๐๐š๐š๐ฆ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐†๐š๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐จ๐๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐ข ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ฎ ๐Œ๐š๐ซ๐ญ๐ข, ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐†๐ฎ๐ฃ๐ข๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‹๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐๐š๐ซ๐š๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐€๐ค๐ค๐š ๐ƒ๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ง ๐€๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐–๐š๐š๐ฆ๐ข๐œ๐ก๐š ๐“๐š๐š๐ฌ๐ข๐ฌ๐š

ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota

 

๐๐š๐š๐ฆ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐†๐š๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐จ๐๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข
๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐ข ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ฎ ๐Œ๐š๐ซ๐ญ๐ข, ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐†๐ฎ๐ฃ๐ข๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข
๐‹๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐๐š๐ซ๐š๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐€๐ค๐ค๐š ๐ƒ๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ง ๐€๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐–๐š๐š๐ฆ๐ข๐œ๐ก๐š
๐“๐š๐š๐ฌ๐ข๐ฌ๐š

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon harโ€™a akkanatti hammaate sadarkaa kana irra osoo
hin gaโ€™in dura Qaamoleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qooda
Fudhattoonni Dhimmi Ilaallatu biroon tarkaanfii barbaachisaa taโ€™e akka fudhataniif
daddeebiโ€™ee waamicha gochaa ture. Jiโ€™a Onkoloolessaa bara 2021 keessa ongeen Kibba
Oromiyaa balaawwan hammaatoo jireenya dhala namaa keessaa tokko akka taโ€™u ibsinee
turre.
Dhugaa dubbachuuf yoo taโ€™e dararama dhala namaa godina kanaa fi godinaalee ollaa
Gujii keessatti mudachaa jiru dandamachuun ulfaataa dha. Dararama haadholii, jaarsolii,
daaโ€™immanii fi dhumaatii horii akkanatti arguun laphee nama cabsa. Horiin madda
jireenya ummata naannichaa taโ€™an akkanatti dhumanii dirree irratti faffacaโ€™anii jiru.
Bishaanii fi nyaati horii hin jiru.
Hongeen qaama balaa jijjiirama naannoo fi qilleensaan wal qabatu keessaa tokko yoo
taโ€™e iyyuu, rakkoon ammaa kun waraana, sochii hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin
daran hammaatee jira. Keessumaa immoo kufaatii mootummaa ifatti kan agarsiisuu dha.
Mootummaan tasgabbaโ€™aa fi itti gaafatamummaan itti dhagaโ€™amu rakkoolee balaa
akkanaatiin wal qabatanii dhufan salphaatti toโ€™achuu dandaโ€™a. Sirna akeekkachiiftuu
duraa fi maloota toโ€™annoo balaa, buโ€™a qabeeyyii taโ€™an diriirsuudhaan gaagaโ€™ama hongeen
kun lubbuu dhala namaa, dinagdee fi hawaasummaa irraan gaโ€™aa jiru xiqqeessuu fi
toโ€™achuun ni dandaโ€™ama ture. Haa taโ€™u malee mootummaan waraana matuma isaatiin
Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti uumeen qabamee waan turee fi jiruuf, dhimmoota
hawaasummaa fi dinagdee akkanaatiif xiyyeeffannoo hin kennine. Balaa hongee haaluu
fi irraa baqachuun amala mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa ittiin beekamanii
dha.
Gargaarsi namoomaa qaamolee dhimmi ilaallatuun ummata balaa hamtuu jalatti
argamuuf taasifamaa jirus saffisa kan hin qabne, buโ€™a qabeessa kan hin taane, boodatti
kan harkifatee fi baayโ€™ee xiqqaa dha. Qindoomina dhabuun ammoo gufuu ijoo rakkoo
kanaa ti.
ุฏุฏุน
Email: olfheadoffice@gmail.com
www.oromoliberationfront.org
Yeroo ammaa kanatti dirmannaa fi gargaarsi ummata Oromoo baadiyaa irraa eegalee
hanga sadarkaa idil-addunyaatti gochaa jiru abdii kan namatti horuu fi nama jajjabeessuu
dha. Tokkummaan ummata keenyaa warra rakkoo fi balaa hongee jala jiraniif abdii fi
jajjabina guddaa taโ€™ee jira. Qaamolee waan dandeessaniin tumsa gootan mara ABOn
isin galateeffata. Akkasumas dhaabbileen miti-mootummaa, gaggeessitoonni hawaasaa
fi qaamoleen mirga dhala namaaf falman sadarkaa hammaataa balaan kun irra gaโ€™ee jiru
qalbifachuudhaan deggersa sadarkaa balichaan wal simu argamsiisuuf tattaaffii
barbaachisaa akka gootan dhaammanna.
Dhuma irratti, hawaasi idil-addunyaa akkuma ammaan duraa harka keessan akka nuuf
diriirsitan iyyanna. Balaa sadarkaa baayโ€™ee hammaataa irra gaโ€™e tumsa namoota
dhuunfaa fi hawaasaa qofaan toโ€™achuun ni ulfaata. Lubbuu namootaa baraaruudhaaf
qindoominni, qabeenyaa fi tarkaanfileen dabalataa argamuu qabu.
Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi itti gaafatamummaa qaban Baha Afrikaatti bakkoota
balaan akkanaa deddeebiโ€™ee mulโ€™atutti rakkinicha yeroodhaaf dhabamsiisuu qofa osoo
hin taane, hidda rakkinichaa buqqisuudhaaf furmaata waaraa barbaaduu fi diriirsuun
barbaachisaa dha jenna.
Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 27/2023
Finfinnee