedduutti deggertoota Paartii Badhaadhinaatu akka daawwattootaatti dhiyaate. Warri filannoo kana irratti hirmaachuudhaaf carraa argatanis, loltoota Paartii Badhaadhinaatiin sodaachifamaa, miseensota Paartii Badhaadhinaa akka filaniid kallattiinis ta’e alkallattiidhaan dhiibbaan isaan irratti godhamee jira. Walumaagala, filannicha haala lolaa fi walitti bu’insaan muddamee fi garee biyya bulchaa jiruun dhuunfatame keessatti gaggeeffame. Paartiin Badhaadhina gaafa guyyaa Waxabajjii 21/2021 dorgommii tokko malee qofaa isaa filannoo gaggeessuudhaan, akka waan injifateetti labsee jira.

Yeroo ammaa paartii Qeenxee Dr.Abiyyii ofii isaa haaromsuudhaan, Dr.Abiyyi kaayyoo isaanii dhugoomfachuuf mootummaa isaanii hundeeffachaa jiru. Adeemsa mootummaa hundeessuu kana irratti ABO maqaa sirrii hin taaneen waamuu fi uummata Oromoo maqaa xureessu gadi jabeessinee balaaleffanna. Dr.Abiyyiin dantaa siyaasaa dhuunfaaf jecha karaa seeraan alaa maqaa ABO fayyadamuudhaan Uummata Oromoo fi hawaasa idil-addunyaa gowoomsuuf yaalaa jira. Kun ammoo Qeeroo Oromoo kumootaan lakkaa’aman kanneen Sirna Mootummaa TPLF-EPDRF duraanii kuffisuuf lubbuu isaanii qaalii aarsaa godhan tuffachuudha.

Waan kana ta’eef, uummattoonni Itoophiyaa gamtaadhaan tokko ta’ee rakkoo fi gaaga’ama deddeebi’ee uummata keenyaa fi biyyattii mudataa jiruuf fala barbaaduutu irraa eegama. Kanaafuu, uummati Itoophiyaa fi paartileen siyaasaa furmaatawwan armaan gadii irratti xiyyeeffachuudhaan, osoo yeroo hin gubin hojiirra oolmaa isaaf gamtaadhaan hojjechuu qabu:

1. Uummanni Oromoo naannoo isaanii keessatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu fi uummata naannichaatiif abdii gaarii dhugoomsuudhaaf Mootummaa Ce’umsaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jabeessuu qabu.

2. Uummattoonni Itoophiyaa bu’uura heera mootummaa Itoophiyaatiin qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachisun Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa hundeessuudhaan filannoo walabaa fi haqa qabeessa ta’e gaggeeffamee biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbiin akka dagaaguuf waliin hojjechuudhaan haala akka mijeessan dhaamna.

3. Hawaasi Idil-addunyaa rakkoo fi gaaga’ama kallattii maraan Itoophiyaa mudateef furmaata barbaachisaa diriirsuu fi mootummaa ce’umsa marii biyyaalessaatiif haala mijeessu uumuudhaan biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii dhugoomsuudhaaf qaamolee dhimmi ilaallatu mara irratti dhiibbaa akka godhan dhaamna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkololessa 8, 2021