Gaala Hatanii Gugguufanii Deemuun Dhokachuu Hin Tahu

Gaala Hatanii Gugguufanii Deemuun Dhokachuu Hin Tahu

(Ibsa ABO – Amajjii 17, 2019)

addaWaajjirri Muummicha Ministeeraa Ioophiyaa Roobii kaleessaa (16/01/2019) karaa barreessituu isaa Aadde Billanee Siyyum waa’ee haleellaa xayyaaraa Dhiha Oromiyaatti gaggeeffamee haaluuf ibsi miidiyaaleef kenne dhugaa irraa kan fagaate dha. Haleellaan xayyaaraa kun guyyoota lamaaf (Amajjii 12 fi 13) Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii magaalaa Qellemii fi naannoo isaa iddoo sadiitti gaggeeffame. Haleellaa sadarkaa kanatti gaggeeffame haaluudhaaf yaaluun nama gaala hatee dhokachuudhaaf gugguufee deemuun wal fakkaata.

Haleellaa xayyaaraa kana malees humni waraana lafoo Ummata nagaa ajjeesuu, manneen Ummataa gubuu fi manneen daldalaa Ummataa cabsee saamuu, akkasumas, namoota hidhuu fi dararuu irratti bobba’ee jira. Haleellaa humna lafoo fi qilleensaatiin Ona Gidaamii keessatti gaggeeffameen hanga ammaatti odeeffannoon qulqullaawee beekame akka mul’isutti lubbuun namoota nagaa (meesha-maleeyyii) 7 dabree jira. Kanneen du’an keessaa takka daa’ima baatii lamaa tan sagalee boombii xayyaaraan qilleensa irraa darbatamuutiin onneen dhaabbattee duute tahuunis mirkanaawee jira. Manneen jireenya Ummataa 8 ibiddaan gubamanii, manneen daldalaa 20 tahanis loltoota EPRDF kanaan caccabsamanii saamamanii jiran. Kun Ona Gidaamii keessa naannoo haleellaan xayyaaraa itti gaggeeffame sana qofatti miidhaa gahe dha. Godinoota afran Wallaggaa kan lolli irratti gaggeeffamaa jiru keessaatti lubbuun namoota nagaa (meesha-maleeyyii) hanga ammaatti loltoota EPRDFiin ajjeefame, manneen gubamanii fi qabeenyi barbadaawan ykn. saamaman hedduu waan tahaniif fuul-duratti addaan baafamanii kan gabaafaman tahuu hubachiisna.

Ibsi Waajjira Muummicha Ministeeraa kun sababaan haleellaa kanaa Waraanni Bilisummaa Oromoo humna farra nagaa tahuudhaan karaa cufuu, baankii saamuu, Ummata miidhuu….kkf yakkoota adda addaa irratti waan bobba’eef tahuu miidiyaatti hime. Himannaan kun dhugaa irraa kan fagaate dha. ABOn sochii karaa nagaa qofaan jijjiirama eegalame kana fiixaan baasuuf hojjechaa osoo jiruu danqaa adda addaa uumuudhaan akka waltahiinsi keenya boorawuu fi hojiitti hiikuun isaa harkifatu kan gochaa turee fi gochaas jiru EPRDF malee ABO miti. EPRDF humna waraanaa maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun ijaarratetti dhimma bahuudhaan ABO fi kanneen ilaalcha siyaasaa Addichaa qaban dadhabsiisuuf lola kana gaggeessaa akka jiru hundaan beekamuu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo waliigalteen Mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame nagaadhaan hojiitti hiikamee biyyi kunii fi Ummatnis nagaa akka argatuuf lolli kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jedhee amana. Itti aansees, balleessaan Mootummaan Itoophiyaa ittiin nu himatuu fi yakki Ummata keenyaa fi nu irratti dalagamaa jiru kan nuti himannus qaama walabaan qoratamee dhugaan akka bahu Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee gaafata.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo 
Amajjii 17, 2019