Labsii Dhukaasa Dhaabuu ABO Diduu Isaatiin Miidhaa Gahuu Malu Hundaaf

Labsii Dhukaasa Dhaabuu ABO Diduu Isaatiin Miidhaa Gahuu Malu Hundaaf
Kan Itti Gaafatamu Mootummaa Itoophiyaa Taha

(Ibsa ABO – Adoolessa 16, 2018)

addaMarii Mootummaa Itoophiyaa fi ABO gidduutti jalqabame milkeessuuf jecha Adoolessa 12, 2018 Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin yeroof dhukaasa dhaabuuf murteessee Labsii Dhukaasa Dhaabuu labsuun isaa ni yaadatama. Labsiin Dhukaasa Dhaabuu Adda Bilisummaa Oromootiin labsame sun miidiyaalee Addunyaa hedduudhaan bal’inaan gabaafamee jira. Addi Bilisummaa Oromoo murtii kana kan fudhateef haasaan dhihoo kana Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed fi Jila ABO kan Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaatiin durfamu gidduutti eegalame itti fufee akka bu’aa barbaadamu argamsiisu hawwuudhaani.

Haa tahu malee Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin Labsii Dhukaasa Dhaabuu ABOn labse kanaaf deebisaa wal fakkaataa fi ijaaraa kennuu diduudhaan lola Waraana Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessu itti fufuuf duula/bobbaa waraanaa bal’aa Dhiha Oromiyaa keessatti gochaa jira. Akka kanaanis Naqamte, Asoosaa fi Gambeela irraa humna waraana isaa heddumminaan bobbaasuudhaan guutummaa Godina Dhiha Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti ummata keenya tasgabbii dhorkaa jira.

Akkuma Labsii Dhukaasa Dhaabuu ABOdhaan labsame sana keessatti ibsame humni keenya (Waraanni Bilisummaa Oromoo) fi ummatni keenya naannoo kana keessatti argamus lola kana waan danda’u hundaan of irraa faccisuudhaan alatti filmaata biraa kan hin qabne tahuu ABOn beeksisa. Haala kana gidduutti tasgabbiin dhabamuu fi miidhaa gahuu malu hundumaaf kan itti gaafatamu Mootummaa Itoophiyaa tahuu Addi Bilisummaa Oromoo cimsee hubachiisa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 16, 2018