Yakka Ajjeechaa Najjootti Dalagame ABOtti Maxxansuuf Yaaluun Aangawoota Mootummaa Itoophiyaa Biratti Waanuma Aadeffatame

Yakka Ajjeechaa Najjootti Dalagame ABOtti Maxxansuuf Yaaluun Aangawoota Mootummaa Itoophiyaa Biratti Waanuma Aadeffatame

(Ibsa ABO – Bitootessa 22, 2019)

addaGuyyoota 3 dura (Bitootessa 19, 2019) Godina Dhiha Wallaggaa naannoo Magaalaa Najjootti namootni meesha-maleeyyiin (Civilians) 5 kan lammiileen biyya alaa 2 keessatti argaman ajjeefamuun oduu gaddisiisaa tahee dabre. Addi Bilisummaa Oromoo lammiilee haala kanaan lubbuun isaanii dabarteef gaddi guddaan kan itti dhagahamu tahuu ibsaa maatii fi firoota isaaniitiifis jajjabina hawwa.

Kanaan wal qabsiisnee dubbiin Aangawootni Mootummaa Itoophiyaa yakka ajjeechaa kana Adda Bilisummaa Oromootti maxxansuuf miidiyaa irratti dubbatan dhugaa irraa kan fagaatee fi olola hundee hin qabne kan ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo maqaa xureessuuf akeekkate waan taheef cimsinee balaaleffanna.

Humnoonti tikaa (security forces) Mootummaa Itoophiyaa amma duras yeroo gara garaatti olola hundee hin qabneen Adda Bilisummaa Oromoo yakka inni harka keessaa hin qabne itti maxxansuuf yaaluu bira taranii tahe jedhanii ABO ittiin yakkuuf ofii isaaniitii qindeessanii (magaalaa Finfinnee keessatti boombii dhoosuu dabalatee) lubbuu namaa fi qabeenya irratti balaa adda addaa geessisaa turuun ni yaadatama. Naannoodhuma amma ajjeechaan kun itti raaw’atame Ona Najjoo keessatti ammaan dura namni nagaan barsiisaa Geetaachoo Addisuu jedhamu ajjeefamee mana waliin gubame. Aangawootni Mootummaa Itoophiyaa yakka sana dharaan ABOtti maxxansuuf olola guddaa sadarkaa mootummaatti gaggeessanis itti milkaawuu hin dandeenye.

Dantaa Siyaasaa Dhaaba ofii galmaan gahachuuf jecha Dhaabota mirga Saba isaanii kabajsiisuuf qabsaawan maqaa xureessuuf olola dharaa oomishuun (keessumattuu ammoo diraamaan lubbuu namaa fi qabeenya biyyaa balleessuudhaan dalalgamu) bakka tokkotti dhaabbachuu qaba. Ummatni Oromoo fi nagaa-jaallattootni hundis olola hundee hin qabnee fi shira gara garaatiin Adda Bilisummaa Oromoo hirmaannaa qabsoo karaa nagaa keessaa dhiibanii baasuuf daba dalagamu kana dammaqiinsaan akka hordofanii fi dhaabsisuufis gahee isaanii akka bahatan ABOn gaafata.

Maayyii irratti ajjeechaan Najjootti namoota meesha maleeyyii 5 irratti raaw’atame kun qaama walaba taheen qoratamee dhugaan isaa hundaaf akka ifa tahuu fi murtii haqaas akka argatu ABOn jabeessee gaafachaa ajjeechaa kana irraa harki isaa qulqulluu tahuus mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo 
Bitootessa 22, 2019