Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda’u

Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda’u

Sadaasa 09, bara 2005 ifatti Adda Bilisummaa Oromootiin labsamee hirmaannaa Ummata bal’aa Oromootiin guutuu Oromiyaa keessatti kan dhoohe Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) kunoo waggoota 12 lakkoofsisee jira. Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 09, bara 2005 bifa sanaan eegaluu keessatti wareegamni Ummatni keenya akka waliigalaatti baasee fi addatti ammo, dargaggootni barattoota Oromoo yeroo sanaa qoodni qabaatanii fi wareegamni isaan baasan iddoo ol’aanaa qaba.

Akeekni Fincila Diddaa Gabrummaatti seenuun barbaachiseef Qabsoon Bilisummaa Oromoo haala qabatamaa yeroo kan siyaasaa fi dinagdee, akkasumas, haala teessuma lafaa Oromiyaa wajjin kan wal simatu tooftaa fi tarsiimoo bal’aa fi cimaa taheen masakamee deggersaa fi hirmaannaa bal’aa Ummataatiin hammatamee akka finiinuu fi galma gahiinsi isaatis shaffisuufi.

Sadaasa 09, bara 2005 irraa kaasnee akka tooftaa fi tarsiimoo tokkootti kan qabanne Sochiin Diddaa Ummataa cimaan kan Ummatni keenya maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa jedhuun geggeessaa jiru sadarkaa guddinaa fi bu’aa-bahii hedduu keessa qaxxaamuraa fi yeroo irraa yerootti jabaachaa osoo addaan hin citin yoona gahe. Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan bara 2011 hundeeffamee sochii Diddaa Ummataa kana caalaatti qindeessuu fi finiinsuudhaan Sadaasa bara 2015 (waggaa 10ffaa FDG) irraa eegalee Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura Gabrummaatti ceesises Sochii seena-qabeessa Sadaasa 09, 2005 irraa eegalee Ummata keenyaan geggeeffamaa jiru kana keessaa dhalate.

Har’a waggoota 12 of duuba deebinee yeroo mil’annuu fi haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaafa sana irra turee fi sadarkaa har’a dhaqqabe wal bira qabnee oggaa madaallu wareegamni baasne guddaa tahus injifannoon gama kanaan argame kan Ummata keenya boonsu tahuu hubanna. Har’a ol’aantummaan meeshaa waraanaa fi deggersi mootummoota aangawoo Addunyaa kan diinni keenya itti abdatu Ummata mirga isaa falmachuuf murannoo fi tokkummaadhaan ka’e of duuba deebisuu akka hin dandeenye diina keenyatti agarsiisuun danda’amuutti dabalee sochiin kun Ummatoota cunqurfamoo biroofuu fakkii tahuu eegalee jira.

Sochiin Diddaa Ummataa kan maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhuun waggoota 12 abraniif geggeeffamaa jiru qaama Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOdhaan hoogganamuu ti. Adeemsa qabsoo kana keessatti Ummatni keenya wareegama ulfaataa baasaa yoona gahe. Wareegama qaalii fi ulfaataa qabsaawota ilmaan isaatiin har’a Ummatni keenya Bilisummaa Jaarraa tokkoo oliif dheeboteef gonfachuutti dhihaatee jira.

Gama kaaniin akkuma seenaa qabsoo Ummatootaa keessatti deddeebi’ee mul’ate humnootni galma gahiinsa qabsoo bilisummaa Oromootiin dantaan isaanii waan jalaa tuqamu itti fakkaatu sadarkaa QBO dhaqqabe kana irraa rifaatuu guddaa keessa seenanii qabsoo Ummata keenyaa galii isaa hanqisuuf, yoo dadhaban ammoo karaa irraa jallisanii galma ofii barbaadanitti dhiibuuf ijibbaata maayyiitti akka jiran argaa jirra. Ummatni keenya maaliif akka qabsaawaa jiruu fi galmi qabsoo isaa eessa akka tahe bareechee waan beekuuf garuu hattootni siyaasaa kamuu gonkumaa hin milkaawan. Hundaa olitti ammoo kanneen caasaa diinaa keessatti iddoo murteessituu qabsiifamanii qabsaawotaa fi QBO irratti yakka gurguddaa dalagaa bahan qaama qabsoo kanaa tahuu akka hin dandeenye hubatamee balaa isaan fira fakkaatanii geessisuuf yaalan hanqisuuf hojjechuun dhimma murteessaa dha.

Ejjennoon keenya kan sirna bittaa alagaa Oromiyaa irraa hundeedhaan buqqisuu yoomuu hin daddaaqu. Tooftaan shiraa fi humni fedhes galii qabsoo keenyaa kan Bilisummaa fi Walabummaa hanqisuus tahe daandii isaa irraa maqsuu/jallisuu hin danda’u.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 08, 2017