Waamicha Dirqama Miseensummaa ABO Bahuu 

Jaarmiyaa ABO Biyya Alaa Irraa

Jaarmiyaan Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) Yeroo ammaa kanatti haala waliigala Oromiyaa fi Impayera Ithiopia keessatti deemaa jiru xinxala qormaata irratti hundaaye dhiheessuun sadarkaa adda addaatti miseensota,Qondaalota fi hogganoota ABO itti maree yeroo dheeraa erga deemsisee booda,walii gala Jaarmiyaan ABO karaa adda addaa cimee hojii qabsoo wal irraa hin citne cichoominaan gaggeessaa jiraachuu isaa gamaagamee jira.

Gama biraan Jaallan hogganootiin dhaabaa fi miseensotiin ABO karaa nagaa Oromiyaa keessatti qabsaawuuf jecha nagaa fi dimokraasiif wareega kafalan ol aanaa ta’u iyyuu sirni sun sirna nagaa fi dimokaasii balfatu waan ta’eef HD-ABO irraa eegalee hogganoota dhaabichaa fi miseensota sadarkaa gara garaatti dirqama dhaabaa irra jiran garii isaanii hidhaa hamaa keessa kaayee gariin bakka buuteen isaanii hin beekamu, Waajirootiin ABO godinoota keessa jiran samamanii qabeenyi ABO hogganootaa fi dabballoota PPn saamamee jira.

Deggertooti ABO hedduun hidhamanii gariin ajjeefamanii jiru. Qeerroon nagaa fi dimokraasiif qabsaaye biyya keessa jiraachuu dadhabee gidiraan guddaa irraan gahaa jira. Irra guddaan miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo roorroo akkaan Oromiyaa irra jiru falmuuf qabsoo hidhannootti makamuun dirqii ta’uun miseentota WBO ta’uun qabsoo haqaaf falmaa gaggeessaa jiru.

Walumaa galatti haalli sirna amma jiruu abdachiisaa ta’uu dhabuu irraa Jaallan qabsaawoti walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Ummata Oromoof karaa adda addaa wareegamaa jiru. Addattis Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n falmaa hadhooftuu gaggeessaa jira. Wareegama Jaallan bifa adda addaan baasaa jiran injifatnoo maayyiin goolabuuf haala muddisiisaa amma jiru kanatti tokkummaan qabsaawotaa murteessaa waan ta’eef Jaarmiyaan ABO biyya alaa waamicha kabajaa qabsoo isinii godha.

1.Miseensotiin ABO haala gara garaan Jaarmiyaa keessan ABO jaallattan irraa baatanii leexaan jiraataa jirtan biyyoota keessa jiraataa jirtanii fi naannoo jirtan maratti dhaaba keessan wareega itti kafalaa baatan galma keessan ganamaa (ABO)itti makamuun qabsoo rarraga bilisummaa irra geesse kana akka tokkummaa qabsaawotaan xumurtaniif jedhcha gara Jaarmiyaa keessan ABOtti akka deebitan waamihcha warraaqsaa isinii goona.

2.Hayyooti, Activist Oromoo fi waldaaleen amantaa Oromoo biyya alaa jirtan qabsoo bilisummaa Oromoof karaa dandeessan maraan gumaacha guddaa godhchaa jirtu,gumaachi gootan mata mata mataan ta’ee Jaarmiyaa maleessa faffaca’aa akka hin taanetti tokkummaa jaarmiyaan hundee godhatee akka qabsoo Oromoo firii itti horuuf jecha ijaaramuun murteessaa waan ta’eef jedhcha jaarmiyaa ABO akka jabeessitanii fi keessatti miseensomtanii ABO keessatti akka hirmaattan Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) waamicha warraaqsaa isinii taasisa.

3.Qeerroo fi Qarree Oromoo biyya alaa jiraattan Qeerroo fi Qarree godinoota adda addaa keessa  jiraatan qabsoo karaa nagaa taasisuuf biyya alaa keessatti hawaasa Oromoo naannoo jirtan keessatti qooda fudhachuun qabsoo sabaa gaggeessaa jirtaniif galati keessan bilisummaa dha. Humnii fi irreen tokkummaa keesaaniin qabdan akka diina kuffisuuf ijaaramuu waan qabuuf ijaarsi murteessaa dha. Yoo ijaaramanii jaarmiyaa kaayyoo qabu jalatti masakaman biyya ofii qabachuu fi abbaa biyyummaa mirkaneessuun waan dandayamuuf jedhca kaayyoo ABO jalatti hiriirtan waamicha isinii goona. Gama biraanit ABO itti makamuun hogganummaa qabsoo hegeree Oromiyaaf gaafatama fudhattanii qooda hogganummaa qabsoo akka kennitaniif jedhcha ABOtti makamaa jetnee waamicha warraaqsaa isinii taasifna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifatnoon Ummata Oromoof!

Jaarmiyaa ABO Biyya Alaa