Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu

Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu

(Ibsa ABO – Sadaasa 08, 2018)

adda

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Adimaasuu Daamxoo ibsa haala yeroo irratti Onkoloolessa 27, 2011 (Sadaasa 6, 2018) OBN irratti kennan keessatti odeeffannoo dogoggoraa ummataaf dabarsan. Innis “Manguddootni rakkina ABO fi Mootummaa gidduutti mul’atu madda isaa baranii yaada furmaataa qaamota dhimmi ilaaluuf akeekuuf gara Lixa Oromiyaatti bobba’an humnoota hidhataniin karaatti qabamanii saamamuunii fi reebamuun raaw’atamee jira, jaarsummaanis gufatee jira” yaada jedhu kan of keessaa qabuu dha. Kuni oduu dhugaa irraa fagaatee dha.

Odeeffannoon dhugaa:
Manguddootni dhimma olitti ibsameef gara Lixa Oromiyaatti imalan magaalota Naqamtee, Gimbii fi Dambi-Doolloo keessatti hawaasa naannoo keessaa hanga argatan mariisisuudhaan rakkina jiruu fi furmaata ilaalchisee yaada irraa dhaggeeffatan. Sanatti dabalees ajajaa WBO kan Godina Lixa Oromiyaa qaamaan bira gahanii dubbisuudhaan isa irraahis akkasuma yaada isaa dhaggeeffatan. Haala kanaan manguddootni akeeka bobbaa isaanii nagaa fi milkiidhaan xumuratanii bakka irraa bobba’anittis nagaadhaan deebi’an.

Haa tahu malee, osoo Manguddootni imalan kun gara irraa bobba’anitti hin deebi’in imalli isaanii gufachuu fi waan Abbootiin Gadaa salphifamanii fi Manguddootni hiraarfaman fakkeessanii oduu dogoggoraa (dubbii dhugaa irraa fagaate) miidiyaatti bahanii dubbachuun dogoggora guddaa dha. Adeemsi Manguddoota kanaa akka gufatu, ummatni keenya akka burjaaja’u, akkasumas, maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo akka xuraawuuf itti yaadamee olola oofames fakkaata. Ibsi dogoggorsaan akkasii haqa ukkaamsee, ummata dallansiisee, akkasumas, miira wal hubannoo fi wal amantaa Mootummaa fi ABO gidduu jiru akka hammaatu yoo taasise malee bu’aa biraa hin qabaatu.

Dhimma waliigalteedhaan eegalame tokko irratti qaamni lamaan waliin ta’uun miidiyaaf ibsa barbaachisaa kennuun osoo danda’amuu qofaatti bahuun faayidaa addaa argachuuf qofa miidiyaa fayyadamuun adeemsa qajeelaa miti. Ibsi dogoggoraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa karaa Obbo Adimaasuu Daamxootiin ummataaf kenne sun ibsa biraatiin akka sirreeffamuu fi fuula duras adeemsa dogoggoraa akkanaa irraa akka of qusatamu gaafanna. Waa’ee imala Jila Manguddootaa sana ammoo Jilumti imale sun ibsa gahaa kennuudhaan dhugaa jiru hanga ummata beeksisutti obsaan eeguutu karaa dha.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 08, 2018