Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Obsi

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisummaa Oromoo rakkinoota biyyattii addattis haala Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessaa irratti paartilee Oromoo kanneen biroo fi paartilee siyaasaa Amaaraa waliin ji’oota dura marii gaggeessuun ni yaadatama. Mariin kunis, dhimmoota jajjaboo ajandaa siyaasaa Partiileen qabatanii deeman, dhiittaa mirgoota namoomaa suukaneessaa keessumaa ajjeechaa fi hidhaa barattoota Yunvarsiitiilee akkasumas rakkinoota naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hidda jabeeffatuun lammiilee hiraarsaa jiran akkaataa itti furuun danda’amu irratti kan fuuleffate ture.

Haa tahuu, ji’oota Lamaa as ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatin booda haalota walxaxoo dhalatani fi rakkinoota mudatan irraa marichi akka silaa yaadametti deemuu waan hanqateef ABOn irraa qooda fudhatuu dhaabe.

Paartileen siyaasaa Oromoo fi Amaaraa maqaa Oro-Amaaraa jedhuun walgahan Fulbaana 23, 2020 waliigaltee mallatteessan jedhamee ibsa bahe irratti akka waan ABOn hirmaateetti maqaan dhaaba keenyaa kaafamuu agarre. Kun dogoggora sirreeffamuu qabu dha.

Eegalli marii jiraatuun ifa tahus, waltajjii kaleessaa ABOn irraa qooda hin fudhanne kanaan xumura waliigaltee tahee jedhamee ibsi maayiirratti akka ABOn waltajjicharra tureetti fakkeeffamee bahe dhaaba keenya kan bakka hin buune tahuu hundaaf ibsina.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Fulbaana 24, 2020