Mootummaan Paartii Bilxginnaa Hidhamtootaa fi Maatii Hidhamtootaa Qaamaa fi Qalbiin Hiraarsuu Dhaabuu qaba!

 

Mootummaan Paartii Bilxginnaa Hidhamtootaa fi Maatii Hidhamtootaa Qaamaa fi Qalbiin Hiraarsuu Dhaabuu qaba!

 

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

 

Mootummaan Itiyoophiyaa, kan paartii Bilxiginnaa (PP)’n hogganamu, mormitoota siyaasaa, addatti miseensotaa fi deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hiraarsuu jabeessee itti fufee jira. Caasaan nageenyaa PP hoggantoota ol’aanoo fi miseensota ABO seeraan ala hidhuun fi manneen hidhaa keessatti adeemsa seeraa tokko malee dararaa jira. Buufataalee poolisii fi manneen nama itti ugguran (detention centers) gara garaa keessatti hidhuun, maatii fi firoottan isaanii jalaa ugguree jira.

 

Mootummaan PP Manneen hidhaa seerawaa fi seerawaa hin taane adda addaa keessatti hidhamtoota irratti sarbamiisna mirga dhala namaa gaggeessaa jira. Manni hidhaa Buraayyuu, giddugalawwan hidhamtootni itti dararamanii fi tajaajila wayiituu itti hin arganne keessaa isa tokko. Haala qabiinsaa badaa kana mormuunis, hoggantootni ol’aanoon ABO yeroo dheeraadhaaf nyaata lagatanii jiru. Kaleessa mana hidhaa Galaan irraa Burayyuutti kan dabarfaman Jaal Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa, fi Battee Urgeessaa fa’a kanneen nyaata lagatan keessatti argamu. Sababa kanaanis, fayyyummaa fi haalli qaamaa fi qalbii waliigalaa hoggantoota ol’aanoo kanneenii guyyaadhaa gara guyyaatti hammaachaa jira. Maatiin miseensota ol’aanoo kanneenis isaan daawwachuu kan dhorkaman yommuu ta’u isaanis dararamaa jiru.

 

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa yeroo dheeraaf beellama mana murtii dhuma hin qabne hordofaa ture. Kaleessa manni murtii galmee isaa cufee bilisa tahuun itti ture, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ammallee Mana Hidhaa Poolisii Meeksikootti argamutti dararamaa jira.

 

Hoggantoota ol’aanoo fi miseensota ABO hedduu mootummaa PP’tiin mana hidhaa tursiifaman gidduudhaa, 30 kanneen ta’an Buufata Poolisii Sabbataatti hidhamanii jiru. Gabaasni dhiyoo kana bahe akka mul’isutti, hidhamtootni siyaasaa kunneen tajaajila nyaataa, bishaan, fi fedhiiwwan bu’uuraa namoomaa dhabanii rakkachaa jiru. Dargaggoo Dachaasaa Wiirtuu, Gaazexeessaa Biqilaa Amanuu, fi Gaazexeessaa Dassuu Duulaa fa’a kanneen nyaatni isaaniif hin hayyamamnee fi hin dhiyaanneef dha. Hogganaa Buufata Poolisii Sabbataa kan ta’e, Saajin Dajanee Kabbadaa jedhamu, nyaata maatii fi firoottan hidhamtootaa gara buufatichaa fidanii dhufan akka balfaatti laffatti jalaa gateeraa.

 

Walumaa gala Lammiilee fi hoggantootni kunneen seeraan ala hidhamuun fi fedhii bu’uuraa namootaa jiraachuuf isaan barbaachisu dhorkatamuun kun maatii, firoottan, ABO, fi Uummata Oromoo hedduu gaddisiisee jira.

 

Mootummaan PP sarbama mirga namoomaa lammiilee irratti itti fufiinsaan raawwatu arguun nama dhukkubsa. Faallaa kanaanis, mootummaan PP sarbama mirga dhala namaa akka gaggeessu hayyamni waan kennameef fakkaata.

 

Ibsa kana wayita barreessinu kanatti, haalli qaamaa, qalbii, fi fayyummaa hoggantootaa fi miseensota ABO kumaatamootaan lakkaawaman mannen hidhaa hiraarsaa PP lakkaa’anii fixuu hin dandeenye, kanneen guutuu Oromiyaa keessatti argamanii guddoo nama yaaddessa. Hoggantootaa fi maatiin isaanii

kunneen mootummaa PP’tiin kan dararamaa jiran sababuma ejjennoo siyaasaa isaaniitiin qofa. Haalli kun naannolee biroo biyya Itiyoophiyaa keessattis garaa garummaa homaatuu hin qabu.

 

Kanaafuu, Hawaasni idil addunyaa, addatti, Jaarmiyaaleen Mirga Namoomaa, hidhamtoota siyaasaa sagalee hin qabne kanneen cina akka dhaabbatan ABO’n waamicha ni taasisa. Akkasumas, uummatni Oromoo fayyummaa hoggantoota kanneenii itti dhiyeenyaan hordofuun, hidhamtoota kanneenii fi maatii isaanii bira akka dhaabbatan daballee ni gaafanna.

 

 

Injifannoon Uummata Bal’aaf!

 

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Guraandhala 10, 2022

 

Finfinnee