Tarkaanfiin Shakkamtoota Seeratti Dhiheessuu Jajjabeeffamuu Qaba

Tarkaanfiin Shakkamtoota Seeratti Dhiheessuu Jajjabeeffamuu Qaba

(Ibsa ABO Sadaasa 17, 2018)

addaMootummaan Itoophiyaa kan EPRDFiin hoogganamu aangawoota isaa kanneen waggoota 27 dabran keessatti yakkoota dhiittaa mirga dhala namaa suukanneessoo lammiilee nagaa irratti raaw’achaa turuutti shakkaman keessaa hanga tokko seeratti dhiheessuu jalqabuun isaa oduu gammachiisaa dha. Gaaffiin haqaa gaaffiilee Qabsoon Bilisummaa ummataa of keessatti hammatee gaggeeffamu keessaa isa guddaa tokko waan taheef Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii Mootummaan Itoophiyaa gama kanaan fudhachuu eegale kan deggeruu fi jajjabeessu tahuu mirkaneessuu feena.

Ajjeechaa, hidhaa, saamicha qabeenyaa, lammiilee dachii handhuuraa isaanii irraa buqqisuu, ukkaamsanii achi-buutee dhabamsiisuu, hiraar mana hidhaatiin qaamaa hir’isuu fi maraachisuu, mirga jireenyaa sarbanii jiruu baqattummaaf saaxiluu… kkf. dhiittaa mirga dhala namaa waggoota 27 dabraniif Itoophiyaa keessatti mootummicha biyya bulchuun gaggeeffameen lubbuun lammiilee kuma dhibbaan lakkaawamu akka baalaatti harca’ee jira. Qabeenyi biyyaa fi ummataa akkaan guddaa tahuu irraa tilmaamuun nama rakkisu aangawoota mootummaatiin saamamee kaanis lolaan barbaadeeffamee jira. Akka kanaanis yeroo ammaa hiyyummaan babal’atee hoji-dhabdummaan dargaggootaas sadarkaa yaaddessaa furmaata hatattamaa barbaadu irra gahee jira.

Ammas kanaan osoo hin dhaabbanne, dhiittaa mirga dhala namaa fi saamicha qabeenyaa gaggeeffame wajjin kan wal madaalu sirnaa fi adeemsi qorannoo fi tarkaanfiin gahaan fudhatamee kanneen yakkoota dalagaman keessatti qooda ol’aanaa fi murteessaa qabaachuutti shakkamanii fi beekaman hundi seera duratti dhihaatanii murtii seeraa isaaniif malu argachuu akka qaban Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee gaafata. Adeemsa haqaa kana milkeessuudhaafis tarkaanfii Mootummaan fudhatu kan deggeruu fi jajjabeessu, akkasumas, qooda gama isaas kan bahatu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oormoo
Sadaasa 17, 2018