Ajjeechaa guyyaa saafaan qaamoleen hidhatan Uummata Oromoo Wallaggaa harka nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatameef adda durummaan kan itti gaafatamu Mootummaa Dr.Abiyyi Ahimadiifi paartii isaa Paartii Badhaadhinaati.

 

Ibsa ABO-Onkoloolessa 15/2021

 

Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa Humni Addaa Amaaraa (Miliishaan Amaaraa) mootummaa giddugaleessaan tumsamu deddeebi’ee ummata Oromoo nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffachaa ture. Mootummoonni impaayera Itoophiyaa dantaa siyaasaa isaanii milkeeffachuudhaaf walitti bu’insa sabaafi sablammootaa akka tarsiimoo siyaasaatti fayyadamuudhaan kan beekaman yoo ta’e iyyuu, walitti bu’insi yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa daran hammaatee jira. Miliishonni Amaaraa qofatti of boobbasanii, akkasumas humnoota mootummaa federaalaa fi Ertiriyaa waliin qindoomuudhaan naannoo Oromiyaa fi naannoo Beneeshaangul Gumuzitti bobbaafamuun isaanii ni yaadatama. Fakkeenyaaf kanuma yeroo dhihoo raawwatame yoo fudhanne, ji’a Gurraandhala fi ji’a Bitootessaa bara 2021 keessa Milishonni Amaaraa heddduu ta’anii fi meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan uummata Oromoo Nagaa, Godina Wallaggaa Bahaa, bakkoota Waasti, Sireedooroo, Hagamsaa fi Haroo/Lalisee jedhaman keessa jiraatan irratti rasaasa roobsuudhaan Oromoota nagaa fi hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesanii jiru. Tibbuma kana, gareen waraana Ertiriyaa loltoota hedduu of keessaa qabu Naannoo Beneeshaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi godinoota Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa, Shaashamannee, Godina Gujii fi Booranaa dabalatee lixa Oromiyaa keessatti bobbaafamanii ajjeechaa hedduu raawwatanii jiru.

 

Keessumaa ammo Dr. Abiyi erga uummata fuulduratti waadaa seenanii aangoo qabatee booda, maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuutiin milishota Amaaraa hedduu hidhachiisee naannolee biroo keessatti waan bobbaaseef, ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatamu daran kan hammaate yoo ta’u, Itti Aanaan isaa Dammaqee Mokonninis milishota Amaaraa heddumminaan hidhachiisanii fi leenjisanii uummata Amaaraa akka tiksan ifatti dubbachuudhaan, karoora gara naannolee birootti lafa babal’ifachuuf qaban ifoomsee ture. Akka biraan garuu, uummanni Oromoo meeshaa waraanaa qabachuuf mirga dhabuu qofaa osoo hin taane, mancaa qonnaadhaaf akka aadaatti itti fayyadamuu fi ulee dhiirri Oromoo akka aadaatti qabatu illee akka hin qabanne ifatti ugguramee jira. Kun ammoo seeraa, imaammataa fi danbii naannolee biroo tuffachuu qofa osoo hin taane, miliishonni Amaaraa uummattoota naannolee biroo akka jeeqanii fi waan fedhan akka irratti raawwataniif mirgi addaa akka kennameef agarsiisa.

 

Ajjeechaa Milishonni Amaaraa deddeebi’anii Oromiyaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatan kan baratame yoo ta’e iyyuu, ajjeechaa milishonni Amaaraa guyyaa sadii dura uummata Oromoo nagaa Godina Wallaggaa Bahaa keessa jiraatan irratti raawwatame ABO baay’ee rifaasisee jira. Odeeffannoon nu qaqqabe akka agarsiisutti, guyyoota lamaan darban (Onkoloolessa 10 fi 12 bara 2021) uummanni Oromoo nagaan Godina Wallaggaa Bahaa, keessa jiraatan baay’inni isaanii 40 ta’an guyyaa saafaa ajjeefamanii jiru. Gaafa guyyaa Onkoloolessa 10 bara 2021 Miliishonni Amaaraa meeshaalee waraanaa gurgurdaa hidhatan Godina Wallaggaa Bahaa Ganda Haroo keessatti Oromoota nagaa fi hidhannoo hin qabne 25 ta’an haala suukaneessaadhaan ajjeesanii jiru. Ajjeechaan kunis namoota sagal bakka tokkotti ajjeefaman dabalatee, haala baay’ee suukaneessaa fi gara jabina hamaa ta’een raawwatame. Namoota digdamii shan ajjeefaman keessaa namoonni digdami mormi isaanii qalamee kan ajjeefaman yoo ta’an, namoonni shan ammoo rasaasaan ajjeefaman. Namoota haala suukaneessaaadhaan ajjeefaman kanneen keessaa namoonni 14 reeffi isaanii akka hin kaafamne humnoonni hidhatan waan dhorkaniif sareetu nyaate. Namoota digdamii shan ajjeefaman keessaa namoonni kudha saddet Ganda Haroo keessatti kan ajjeefaman ta’uu odeeffannoon nu qaqqabee jira. Odeeffonnoon nu qaqqabe akka agarsiisutti umuriin namoota ajjeefamanii waggaa 12 haga waggaa 70 ta’a. Gaafa guyyaa Onkoloolessa 12 bara 2021 Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu fi Guutoo Giddaa magaalaa Luugoo jedhamtu keessatti Oromoonni nagaan 15 ta’an ajjeefaman. Kunis Bulchaa magaalaa Luugoo duranii umuriin isaa waggaa 55 ta’e, namticha abbaa ijoollee shanii umuriin isaa waggaa 60 ta’e, dubartii umuriin ishee waggaa 70 taatee fi mucaa saafela umuriin isaa waggaa 17 ta’e of keessaa qaba.

Kanatti dabalees reeffi namootaa tibbana Godina Booranaa keessatti argame hedduu nama suukaneessa. Gabaasi Falmittoota Mirga Hidhamtootaa gaafa guyyaa Onkoloolessa 13 bara 2021 ba’e akka ibsutti dargaggoonni Oromoo maqaan isaanii Booruu Gayyoo fi Darajjee Birhaanuu jedhaman Mana Hidhaa Hiddii Lolaa Godina Booranaa aanaa Miyoo keessaa baafamanii loltoota paartii Bilxiginnaatiin ajjeefamanii bakka hin beekamnetti awwaalamanii jiru. Kanaanis barbaacha yeroo dheeraaf maatiin dargaggoota ajjeefaman kanneenii taasisaniin reeffi isaanii gaafa guyyaa Onkoloolessa 13 bara 2021 argamee jiraachuu gabaafame.

 

ABOn maatii ajjeechaa Milishonni Amaaraa fi loltoonni PP raawwatan kanaan hubamaniif jajjabina hawwa. Dabalataanis eenyummaan namoota ajjeefaman kanneenii haga ammaatti sirriitti waan hin qululloofneef gara fuulduraatti adda baasuun mirkaneessina. ABOn gocha hammeenyaa loltoota PP fi Miliishaa Amaaraa biyyattii keessatti daran hammaachaa fi babal’achaa deemaa jiru kana gadi jabeessee balaaleffata.

 

Gochi mootummaan Dr. Abiyyii kaayyoo siyaasaa ofii bakkaan ga’achuuf walitti bu’insa saboota biyyattii hammeessuu irratti fuuleffate kun guutummaa biyyattii fi naannoolee keessatti wal waraansa lammiilee fi duguuggaa sanyii hamaa boodatti deebisuun hin danda’amnetti geessuu waan danda’uuf gamanumaan yaaddoo guddaa qabnu ibsuu barbaanna. Kanaafuu:

 

1. Ajjeechaa Godina Wallaggaa Bahaa keessatti deddeebi’ee raawwatamu ilaalchisee ummatootni Itoophiyaa fi hawaasi idil-addunyaa odeeffannoo sirrii ta’e akka argataniif qaama walaba ta’een akka qoratamu waamicha goona.

 

2. Abidda walitti bu’insa sabootaa qabsiifameen lubbuu namootaa dhumaa jiruuf Mootummaan Dr. Abiyyii fi paartiin isaa Paartiin Bilxiginnaa itti gaafatamummaa akka fudhatuu fi gocha loogiidhaan guutame Paartiin Bilxiginnaa raawwatu fuulduratti walitti bu’insa sabootaa hamaa qabsiisuu waan danda’uuf gocha akkanaa irraa akka of qusachuu qabu uummatotaa Itoophiyaa fi hawaasa idil-addunyaa beeksisuu barbaanna.

 

3. Uummata Oromoof, mootummaa si tiksu akka hin qabne si ammallee gadi jabeessinee si yaadachiisuu barbaanna. ABOn dhimma kana yeroo dheeraaf irra deddeebi’ee sitti himaa ture. Mootummaa Naannoo Oromiyaa saba isaatiif quuqamu dhabuun uummaticha weerara humnoota naannolee biroo Miliishaa Amaaraa jedhamee waamamuuf saaxilee jira. Mootummaan Naannoo Amaaraa akka qaama paartii Bilxiginnaa keessatti olaantummaa qabuutti mootummaa Dr. Abiyyiitiin tumsi addaa godhameefii lubbuu uummata Oromoo gara jabina suukaneessaadhaan galaafachaa jiru. Kanaaf, uummanni Oromoo Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa jabeeffatuun, weerara humnoonni naannolee biroo sirratti raawwatan jabaattee ofirraa ittisuudhaan naannookee keessatti nagaa fi tasgabbii akka mirkaneeffattu ammas irra deebinee siif dhaamna.

 

4. Hawaasi Idil-addunyaa mootummaan Dr. Abiyyii mirgoota dhala namaa akka kabajuu fi gocha sabaaf sablammoota biyyattii gidduutti walitti bu’insa hammeessuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatoota Itoophiyaa fi uummata naannichaa mancaasu kanarraa akka of qusatuuf dhiibbaa akka jabeessanii godhan ammas irra deebinee gadi jabeessinee dhaamna.

 

5. Akkasumas Hawaasi Idil-addunyaa Mootumaan Dr. Abiyyii Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa, akkasumas seerota mirga dhala namaa sadarkaa biyyaalessaa, naannoo fi idil-addunyaatti hojiirra oolanii jiran akka kabajuuf caalaatti dhiibbaa akka taasisan gaafanna.

 

Walumaagalatti gochi maal na dhibdeen raawwatamu akkanaa uummata inni bakkan bu’a jedhuuf bu’aa hamaa qabatee dhufuu waan danda’uuf, Mootummaan Naannoo Amaaraa miliishota isaa hatattamaan naannoo Oromiyaa keessaa akka baasu, ABOn gadi jabeessee gaafata.

 

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

 

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Onkoloolessa 15, bara 2021

 

Finfinnee