Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Obsi

Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO
(Ibsa ABO – Waxabajjii 15, 2021)
Hunda dura miseensota fi deeggartoota ABO akkasumas Ummata bal’aa Oromoon baga guyyaa seena

qabeessa Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBOtin isin gahe; walumaan ittiin nu gahe.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) araata ABO fi raadiyoo dhiibbaa gabroomsaarraa bilisaan kaayyoo
Oromoo fi Oromiyaa tiksuu fi galiin gahuuf bu’uureffame hangafa tahuu seenaatu ragaa baha. Har’a
wayta ayyaana hundeeffama SBOn wagg 33ffaa kabajnu dhimmoota hedduu walyaadachiisuun dirqama
taha. Ayyaana Kanaan Wanneen Yaadannu keessaa:
• Imala SBO waggoota 33n dabranii fi gumaacha qabsoo fi miidiyaalee Oromoo har’aaf laate,
• Bu’aa bahii keessa cehee fi haala amma sbon itti jiru
• Jaallan SBO bu’ureessuu, gadi dhaabuu fi sadarkaa har’aatin gahuu keessaa qooda ol’aanaa
qaban akkasumas haala har’a isaan keessa jiran,
• Hegeree SBO fi jaallan ergama ulfaataa miidiyaa hangafa kanaa milkeessuuf dhama’aa jiranii
akkasumas Oromoon SBO waliigalattis miidiyaalee kaayyoo isaaf dhaabbatan cimsachuun
qabsoo bilisummaa milkeessuuf dirqama dachaa irraa eegamu qaabachuu feesisa.
Har’a ayyaana kana kan kabajnu bakka duulli murna PP mootummaa dha ofiin jedhu ABO irratti duula
bifa hedduu bal’inaan banee sochiin qabsoo karaa nagaa ABOn ummataaf waadaa gale danqamee fi
sagaleen ummata keenyaa ukkaamame keessatti tahuun ifa.
Guyyaa seena-qabeessa kana baranaa bifa addaatiin akka yaadannu kan nu taasisu keessaa mataa
Damee Aadaa fi Beeksisii ABO J. Mikaa’el Booran dabalatee miseensonni Shanee Gumii Gumii Sabaa
ABO kan akka J. Abdii Raggaasaa akkasumas Itti Gaafatamaa SBO J. Malkaa Danuu dabalee
miseensonni Gumii Sabaa ABO kanneen akka J. Kaayyoo Fufaa, J. Amaan Filee, J. Kennasaa
Ayyaanaa, J. Gammachiis Tolasaa akkasumas qondaalotni ol’aanoon akka Koloneel Gammachuu
Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Addunyaa Keessoo, Injiinar Daandii Garbooshee, Yaazoo
Kabbabaa, Dr. Gadaa Oljirraa, J. Gadaa Gabbisaa, fi ilmaan Oromoo kumootni hedduun badii malee
murtiis waakkatamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dha. Duulli fakkaataan Hoggantoota fi
miseensota KFO irratti fi sabboontotarratti deemaa jiru xiyyeeffannoon isaa waliigalaa saba Oromoo,
qabsoo haqaa inni gaggeessaa jiruu fi biyya isaa Oromiyaa tahuu sirriitti kan hubachiise jennee amanna.
Wayta duula ABO fi waliigalattis Ummata Oromoorratti xiyyeeffateen HDn ABO J. Daawud Ibsaa mana
jireenyaa isaanii keessatti haala keessa jiranuu adda baafachuun bifa hin dandahamneen ugguramanitti
hidhaan sirnichaa addatti hojjettoota dhaabichaa fuula miidiyaatin dhugaa jiru ifa baasuuf dirqama isaanii
bahatanirratti tahuu saamamuu fi hidhamuu jaallan SBO keessa hojjetaniitti dabalee hidhamuun Itti
Gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO J. Battee Urgeessaa ragaa gahaa dha.
ABOn dhaaba kaayyoo haqaa qabu, deeggarsaa fi jaalala ummata miliyoonaan lakkaawamuu waan
qabuuf duulli sagalee qabsoo Oromoo ukkaamsuuf taasifamu kamuu xiiqii caalu horee wayta babal’atu
agarre malee wayta akka fedhii diinaan SBOn hojii dhaabuu fi Oromoon kan sagalee tahuuf dhabee akka
hin mul’anne, sochiin miidiyaalee Oromoo har’a dhugaa Oromoo fi shira diinaa saaxiluuf taasisaa jiran
afaan baasee dubbata. Har’a Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO waggaa 33ffaa wayta kabajnus bu’aa bahii keessa
dabramee as gahame yaadachuun gamatti haala amma SBO fi jaallan hojjettoota miidiyichaa barootaaf
dirqamaicha raawwataa jiran itti argaman wal yaadachiisuu feesisa. Erga gaafa Muddee 20, 2020 mana
jireenyaa isaanii Finfinnee jiruu qabamanii hidhamanii mana murtiittis yakki irraa dhabamee bilisa
jedhamanii bakka dur turan Qajeelcha Poolisii Buraayyuutii butamanii eessa buutee dhabamsiifamanii
hanga har’aa eessaa fi maal keessa akka jiran wanti beekkamu hin jiru. Isaan qofa odoo hin taane jaallan
bifuma fakkaataan butamanii dhabamsiifamanis haalli isaanii akkaan nu yaaddessa.
Haaluma akkaan ulfaataa kana, keessattuu ammoo SBOn hojii isaa itti fufiinsaan gaggeessaa jiraachuun
ammoo wanneen ayyaanicha akka gammachuun kabajnu nu taasisu keessaa isa tokko. Kun hojii
kaayyoo dhugaa waan taheef qabsaawota cichoo fi sabboontota muratoo akeeka ABO galiin gahuuf of
kennaniin utubamee itti fufa. Ayyaana guyyaa seena-qabeessa, Waxabajjii 15, kana sababeeffachuun
jaallan kaleessa dirqama dhaaba irraa itti kenname fudhachuun bu’ureessanii wareegama itti baasani fi
miidiyichaaf sadarkaa adda addaatti hojjechuun har’aan gahan akkasumas bifa adda addaatin jireenya
SBOf gumaacha olaanaa taasisaaniin galatni keessan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa
haa tahu jenna.
Hireedhuma kanaan kanneen SBO ukkaamsuun waliigalaan jaarmaya ija fi kallacha Oromoo tahe, ABO,
dadhasiisuun fedhii ummata bal’aa dura dhaabatan yeroon heera biyyaa, seera addunyaa fi safuu
ummata isaanii kabajanii odoo itti hin dukkanaayin mirga Pireesii walabaaf gurra laatanii gaazexeessota
hidhaa hiikan, saamichaa fi danqaa miidiyaalee walabaa addatti dantaa Oromoo fi Oromiyaaf hojjetan
irra kaahan dhaaban kan maayii amma tahuus yaadachiifna.
Ammas Baga guyyaa seena-qabeessa hundeeffama SBO waggaa 33ffaatin isin gahe, walumaanuu
geenye jechaa, guyyaa kanatti jaallan SBO addatti waliigalaanis hidhamtoota siyaasaa Oromoo
yaadachuuni fi sagalee tahuufin kaayyoo arraatni Dhaabaa SBOn barootaaf itti dhama’e kan ilmaan
biyyaa hedduunis itti wareegaman bakka gahuuf waadaa keenya yaa haaressinu.
Maayirratti miseensonni fi deeggartootni ABO akkasumas ummanni Oromoo bal’aan rakkoo walxaxaa
akka sabaatti keessa jirru keessaa kan baanu, hunduu harka walqabatee ka’uun kaayyoo Mootummaa
Ce’umsaa Biyyaalessaa Oromiyaa dhugoomsudhaan wabii nageenya fi bilisummaa lammiilee Oromiyaa
mirkaneessuu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.
SBOn Arraata Adda Bilisummaa Oromoo ti!
SBOn Kaayyoo fi dhugaa Oromoof dhaabbatuu itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 15, 2021
Finfinne