Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna

OLF OFC

 

Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna

Ibsa ABO fi KFO irraa kenname

Waxabajjii, 21, 2021

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Koongiresiin Federaalistii Oromoo (KFO) miidhaa fi dararama suukanneessaa  ilmaan Oromoo mana hidhaa biyya  Saud-Arabiyaa keessatti argamutti hidhamanii jiran irratti raawwate  wayita argine hedduu rifanne.  Baqattoonni Oromoo sarbiinsa mirga namoomaa akkasumas hacuuccaa siyaasaa fi dinagdee impaayera Itiyoophiyaa keessatti dagaagee jiru baqatanii biyya isaanii irraa godaanan. Hacuuccaa fi sarbiinsi mirga dhala namaa kun ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatamu dabalatee yeroo ammaa sadarkaa olaanaa irra ga’ee jira. Bu’uura tumaalee qabiinsa baqattootaa idila addunyaa fi qajeelfamoota mirgoota dhala namaa idila addunyaatiin, baqqattoota lubbuu isaanii baraarfachuuf biyya isaanii irraa baqatanii gara biyya ormaatti godaanan sirnaan qabamanii eegumsa barbaachisaa argachuu qabu.

Odeeffannoo manneen hidhaa Saud-Arabiyaa keessatti argaman irraa nu qaqqabeen, baqattoota Oromoo irratti miidhan dhala namaaf hin malletu  raawwatamaa jira. Baqattoonni kunneen mana baay’ee dhiphoo keessa baayyatanii kan jiraatan yoo ta’u, kutaa dhipaa tokko keessatti baqattoota baayyinni isaanii haga 200 ta’antu ugguramanii jiru. Baqattoonni manneen hidhaa keessatti ugguramanii jiran kunneen daa’imman, dubartoota ulfaa, namoota dulloomaniifi namoota miidhaa qaamaa gosa garaagaraa qaban kan of keessatti haammate yoo ta’u, namoonni kunneen sababa kutaa dhiphoo keessatti baayyatanii ugguramanii jiraniif dhukkuboota garaagaraatif saaxilamuu danda’u.  Baqattoonni yeroo ammaa  manneen hidhaa biyya Saud-Arabiyaa keessatti argaman waantota bu’uuraa jireenya dhala namaatiif barbaachisan kan akka bishaan, nyaata, meeshaalee qulqullinaa fi daawaa argachaa hin jiran. Akka odeeffannoon nu qaqqabe eerutti sababa miidhaa mana hidhaa kana irratti isaan irra ga’eef baqattoonni lama (2) lubbuun isaanii darbee jira. Sababa mana dhiphaa keessatti ukkaamfamanii  irraan kan ka’e baqattoonni Oromiyaa manneen hidhaa kanneen keessatti argaman dhukkuba COVID-19 tiif saaxilamuu waan dandaa’aniif hedduu nu yaaddessee jira.

Nuti ABO fi KFOn maatii baqattoota manneen hidhaa kanneen keessatti lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwina. Tarkaanfii hamaa mootummaan mootii Saud-Arabiyaa baqattoota kanneen irratti fudhate gadi jabeessinee balaaleffanna. Kanaaf Dhaabbileen Mirga Namoomaa dhimmichi ilaallatu: dhaabbilee mirga baqattootaa, daa’immanii, dhaabbilee fayyaa Addunyaa fi qaamoleen dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhimmichi ilaallatu, Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoota bu’uura qajeelfamoota qabiinsa baqattootaa fi tumaalee mirga namoomaatiin akka keessummeessuuf  dhiibbaa akka godhan gaafanna.

Aanga’oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi gareen Ambaasaddarotaa fi Dippilomaatotaa biyya Saud-Arabiyaa  taa’uu Oromiyaa fi lammiileen ishee manneen hidhaa biyya alaa keessatti  dararamaa jiran kanatti, hidhii xuuxuurraan kan hafe, hoomaa akka hin gooneef uummata Oromoofi uummattoota Itoophiyaa beeksisuu barbaanna. Mootummaan Itoophiyaa sababa rakkoo siyaasaa hammaataa isa mudatee jiru irraan kan ka’e, rakkoon baqattootaan wal qabatan akka isa mudatu beekamaadha. Garuu baqattoota kanneeniif yoo xiqqaate mirga namoomaa isaanii eeguufiitu irraa eegama. Haa ta’u malee, aanga’oonni Mootummaa Itiyoophiyaa akkuma dhumaatii Yemeen keessatti lammiilee Oromoo irratti raawwatame ilaalchisee hoomaa hin dubbatin darban sanaaf ajjeechaa fi dararama  lammiilee Oromoo Biyya Saud-Arabiyaa jiran irratti raawwatamaa jiruuf hoomaa hin dubbanne. Keessumaa ammoo Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biyya saud-Arabiyaatti argamu baqattoota lammii Itiyoophiyaa biyya sana keessatti argaman tiksuuf kanaanis dararamaa fi ajjeechaa mana hidhaa biyya Saud-Arabiyaa keessatti lammiilee Itiyoophiyaa irratti raawatameef itti gaafatamummaa qaba.

Baqattoonni baayyeen isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa akka morman beekamaadha. Mootummaan Itiyoophiyaas kanumaaf jecha wayita baqattoota Oromoo irratti dararamni raawwatu osoo beekuu callisuu filate.

Kanumaan gaaga’amni siyaasaa yeroo ammaa Impaayera Itiyoophiyaa keesa jiru hammaachaa deemuudhaan daangaa ce’ee jireenyaa fi lubbuu lammiilee biyyattii mancaasaa akka jiru uummata Oromoo, akkasumas sabaa fi sab-lammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaatiif dhaamuu barbaanna. Rakkoon siyaasaa yeroo ammaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti hammaatee jiru lammiilee biyyattii keessatti argaman qofa osoo hin taane baqattoota biyya Saud-Arabiyaa keessatti argaman qofa osoo hin ta’in baqattoota biyyoota biraa keessatti argamanillee gaaga’aa jira.

Kanaafis furmaati humnoota keessaa fi alatti argaman qindeessuudhaan qabsoo Bilisummaa fi Diimokiraasii finiinsuudhaan dararama jaarraaf ture kana of irraa kaasuu dha.

Waan kana ta’eef Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa  baqattoota Oromoo manneen hidhaa keessatti ugguramanii jiraniif eegumsi barbaachisaan akka godhamuu fi dararama kamirraayyuu walaba ta’uu isaanii akka mirkaneessu hubachiifna. Akkasumas, mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoonni waantota bu’uuraa dhala namaatiif barbaachisan kanneen akka nyaataa, bishan, dawaa fi qilleensa qulqulluu kan argatan ta’uu isaanii akkasumas miidhaa fi haleellaa Poolisii fi qaamolee nageenyaan itrratti raawwataman irraa walaba ta’uu isaanii akka mirkaneessu dhaamna. Dabalataanis, Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoota manneen hidhaatti argaman keessaa saaxilamoo ta’an kanneen akka warra madoo ta’anii, dubartoota ulfaa, daaimman, namoota dulloomoo fi qaama miidhamoo ta’aniif xiyyeeffannoo kennuudhaan deggersa barbaachisaa kennuufii qaba.

Kanaafuu miidiyaalee, dhaabbilee hawaasaa, dhaabbilee Amantii, ogeeyyonni, Gareewwan falmitoota mirga dhala namaa ta’anii fi Aktiivistoota dabalatee jaarmiyaaleen Oromoo Addunyaa irratti argaman marti baqattoota Oromoo biyya Saud-Arabiyaa keessatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiraniif sagalee ta’anii dhaabbilee Idil Addunyaa akka dhageessisaniif akkasumas kanneen saaxilamoo ta’aniif deggersa akka taasisan dhaamna.

Dhumarrattis, waggoota muraasaa asitti baqattoota Oromoo biyya Saud-Arabiyaa fi Rippaablika Yemeen keessatti argaman irratti miidhaa fi dararamni deddeebi’ee raawwatamee jira. Kun immoo faallaa tumaalee fi seerota dhaabbata mirga dhala namaa Idil-addunyaa fi seerota kanaan wal-qabatan birooti. Kanaaf Dhaabbanni UNHCR fi UNHRC Mootummaan Saud-Arabiyaa baqattoota Oromoo bu’uura seera qabiinsa baqattoota Idil-addunyaa fi qajeelfamoota mirga dhala namaatiin akka keessummeessuuf dhiibbaa akka godhan iyyanna.

 

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO)

Waxabajjii 21, 2021