Ummatni Jaalalaan Malee Lolaan Hin Mohatamu

Ummatni Jaalalaan Malee Lolaan Hin Mohatamu


(Ijoo Dubbii ABO Sadaasa 14, 2017)

Lola kaayyoo Wayyaanee kan farra Bilisummaa Ummatootaa, farra dimokiraasii fi haqaa tahe fiixaan baasuuf bara 1992 Wayyaaneedhaan Ummata Oromoo irratti banamee waggoota 25 dabraniif osoo addaan hin citin deemaa jirutu Wayyaanee butuchee sadarkaa amma irra gahe kana (jal-bultii xumura aangoo isaa) irraan gahe. Haa tahu malee, Wayyaaneen har’as osoo shakaraata ykn. wargamsuu du’aa keessa jiruu illee lola Ummata Oromoo irratti labse kana injifachuuf abjoota. Abjuun isaa kun garuu abjuu tahee hafa. Ummatni jaalalaan malee lolaan hin mohatamu. Addi Bilisummaa Oromoos onnee Ummata Oromoo keessa kan seene lolaan osoo hin taane jaalalaani.

Biyyoota sirna dimokiraatawaadhaan bulan keessatti mootummaatu tajaajiltuu Ummataa ti. Ol’aantummaan kan Ummataa ti. Sirna/system fi Heera ol’aantummaa Ummataa kabajsiisuun waan hojjetamuuf hariiroo Ummataa fi mootummaa biyya bulchu gidduu jiraachuu qabu isatu murteessa. Waan taheef yoo mootummaan fedhii Ummata isa filatee sana guutuu hanqate ykn. galfata/amaanaa nyaate (yoo dantaa fi mirgi Ummataa tuqame) Ummatni sirnaa fi Heera sanatti dhimma bahee of irraa jijjiira.

Mana hidhaa Sabootaa tan taate Impaayera Itoophiyaa keessatti garuu dubbiin kun faallaa/fuggisoo dha. Ummatatu tajaajiltuu mootummaa ti. Sirnaa fi Heerri hariiroo mootummaa fi Ummata gidduu murteessu maqaaf xalayaa irra ni jira. Waa’ee ol’aantummaa Ummataas ni dubbata. Garuu sun akkanumaan ykn. agarsiisaaf taa’uu malee yeroo inni itti hojii irra oole mul’atee hin beeku. Waan taheef yoo Ummatni fedhii mootummaa biyya bulchuu sana guutuu hanqate (yoo gaaffii mirgaa gaafate, tarkaanfii mootummaan fudhatu kan dantaa Ummataa tuqu irratti yoo mormii dhageessisee fi walumaagala yoo callisee ajaja fudhachuu fi mataa gadi qabatee buluu dide) mootummaan hidhuu fi ajjeesuu dabalatee tarkaanfii fedhe irratti fudhata. Dhugaan kun uumamuu Impaayera Itoophiyaa irraa kaasee kan turee fi har’as akkuma itti fufetti kan jiruu dha.

Dhugaa kanaaf ragaa guddaa wanneen tahan keessaa tokko gidduu dabre kana qaamni TPLF/EPRDF “Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa” jechuudhaan tolfate wal gahee murtii dabarsee dha. Qaamni “Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa” jechuudhaan Wayyaaneen tolfafte kun walgahii guyyoota muraasa dura geggeeffateen gaaffii mirgaa Ummatootni kaasaa jiran (keessumattuu Qabsoo Bilisummaa Saba Oromoo) akkuma waggoota 26 dabran hunda gochaa bahetti humna waraanaatiin ukkaamsuu itti fufuuf murteeffachuu isaa ifa godhee jira. Murtiin qaama kanaa karoora TPLF/EPRDF ammas irra deebiidhaan humna tikaa fi waraanaa qabutti dhimma bahee Ummata Oromoo irratti lola labsuuf baafate fiixaan baasuuf kan akeekkate tahuun beekamaa dha.

Gaaffii mirgootaa fi Qabsoo Bilisummaa Ummatootaan (keessattuu Qabsoo Bilisummaa Oromootiin) muddamee umriin bittaa isaa guyyaa irraa guyyaatti gabaabbachaa kan jiru Wayyaaneen muddamsuu irraa dhiheenya kana gaaffii Ummataaf deebisaan waan kennamaa jiru fakkeessuuf ergamtoota isaatti dhimma bahee diraamaa sobaa hedduu qindeessee ittiin Ummata sobuuf yaalaa ture/jira. Lukkeeleen isaaf amanamoo tahan hedduunis diraamaa kana Ummata fudhachiisuuf “Haalli akka durii miti, jijjiiramatu mul’achaa jira, kanaaf ammatti mormii dhageessisuun sirrii miti…kkf.” jechuudhaan Wayyaaneef daboo bahuu eegalanii jiran. Haa tahu malee haasawa afaanii bira kutee wanti hojiidhaan lafa irratti mul’ate waan hin jirreef dubbichi diraamaa ittiin Ummata sobanii yeroo bitachuudhaan umrii aangoo TPLF/EPRDF dheeressuuf karoorfame qofa akka tahe Ummatni dafee itti dammaqee mormii isaa finiinsuu itti fufee jira.

Diraamaan sobaa ittiin Ummata gowwoomsee umrii bittaa isaa dheereffachuuf qindeeffate Ummataan itti dammaqamee jalaa fashaluu wayta arge kanatti dha egaa Wayyaaneen maqaa “Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa” jedhu kanaan murtii Ummata keenya irratti labsii lolaa haaromsuu kan fudhate.

Murtiin Wayyaaneen amma akka haaraatti irra gahe jedhu kun Ummata Oromoof haaraa miti. Wayyaaneen Ummata Oromoo irratti kan ifatti lola labse bara 1992 yeroo Dhaaba Ummatni Oromoo filate Adda Bilisummaa Oromoo fi Ummata Oromoo wajjin lolatti seene dha. Yeroo sana irraa kaasee Wayyaaneen humnaa fi mala ofii qabuu fi gargaarsa alagaa irraa argatu hundatti dhimma bahee Ummata Oromoo fi Dhaaba Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo tahe ABO mohachuuf lola bifa hundumaan geggeessu irraa yeroon itti boqotee fi humna isaa qusatee beeku hin jiru.

Lola kaayyoo Wayyaanee kan farra Bilisummaa Ummatootaa, farra dimokiraasii fi haqaa tahe fiixaan baasuuf bara 1992 Wayyaaneedhaan Ummata Oromoo irratti banamee waggoota 25 dabraniif osoo addaan hin citin deemaa jirutu Wayyaanee butuchee sadarkaa amma irra gahe kana (jal-bultii xumura aangoo isaa) irraan gahe. Haa tahu malee, Wayyaaneen har’as osoo shakaraata ykn. Wargamsuu du’aa keessa jiruu illee lola Ummata Oromoo irratti labse kana injifachuuf abjoota. Abjuun isaa kun garuu abjuu tahee hafa. Ummatni jaalalaan malee lolaan hin mohatamu. Addi Bilisummaa Oromoos onnee Ummata Oromoo keessa kan seene lolaan osoo hin taane jaalalaani.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !