Murtii fi Kutannoolee Walgahii 3ffaa GS ABO Adoolessa 8, 2025

                                                       

Murtii fi Kutannoolee Walgahii 3ffaa GS ABO Adoolessa 8, 2025

Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa kan Adoolessa 7 – 8, 2025 magaalaa Finfinnee, Gullallee, Waajjira Mummee ABOtti geggeeffateen: Haala Dhaaba ABO, Haala Oromiyaa fi Itoophiyaa, Haala Godina Gaanfa Afriikaa fi haala waliigala Addunyaa kanneen qabsoo ummata keenyaatiif dhiibbaa hamaas tahe tolaa qabaachuu danda’an irratti marii bal’aa gaggeesse. Marii kana irratti hundaawuudhaanis dhimma jaarmayaa ABO fi dhimmoota waliigalaa irratti murtii fi kutannoolee armaan gadii dabarsuudhaan walgahii isaa haala gaariidhaan xumuratee jira.

  1. Dhimma Jaarmayaa ABO
  2. Kora Sabaa (Kora Addaa) kan Waxabajjii 2019, erga waajjirri muummee ABO Finfinneetti deebi’ee, ulaagaa seerri biyyattii gaafatu guuttachuuf jecha gaggeeffameen asitti dhiibbaa gara garaatiin dhimmoota caasaa fi sirna jaarmayaa ABO irratti qaawwa uumaman cufachuuf, akkasumas, ulaagaa seerri biyyaa gaafatu kan yero yerootti haaromsamu guuttachuudhaan Dhaabicha daran jabeessanii hojii qabsoo itti fufsiisuuf akka gargaaruuf, Korri Sabaa 5ffaan ABO yeroo gabaabaa keessatti akka gaggeeffamu Gumiin Sabaa murteessee Koree Kora kana qopheessitus utubee qajeelfama hojiis kenneefii jira.

 

  1. Dhimma miseensota hoogganaa kanneen Kaayyoo fi Heera Dhaabichaa irraa maquudhaan Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo haqaa Dhaabichi gaggeessu irratti gocha gantummaa raaw’atan ilaalchisee, gabaasa KHR kan Hayyu-Duree ABOtiin dhihaateef, akkasumas, gabaasa Koree Seeraa fi Tohannoo dhaggeeffatee irratti mari’achuudhaan, Heera ABO fi labsii boordii filannoo biyyoolessaa hordofuudhaan tarkaanfii Hayyu-Duree fi Koreen Hojii Raaw’achiistuu wal duraa-duubaan fudhatan kan gabaasichaan dhihaate Gumiin Sabaa ABO raggaasee jira. Itti dabalees, Gumiin Sabaa ABO, Heera ABO fi labsii boordii filannoo biyyoolessaa 1162/2019, aangoo 90.5 irratti hundaawuudhaan, miseensotni hoogganaa kunniin dirqama, gaafatamaa fi mirgoota Dhaaba keessatti qaban hunda irraa ugguramanii dhimmi isaanii murtii maayyiitiif Kora Sabaatti akka dhihaatu qajeelchee jira.

 

  1. Dhimmoota Waliigalaa
  2. Ummatni keenya qabsoo bilisummaa hoogganummaa ABOtiin waggoota 50 oliif gaggeessaa yoona gaheen injifannoo fi mirgoota mumul’atoo hedduu gonfatus, har’a illee haadha mirgoota hundaa kan taate bilisummaa isaa akkuma dheebotetti jira. Har’as ajjeechaan, hidhaa fi dararamni ilaalcha siyaasaa keessaa maddu irraa hin dhaabbanne. Keessattuu, bara 2018 qabsoo fi wareegama ummatni Oromoo (addatti ammoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo) qooda ol’aanaa keessatti qabaataniin jijjiiramni mootummaa erga godhamee as, waggoota 7 dabraniif, ummatni keenya roorrifama kan sirnoota dabranii irra hammaatutu isa mudate. Murni EPRDF keessaa aangootti dhufe hunda dura Oromoo irratti lola bane. Akka kanaan waadaa yeroo aangootti dhufu ummataaf seenee ture kan “Rakkoo siyaasaa lolaan osoo hin taane mariidhaan furra.” jedhu hojiitti hiikuu hanqachuudhaan Oromiyaa dirree goolii fi jeequmsaa taasise.

 

  1. Waliigaltee ABO wajjin Asmaraatti godhame faallessuudhaanis Hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deggertoota ABO bilisummaa sochii sarbee: doorsisa, miidhaa qaamaa, hidhaa fi ajjeechaadhaan sodaachisee of jala galchuudhaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf, daba siyaasaa seenaan hin daganne hedduu raaw’ate.

 

Miseensota hoogganaa fi qondaalota ol’aanoo  dabalatee, miseensotaa fi deggertootni ABO hedduun, Oromiyaa bakka hedduutti haala beekamuu fi hin beekamneen ajjeefamuun, miseensota KHR fi GS ABO dabalatee, qondaalotni ol’aanoo fi miseensotni ABO kumoota hedduutti lakkaawaman seeraan alaa fi balleessaa malee hidhamanii waggoota dheeraaf hiraarfamuun, Waajjira Muummee ABO kan amma walgahiin kun keessatti geggeeffame dabalatee, waajjirootni ABO Oromiyaa guutuu keessaa cufamanii turuun daba siyaasaa armaan olitti ibsame kanaaf ragaalee mul’atoo dha.

 

Gumiin Sabaa daba siyaasaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti dalagame kana cimsee balaaleffata. Adeemsi akkanaa kan aadaa siyaasa Itoophiyaa tahee baroota lakkoofsise kun  nageenyaa fi wabii jireenya ummatootaa kan waliigalaaf gufuu guddaa tahuun hubatamee, Paartiin biyya bulchaa jiru (PP.n) adeemsa badii kana irraa dhaabbatee, mirgootaa fi bilisummaa sochii siyaasaa kan ABOs tahe Dhaabotni siyaasaa biroo fi lammiileen biyyattii hundi  kaayyoo fi imaammata siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa itti amanan geggeeffachuuf qaban akka kabajuu fi dirree siyaasaa kan qabsoo karaa nagaa cufuu irraa akka of qusatu Gumiin Sabaa jabeessee gaafata.

 

  1. Yeroo ammaa olola dogoggorsaa fi burjaajessaa ‘gareen amma Itoophiyaa bulchaa jiru Oromoo dha ykn. Oromoof looga’ jedhu kan faallaa dhugaa lafa irra jiruu taheen Saba Oromoo irratti duulli maqa-balleessii kan balaa guddaa hordofsiisuu danda’u gaggeeffamaa jiraachuun waan argaa fi dhagahaa jirru dha. Sabni Oromoo balaa sababa kanaanis tahe akka biraatti gara kamiinuu itti aggaamamu irraa of ittisuuf tokkummaa isaa cimsatee mooraa qabsoo isaa akka jabeeffatu hubachiisna. Akkasumas, mirga sabootni qabsoodhaan argatan deebisanii sarbuuf ykn. duubatti deebisuuf yaalii bifa kamiinuu taasifamu ummatni keenya dammaqiinsaa fi cichoominaan akka dura dhaabbatu yaadachiisna.

 

  1. Sababii nageenyi dhabamuutiin barattootni mana barumsaatti galmaawan (keessattuu baadiyaa keessatti) lakkoofsaan xiqqaachaa jiru. Barattootni sadarkaa University irraa eebbaaf gahanis akkasuma lakkoofsaan xiqqaachaa dhufuun beekamaa dha. Kana malees ummatni baadiyaa naannoo lolli keessatti geggeeffamu jiraatu dhiheessii qorichaa gahaa dhabuudhaan dhukkuboota irraa fayyuun danda’amuun du’aaf saaxilamuun dabalaa jira. Kun hegeree biyyaa fi ummataaf yaaddoo guddaa dha. Waan taheef, ummatni bal’aa fi qaamotni dhimmi ilaalu hundi yaaddoo kana xiqqeessuuf Paartii biyya bulchaa jiru irratti dhiibbaa feesisu hunda akka godhan hubachiisna.

 

  1. Nagaa fi tasgabbiin: wabii jireenya ummataaf, shaakala dimokiraasii fi guddina waloo argamsiisuuf wabii dha. Waan taheef, mootummaan PP humnoota qabsoo hidhannoo gaggeessan waliin rakkoo siyaasaa jiru mariidhaan akka fixatuu fi nageenya ummataa kan waliigalaa mirkaneessuuf waan isa irraa barbaadamu akka raaw’atu Gumiin Sabaa hubachiisa.

 

  1. Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti ol’aantummaan seeraa dhabamee, dhiittaan mirga namoomaa (keessattuu mirga dubartootaa fi daa’immanii) hammaatee, saamichi bifa gara garaatiin ummata irratti geggeeffamu daran babal’atee, qaala’iinsi jireenyaa daangaa dabree jira. Maqaa mishoomaatiin hiyyeessa lafa isaa irraa buqqisuu fi gibira humnaan olii itti fe’uudhaan jireenya itti hadheessuun daran hammaatee jira. Kanaaf sababni guddaan ammoo Paartiin biyya bulchaa jiru (PPn) rakkoo siyaasaa fi nageenyaa karaa nagaa fi dimokiraatawaa taheen qaamota dhimmi ilaalu wajjin mari’atee furmaata waaraa barbaaduu diduu fi bulchiinsa abbaa irrummaa itti fufsiisuu filachuu isaa ti. Hannaa fi malaammaltummaan (corruption) haala kanaan uumames rakkinoota ibsaman kanneen daran hammeessuu keessatti qooda ol’aanaa qabu.

 

  1. Dhiittaan mirga namoomaa qaamota mootummaatiinis tahe qaamota birootiin lammiilee nagaa irra gahan hundi qaama walabaan qoratamanii itti gaafatamummaan jiraatuu akka qabu ABOn jabeessee amana. Kana dhugoomsuufis wanti amma Paartiin Badhaadhinaa maqaa ‘Marii Biyyoolessaa/National Dialogue’ fi ‘Haqa Cehumsaa/Transitional Justice’ jedhuun haala qaamota dhimmi ilaalu hunda hin hirmaachisneen gaggeessuutti jiru irraa dhaabbatamee, mariin haqaa kan qaamota dhimmi ilaalu hunda hirmaachisuudhaan gara furmaata dhugaa, kan filannoo haqaa fi bilisa gaggeessuuf haala mijeessuutti geessu akka taasifamu kanneen dhimmi ilaalu hundi dhiibbaa gama isaanii akka godhan yaadachiisna.

 

  1. Jaarmayootni Siyaasaa Itoophiyaa Sagantaa siyaasaa fi mul’ata qaban humnaa fi wal balleessuudhaan osoo hin taane akkaataa itti wal hubatamee rakkoo fi garaagarummaan jiru murtii ummataatiin furmaata waaraa argatutti waliif kabajanii sossohuun barbaachisaa tahuutti ABOn ni amana. Carraa kanaan, waajjirri Muummee ABO akka banamuuf sochii gochaa turre keessatti Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee keessaan warri nu bira dhaabbattan galatoomaa jenna.

 

  1. Humnootni mirga ummataaf dhaabbanne jechaa lafa babal’ifachuuf ummata wal irratti kakaasuudhaan gocha hamaa nageenyaa fi waliin jireenya ummataa boriif godaannisa seenaa kaa’ee dabru raawa’tan, gochaa akkanaa irraa akka of qusatan gaafanna. Kanumaa waliin, gareen aangoo mootummaa harkaa qabus shira akkasiitti fayyadamuudhaan umrii aangoo dheereffachuuf yaaluu irraa akka of qusatu akeekkachiisna.

 

  1. Humnootni biyyoota biroo kan bolola saamicha dinagdee Oromiyaatiif hamuummatan dantaa ofiif jecha qabsoo haqaa Sabni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf geggeessutti gufuu tahuuf shirri isaan xaxan nageenya waliigalaa naannoo kanaatiif balaa waan taheef akka irraa of qusatan gorsina.

 

  • Fumaata

ABOn akkuma irra deddeebi’ee ejjennoo isaa ibsachaa turee fi gochaanis itti hirmaatee fedhii isaa agarsiisaa ture, ammas taanaan rakkoon Itoophiyaa inni bu’uuraa rakkoo siyaasaa waan taheef, gaaffii haqaa afaan qawweetiin ukkaamsuu fi filannoo kijibaa kan gareen biyya bulchu kophaa ofii dorgomee yookaan kanneen dantaa dhuunfaa xixiqqoo barbaachaaf hamaamota isaaf tahaniin of dabaalee geggeeffatuun rakkinichi akka hin furamne hundaan hubatamuu qaba jennee amanna. Waan taheef, rakkoo siyaasaa jiruuf furmaatni siyaasaa akka argamsiifamuuf kanneen dhimmi isaa ilaallatu hundi gahee isaanii akka bahatan gaafachaa, ABOn gama isaatiin furmaata waaraa argamsiisuuf hojjechuu ammas cimsee kan itti fufu tahuu beeksisna.

  1. Guduunfaa

Impaayerri Itoophiyaa madda rakkoo nageenyaa fi tasgabbii godinichaa tahaa har’a geesse. Keessa isheettis nagaa waaraa fi amansiisaa argattee hin beektu. Kanaaf sababni ammoo ilaacha farra dimokiraasii mootummootni dhufaa-dabraa Itoophiyaa bulchan ittiin masakamaa yoona gahani dha. Innis mirga waloo kan hiree ofii ofiin murteeffachuu ummatootaa kabajuu irra afaan qawweetiin ukkaamsuutti amanuu dha. Adeemsa faallaa dimokiraasii fi faallaa mirgoota labsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) tahe kana irraa dhaabbatamee rakkoon siyaasaa biyyattii karaa nagaa fi adeemsa Heeraatiin akka furmaata waaraa argatuuf mootummootni fi qaamotni adda addaa kan nagayaa fi tasgabbii naannoo kanaa irraa dantaa qaban, akkasumas, hawaasni addunyaa akka waliigalaatti dhiibbaa gama isaaniin feesisu kan nagaa fi tasgabbii Godina Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf gargaaru akka taasisan yaamicha goona.

Maayyii irratti ilmaan Oromoo kanneen waggoota dabran keessatti balaa ABO diiguuf itti aggaamame  qolachuuf hanga wareegama lubbuutti falmatanii Dhaabaa fi qabsicha jiraachisan hundaa GS-ABO gaddaa fi kabaja guddaadhaan isaan yaadata. Gumaa fi beenyaan isaanii qabsoo bilisummaa sabaa isaan kufaniif galmaan gahuu dha jenna. Kanuma waliin hawaasa keenya biyyoota ambaa jiraatan rakkoo Dhaabaa fi ummata keenya biyya keessaa irra gahuuf sagalee tahuutti dabalee miseensota Dhaabaa hidhaan seeraa alaa fi dhiittaan mirgaa bifa gara garaatiin irra gahu waan danda’aniin gargaaruuf birmannaa taasisaniif Gumiin Sabaa carraa kanaan ni galateeffata. Fuula duraafis Sabni Oromoo, akkuma baroota qabsoo dabran (keessattuu waggoota 5 as aanan) miidhama fi wareegama hedduu danda’ee fi obsee qabsaawota isaa of keessatti hammatee falmaa hadhooftuu geggeessaa har’a gahetti, hanga qabsoon haqaa bilisummaa keenyaaf geggeessinu galma gahutti hirmaannaa isaa jabeessee akka itti fufu yaamicha qabsoo haaromsina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf

Gumii Sabaa ABO

Adoolessa 8, 2025