Waamicha Dirqama Miseensummaa ABO Bahuu

 

Waamicha Dirqama Miseensummaa ABO Bahuu
Jaarmiyaa ABO Biyya Alaa Irraa
Jaarmiyaan Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) Yeroo ammaa kanatti haala waliigala
Oromiyaa fi Impayera Ithiopia keessatti deemaa jiru xiinxala fi qormaata irratti hundaaye
dhiheessuun sadarkaa adda addaatti miseensota,Qondaalota fi hogganoota ABO keessatt
maree yeroo dheeraa erga deemsisee booda, walii gala Jaarmiyaan ABO karaa adda
addaa cimee hojii qabsoo wal irraa hin citne cichoominaan gaggeessaa jiraachuu isaa
gamaagamee jira.
Gama biraan, Jaallan hogganootiin dhaabaa fi miseensotiin ABO karaa nagaa Oromiyaa
keessatti qabsaawuuf jecha nagaa fi dimokraasiif wareega kafalan ol aanaa ta’u iyyuu sirni
sun sirna nagaa fi dimokaasii balfatu waan ta’eef HD-ABO irraa eegalee hogganoota
dhaabichaa fi miseensota sadarkaa gara garaatti dirqama dhaabaa irra jiran garii isaanii
hidhaa hamaa keessa kaayee gariin bakka buuteen isaanii hin beekamu, Waajirootiin ABO
godinoota keessa jiran samamanii qabeenyi ABO hogganootaa fi dabballoota PPn
saamamee jira.
Deggertooti ABO hedduun hidhamanii gariin ajjeefamanii jiru. Qeerroon nagaa fi
dimokraasiif qabsaaye biyya keessa jiraachuu dadhabee gidiraan guddaa irraan gahaa jira.
Irra guddaan miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo roorroo akkaan Oromiyaa irra jiru
falmuuf qabsoo hidhannootti makamuun dirqii ta’uun miseentota WBO ta’uun qabsoo
haqaaf falmaa gaggeessaa jiru.
Walumaa galatti haalli sirna amma jiruu abdachiisaa ta’uu dhabuu irraa Jaallan qabsaawoti
walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Ummata Oromoof karaa adda addaa wareegamaa
jiru. Addattis Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n falmaa hadhooftuu gaggeessaa jira.
Wareegama Jaallan bifa adda addaan baasaa jiran injifatnoo maayyiin goolabuuf haala
muddisiisaa amma jiru kanatti tokkummaan qabsaawotaa murteessaa waan
ta’eef Jaarmiyaan ABO biyya alaa waamicha kabajaa qabsoo isinii godha.
1. Miseensotiin ABO haala gara garaan Jaarmiyaa keessan ABO jaallattan irraa baatanii
leexaan jiraataa jirtan biyyoota keessa jiraataa jirtanii fi naannoo jirtan maratti dhaaba
keessan wareega itti kafalaa baatan galma keessan ganamaa (ABO)itti deebitani
makamuun qabsoo rarraga bilisummaa irra geesse kana akka tokkummaa qabsaawotaan
Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org

xumurtaniif jedhcha gara Jaarmiyaa keessan ABOtti akka deebitan waamihcha warraaqsaa
isinii goona.
2. Hayyooti, Activist Oromoo fi waldaaleen amantaa Oromoo biyya alaa jirtan qabsoo
bilisummaa Oromoof karaa dandeessan maraan gumaacha guddaa godhchaa
jirtu,gumaachi gootan mata mataan ta’ee Jaarmiyaa maleessa faffaca’aa akka hin taanetti
tokkummaa jaarmiyaan hundee godhatee akka qabsoo Oromoo firii itti horuuf jecha
ijaaramuun murteessaa waan ta’eef jaarmiyaa ABO akka jabeessitanii fi keessatti
miseensomtanii ABO dirqama gaggeessummaa qabsoo akka of-itti fudhattan Addi
Bilisummaa Oromoo(ABO) waamicha warraaqsaa isinii taasisa.
3. Qeerroo fi Qarree Oromoo roorroo alagaa jalaa baatanii biyya alaa jiraattan hawaasa
Oromoo alaatti makamtanii qabsoo diddaa gabrummaa deemsisaa sagalee ummata
cunqurfamaa Oromoo taatanii falmii mirga dhala namaaf bakka hundatti hiriirota
qindeessuu fi bahuun sagalee ummmata Oromoo biyya lafaatti dhageessisuu keessatti
qoodi isin kennaa jirtan guddaa dha. Eenyummaa Oromummaa fi sabboonummaa Oromoo
guddisuuf social Media irratti mooraa qabsaawota Oromiyaaf irree taatanii jirtu galati
keessan bilisummaa dha. Humnii fi irreen tokkummaa keesaaniin qabdan tokkummaan
diina kuffisuuf ijaaramuun murteessaa dha. Yoo ijaaramanii jaarmiyaa kaayyoo qabu jalatti
masakaman biyya ofii qabachuu fi abbaa biyyummaa mirkaneessuun waan dandayamuuf
jedhca kaayyoo ABO jalatti akka hiriirtanii ABOtti miseensomtan waamicha isinii goona.
Gama biraanit ABO itti makamuun hogganummaa qabsoo hegeree Oromiyaaf
gaafatama fudhattanii qooda hogganummaa qabsoo akka kennitaniif jedhcha ABOtti
makamaa jetnee waamicha warraaqsaa isinii taasifna.
4. Abbootiin qabeenyaa Oromoo kanneen deggeraa ABO fi miseensa taatanii qabeenya
keessaniin osoo of hin qusatiin dantaa mirga Oromoof oolchuuf jedhca ABO baroota
dheeraaf kanneen tumsaa baatan galati keessan dachaan himamee hin dhumu. Har’as
kanneen bifa adda addaan ABO irraa alatti bakka bakkatti faffachaatanii jirtan Jaarmiyaa
keessan ABO itti makamuun gumaacha qabsoo isin irraa eegamu taasisuun gabrummaatti
xumura gochuuf jecha dhaaba keessan ABOtti dabalamtanii gabrummaatti qooda keessan
akka baatan waamicha isinii taasifna.
5. Jaarmiyaaleen Namoomaa maqaa Oromummaa fi Oromiyaan bifa adda addaan
ijaaramtan,Afooshaaleen Oromoo bakka bakkatti ijaaramtanii fi Hawaasi Oromoo bakka
adda addaa jirtan gumaacha hanga ammaatti ABOf taasiftan galati keessan olaanaa waan
ta’eef yeroon amma keessa jirru yeroo murteessituu ta’aa jira. Gabrummaatti xumura
gochuuf tinnisii fi gargaarisi isin qabsoo bilisummaa Oromoof gootan furtuu dha jennee
ammanna. Kanaaf naannoo jirtanitti ABO akka tumsitanii fi caasaalee ABO biyya alaa fi
biyyoota ollaa keessaan Jaarmiyaa ABO tumsuu fi keessatti masakamuun akka qooda
gaggeessummaa qabsoo baatan gadi jabeessinee dhaammanna.
Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org

6. Miseensotiin ABO duraanii haalota adda addaa dhaaba keessan ganamaa irraa ofbaasuun dhaabota Oromoo biraatti dabalamtanis ta’e dhaaba biraa ijaartanii turtan yeroo
murteessaa kana keessa tokkummaan qabsaayanii Oromiyaa fi Oromoo baraaruun
murteessaa waan ta’eef osoo yeroo itti hin kenniin gara dhaaba keessan hangafaa ABO itti
akka deebitan waamicha Jaallummaa isinii
taasifna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifatnoon Ummata Oromoof!
Jaarmiyaa ABO Biyya Alaa