Mirgi Abbaa-biyyummaa Bilisummaa Dhugaa Qofaan Nuuf Kabajama !

Mirgi Abbaa-biyyummaa Bilisummaa Dhugaa Qofaan Nuuf Kabajama !

adda(Ibsa ABO – Bitootessa 07, 2019)

Qabsoon Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa Sabni Oromoo barootaa dheeraaf gaggeessee fi wareegamni ulfaataan qabsoo kana keessatti baafame siyaasaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa yeroo adda addaatti geessiseen jijjiiramoota sadarkaa adda addaa maddisiisaa yoona gahe. Jijjiirama yeroo ammaatti siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jira jedhamee faarfamu kana maddisiisuu keessattis qooda ol’aanaa kan qabaate Qabsoo Bilisummaa Oromoo tahuu eenyu illee haaluu hin danda’u. Haa tahu malee Sabni Oromoo har’as jijjiirama firii wareegama qaalii ilmaan isaa tahe kanatti fayyadamee Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa isaa akka hin mirkaneeffanneef shirri humnootaa fi qaamota gara garaatiin xaxamaa jiru salphaa miti.

Yeroo ammaatti qabsaawotni jijjiirama amma mul’atu kana argamsiisuu keessatti qooda ol’aanaa qabaachaa turan kumoota hedduudhaan manneen hidhaatti argamu. Kanneen guyya-guyyaan haaraatti hidhamaa jiranis danuu dha. Dhiha Oromiyaatti Godinootni Wallaggaa afran, Kibba Oromiyaatti Godinootni Booranaa fi Gujii bulchiinsa ‘Command Post’ kan seeraan hin labsamin jala jiru. Walumaagala hacuuccaan siyaasaa fi saamichi qabeenyaa, hidhaan, ajjeechaa fi roorroon bifa gara garaa loogii siyaasaa irratti hundaawe har’as akkuma itti fufetti jira.

Addatti ammoo yeroo ammaatti ijaarsa seeraan alaa manneen jireenyaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa tarkaanfatee ijaarsiseen wal qabatee hiriirri mormii kaleessa (Bitootessa 06, 2019) irraa eegalee Oromiyaa keessatti babal’achaa jira. Tarkaanfiin Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa naannoo Koyyee Faccee ilaalchisee fudhate mirga Abbaa-biyyummaa Ummatni Oromoo fi Oromiyaan akkuma Heera biyyattiittuu qaban kan cabse dha. Hunda caalaa kan nama gaddisiisu ammoo gochaan kun ‘Master Plan’ Finfinnee kan waggoota afran dabraniif Sabni Oromoo (keessattuu Qeerroon) dura dhaabbatee wareegama ulfaataa itti baasee dhaabsise itti fufsiisuuf kan akeekkate tahuu isaa ti. Kun ammoo wareegama ilmaan Oromoottis qoosuu dha.

Qabsoo Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa Ummatni keenya wareegama qaalii itti baasee sadarkaa kana irraan gahe duubatti deebisuuf ykn. galii isaa irraa jallisuuf shira eenyuunuu xaxamu ABOn cimsee balaaleffata. Dhaabotni mirga Saba Oromoo kabajsiisuuf qabsaawan hundis dhimma dantaa waloo Saba keenyaa tuqu kamuu irratti hafuura tokkummaatiin akka qabsoofnu ABOn hundaaf waamicha dabarsa. Maayyii irratti Ummatni keenya wareegamni ilmaan isaa hanga har’aatti baasaa jiran gatii malee akka hin hafne taasisuudhaan mirga isaa guutuutti kabajsiifachuuf tokkummaa isaa tikfatee akka waliin dhaabbatu ABOn waamicha isaa haaromsaafi. Mirga Abbaa-biyyummaa keenyaa guutuutti kabajsiifachuu kan nuti dandeenyu gaafa Bilisummaa dhugaa gonfanne waan taheef galma sanaaf jabaannee haa qabsoofnu.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo 
Bitootessa 07, 2019