Weerara Namoota Nagaa – Oromoota Walloo irratti Mootummaa PP fi

 

Weerara Namoota Nagaa – Oromoota Walloo irratti Mootummaa PP fi

Mootummaa Naannoo Amaaraatiin Gaggeeffamaa Jiru Ilaalchisee

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo.

Ibsa ABO – Eebla 21, 2022

ABO Mootummaan Paartii Bilxginnaa (PP) Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu, ka’umsumaa haaromsa idoolojii fi piroojektii Minilik II’tiin gaggeeffamaa jira jedhne amana. Kunis, fedhii daangaa babaldhifannaa garee finxaaleyyii jajjabeessuu fi daangaa sabaa fi sablammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa kanneen biroo gad xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu ni dabalata. Idoolojii balaafatamaaa kana keessatti, mootummaan Bilxiginnaa Partii uummatoota cunqurfamoo hundarra dhiibbaa geessisaa kan jiru yommuu ta’u; daangaa babaldhifannaa gartuu aangoorra jiruu ammoo ittuma baldhisaa jira. Adeemsa kana keessatti, sabaa fi sablammiiwwan kanneen akka Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Tigraay fa’a kanneen Naannoo Amaaraa daangessan hedduun isaanii rakkoo kanaaf saaxilamanii jiru. Addatti, Naannoon Oromiyaa kallattii Kaabaa, Bahaa fi Lixaan dabalatee daangaa hedduun haleelamaa jira; akkasumas, garee daangaa babaldhifannaa mootummaa Bilxiginnaa Partiitiin deeggaramaniin itti fufiinsaan weeraramaa jira. Milishaan Mootummoota Naannolee kanneen Paartii Badhaadhinaa waliin gamtaan hojjetan fi Waraanni Eertiraa waggoota sadii fi walakkaa darbaniif waraana mancaasaa fi addaan hin cinne kana irratti bifa dhaabbataadhaan hirmaachaa jiru.

 

Waraanaa fi ajjeechaan namoota nagaa tooftaadhaan gaggaffamu kun akkasumas duulli daangaa babaldhifattoota kanneenii yeroo Dr. Abiyyi gara aangootti dhufe irraa eegalee waggaa sadii fi walakkaa darbaniif adeemsifamaa jiraatus; ajjeechaa fi buqqa’iinsi yeroo ammaa namoota nagaa Oromoota Walloo irratti gaggeeffamaa jiru guddoo yaaddessaa ta’eera. Yeroo kanatti, mootummaan naannoo Amaaraa, mootummaa giddugaleessaa waliin qindoomuun, Oromoo nagaa Walloo irratti waraana baldhaa labsee jira. Amma wayita ibsa kana baasaa jirruttis, daa’immanii fi manguddoota dabalatee, Oromootni nagaa Walloo, haleellaa gareewwan shororkeessaa Milishaa Amaaraa fi Faannoo Amaaraa mootummaan deegaramaniin akkasumas gartuuwwan isaan waliin hidhata qabaniin haleelamaa jiru. Ajjeechaan Oromoota nagaa Walloo irratti gaggeeffamaa jiru, sabummaa irratti kan xiyyeeffatee fi jumlaan ta’ee; manneen isaanii gubuun, qabeenyaalee isaanii mancaasuun, beeyladoota isaanii ooffachuu fi qabeenyaalee dhuunfaa isaanii saamuun qonnaan bultootaa nagaa buqqisuu kan kaayyeffate dha.

 

Weerarri kun yeroo baatii Ramadaanaa babaldhachuun matumtisaa kan mul’isu, garaa jabinaa fi cubbuu sirni aangoorra jiru Oromoota Walloo irratti qabu ifa taasisa. Gareen aangoo harkaa qabu kun, wayita isaan sooma irra jiran kanatti namoota nagaa fi qulqulluu ajjeessuun amantaa Musliimaa irra hedduun Oromoota Walloo hordofan gad xiqqeessaa jira. Kunis, qajeelfama bu’uraa bulchiinsaa Impaayerri Itiyoophiyaa ittin ijaarame, jechuunis: afaan tokko, amantaa tokko, biyya tokko jedhu sana tumsa.

 

Dabalataanis, Impaayerri Itiyoophiyaa: Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Eegdota Rippaabilikaa, Loltoota Eertiraa fi garee daangaa babaldhifannaa Faannoo Amaaraa 80,000 ol ta’an bobbaasuun kutaalee Oromiyaa biroo keessatti waraana weeraraa baldhinaan itti taa’ee jira. Loltootni kunneenis manneen jireenyaa uummata nagaa (jiruu fi jireenya) madda galii isaanii, mana, beeyladoota, midhaan, fi midhaan oyruurra jiran kan guban yommuu ta’u; waraanumti kunis daa’immanii fi maatii

Oromoo lafa isaaniirraa dhabamsiisuudhaaf wixineeffame. Kanaafuu, ABOn gochaa weeraraa kana cimsee balaaleffachaa; waamicha armaan gadii ni dhiyeessa:

 

1. Humnootni weerartuu kunneen hatattamaan kutaa Walloo keessaa akka bahan waamicha ni taasisna. Mootummaan Bilxiginnaa Partii Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu gartuuwwan shororkeessitoota kanneen qindeessee fi bobbaase, ajjeechaa fi manca’iinsa Walloo keessatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatama akka fudhatu jabeessinee dhaamna. Dabalataanis, walitti bu’iinsa saboota gidduutti babaldhisuun kun nagaa, tasgabbii, fi waliin jireenya uummatoota Itiyoophiyaa gidduutti dhiibbaa hammaataa kan qaqqabsiisu yommuu ta’u; akka biyyaattis Itiyoophiyaa irratti miidhaa guddaa akka qaqqabsiisu daballee ni hubachiifna.

 

2. Gareewwan Amaaraa hidhatanii jiran, mootummaan naannoo Amaaraa fi addatti dhalattootni Amaaraa dhiibbaa uumuu danda’an fedhii daangaa babaldhifannaa kanarraa akka of qusatan waamicha ni taasifna. Addatti, Milishaa fi Faannoon Amaaraa abjuu daangaa babaldhifannaa isaanii lubbuu namoota nagaa kumaatamootaa gaaga’aa jiru akkasumas waliin jireenya uummatni Amaaraa fi sabaa-sablammoota Itiyoophiyaa biroo waliin qabu balaarra buuse kana akka dhaaban ni gaafanna.

 

3. Ammas, loltootni Eertiraa (alagaa) Oromiyaa keessaa akka bahanii fi gochi giddu-seentummaa mootummaa Eertiraatiin raawwatamaa jiru hariiroo gara fuula duraa Oromiyaa fi Eertiraa kan miidhu waan ta’eef uummatni Eertiraa gocha mootummaa isaanii kana akka morman ni gaafanna.

 

4. Mootummootni naannolee fi Milishootni sabaa fi sablammoota cunqurfamoo kanneen duula daangaa babaldhifannaa garee finxaaleyyii kana irratti hirmaachaa jiran, walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaachuu akka dhaaban waamicha ni taasifna. Addatti, Milishaan Affaar, Milishaan Somaalee, fi Milishootni Uummatoota Kibbaa hirmaannaa duula kanaa keessaa akka of baasan ni dhaamnaaf. Wanti kun itti fufnaan, mootummootni naannolee kunneeniis miidhaa hin barbaachifne, kan gocha isaanii badaa ta’e kana hordofee dhufuuf itti gaafatamumma ni fudhatu.

 

Maayyii irratti, yeroo ulfaataa kanatti Oromoon Walloo mana, maatii fi qabeenyaa keessan tokkummaan dhaabbattanii akka eeggattan waamicha isiniif taasifna. Akkasumas, hawaasni Oromoo baldhaan fi lammiileen Oromiyaa biyya keessaa fi alaa jiran obbolaa keessan Walloo cina akka dhaabbattan waamicha isiniif taasifna. Uummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa biyya keessa jirtan karaa dandeessan hundaan Walloo waliin akka dhaabbattan ni dhaammanna. Uummatni Oromoo biyya alaa jiru duula gaggeessuun, sagalee ta’uun akkasumas qabeenyaan obbolaa isaanii kutaa Walloo akka gargaaran ni gaafanna.

 

Hawaasni Idil-Addunyaa fi Jaarmiyaaleen Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa, gareen aangoo Mootummaa Itiyoophiyaa of harkaa qabu kun, aangoorra bubbuluuf jecha, sarbamiinsa mirga dhala namaa fi waraana qindaawaa gocha lubbuu namaan taphachuu fi biyya diiguu gaggeessaa jiru kana akka dhaabu dhiibbaa akka taasisan irra deebiin waamicha ni taasifna.

Injifannoon Uummata Bal’aaf!

 

Adda Bilisummaa Oromoo!

 

Eebla 21, 2022

Finfinne