Ajjeechaa Dhiha Oromiyaatti Raaw’atame Jabeessinee Balaaleffanna

Obsi

 

Ajjeechaa Dhiha Oromiyaatti Raaw’atame Jabeessinee Balaaleffanna
(Ibsa ABO –Sadaasa 3, 2020)

Guyyaa dheengaddaa, Sadaasa 1,2020 Dhiha Oromiyaatti lammiilee irratti
ajjeechaan raawwatamuu miidiyaalee irraa kan dhageenye yoo tahu, ABOn ajjeechaa
kana sagalee jabaadhaan akka balaaleffatu hubachiisaa, gadda cimaa itti dhagahames
ibsa.
Akkuma tana duras jedhamuun aadeffatametti qaami mootummaadha ofiin jedhu,
ajjeechaa kana humna TPLF fi ABO-Shaneetu raawwate jechuun ibseera.
Jaarmayaan ABO-Shanee jedhamee beekamus tahee kan maqaa kanaan of waamu
garuu barbaadnee dhabne. Ummatoota Itoophiyaafis tahee hawaasa addunyaaf
eenyummaan jaarmayaa maqaa kanaan himatamaa jiru ifa miti.
Gochi kunii fi gochaaleen fakkaatoon raawwataman marti qaama walabaa fi
aminummaa qabuun yeroo gabaabaa keessatti qoratamee warreen ajjeechaa kanaan
miidhamanii fi ummatoota Itoophiyaatiif akkasumas hawaasa addunyaatiif akka ifa
tahu gaafanna. Kanaan ala qaamonni hundi odeessa ummatoota walitti buusuu fi
saboota jidduutti wal shakkii uumu bifa kamiituu facaasuurraa akka of qusatan
dhaamna.
Maayiirratti jeequmsaa fi rakkoon nageenyaa lammiilee gaaga’aa jiru xiyyeeffannaa
jabaa argatee furmaanni itti laatamuu baannaan irra hammaataa akka deemu ABO
ibsa baaseen hubachiisuun kan yaadatamu yoo tahu, balaa argaa jirru kana hambisuu
fi lammiilee Oromiyaa jeequmsa caalurraa baraaruuf furmaanni jiru tokkichi
Mootummaa Cehumsa Biyyaalessaa Oromiyaa ijaaruu waan taheef, lammiileen
hundi akka qooda isaa gumaachan waamicha keenya irra deebiin haaressina.
Irra deebi’uun ABOn Dhiha Oromiyaatti lammiilee irratti raawwatamee fi tana duras
bifa fakkaataadhaan dhaqqabe hunda sagalee jabaadhaan akka balaaleffatu
hubachiisaa, maatii fi firoota warreen lubbuu dhabanii akkasumas nagaa jaalattoota
hundaaf jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 3, 2020