Ummanni Oromoo Karaa Isaaf Danda’ame Maraan Weerara Diinaa Akka Of irraa Qolatuuf Waamichaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

 

Ummanni Oromoo Karaa Isaaf Danda’ame Maraan Weerara Diinaa Akka Of irraa Qolatuuf Waamichaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Ibsa ABO – Mudde 06, 2022

Saamichi lafa Oromoo irratti raawwatamu, ajjeechaan gara-jabinaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu, gochi ummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqaasuu fi gochi gudeeddii namoota nagaa irratti raawwatamu sadarkaa dhumaa irra ga’ee jira. Gareen shororkeessaa Faannoo (Interhamweyii Itoophiyaa) jedhamee waamamu mootummaa Itoophiyaa Paartii Bilxiginnaan durfamuun kan hundeeffame yoo ta’u, gareen kun Oromiyaa keessatti gocha hammeenyaa isa dhumaa raawwachaa jira. Erga bara weerara Minilikii asitti gochi hammeenyaa fi gara jabeenyaa, duguuggaa sanyii akkanaa seenaa waraanaa warra Abisiiniyaa keessatti ummata Oromoo irratti raawwatamee hin beeku. Gochi hammeenyaa tibbana Oromoo irratti raawwatame gita kan hin qabnee dha. Minilik weerara jaarraa 19ffaa keessa ummata Oromoo irratti gaggeesseen haadholii irraa harma muree, warra dhiiraa irraa ammoo harka muraa ture. Bara mootummaa Paartii Badhaadhinaa ammoo gareen shororkeessitootaa morma ilmaan Oromoo irraa muruu, mataa mukatti diranii Godina Goojjam, magaalaa Buree keessatti agarsiisaa turan. Akkasumas reeffa namoota ajjeefamaniitti abidda qabsiisuudhaan gubanii, irra dhaabatanii sirba injifannoo sirbaa dhaadachaa turan. Amma nu ga’e! Kana caalaa gocha hammeenyaa fi gara jabeenyaa Murna Bilxiginnaa baachuu hin dandeenyu.

Ummanni Oromoo daangaa namaa ce’ee, biyya namaa hin weerarre. Ummanni Oromoo warra ilmaa fi intala, harmee fi abbaa isaa, haadha warraa fi abboota isaa salphisan dabalatee, saba hundumaa waliin waliigalee nagaa fi jaalalaan waliin jiraata. Isaan sooree, isaan eegee, lubbuu isaanii baraaree waliin jiraate. Jireenyaa fi lafa isaa isaaniif qoodee akka jiraataniif isaan tumse. Haa tahu malee, gaarummaa fi qajeelummaa Oromoo kanaaf deebiin qubattoonni kennan, sabicha irratti gocha hammeenyaa raawwachuu fi salphisuu ta’e. Ummanni Oromoo nageenya isaaf falmatee nagaadhaan biyyaa fi qe’ee isaa irra jiraachuudhaaf mirga qaba.

Waan kana ta’eef, ummanni Oromoo tokkummaan ka’ee biyya, ilmaan, haadhaa fi abbaa, walumaagala jiraachuudhaaf akka falmatu waamicha godha. Ammaan booda salphina kana baachuu hin dandeenyu. Kanaaf tokkoon tokkoon ilmaan Oromoo tokkummaadhaan ka’ee qabsoo finiinsuu qaba. Nageenya keenya eeggachuun mirga namummaa keenya. Barattoonni manneen barumsaa sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitii, barsiisonni sadarkaa mara irratti argaman, qonnaan bultoonnii fi Qeerroon Oromoo gamtaadhaan ka’anii akka falmatan dhaamna. Ammaan booda teenyee biyyaa fi qe’ee keenya irratti ajjeefamuu fi salphachuu hin qabnu.

Oromoon tokkummaa isaa eeggachuu fi jabeessuu qaba. Duuti Oromoo tokkoo du’a Oromoo isa kan biraa ti. Salphinni Oromoo tokkoo salphina Oromoo hundumaa ti. Oromoon gola Oromiyaa mara keessa jiru marti gamtaadhaan ka’ee, ajjeefamuu fi salphifamuu Oromoo murni Badhaadhinaa Oromoo irratti raawwachaa jiru kana mormuu fi balaaleffachuu qaba. Tokkummaa fi cichoominni keenya bara 2018 keessa mootummaan EPDRF akka of haaressu dirqisiisee ture.

Gareen Murni Badhaadhinaa hidhachiisee bobbaase, qe’ee fi gandoota jireenyaa ummata nagaa gubanii barbadeessuu, ummata nagaa hidhannoo hin qabne meeshaalee waraanaa guguddaan haleeluu, magaalotaa fi gandoota jireenyaa ummata nagaa boombiidhaan haleeluu fi barattoota mana barumsaatti jumlaadhaan fixuu, bakkoota namoonni waaqeffannaaf walitti qabamanii fi bakkoota gabaatti haleellaa raawwachuun ummata nagaa ajjeesuu erga eegalanii bubbulee jira. Oromiyaa keessatti bulchiinsi idilee erga addaan citee bubbulee jira.

Kanaaf, gaaga’amni kan ammaa irra hammaatu akka hin dhufneef, Ummanni Oromoo marti tokkummaadhaan ka’ee falmatee, Mootummaan Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa akka hundeeffamuuf dirqama Oromummaa akka ba’atu dhaamna.

Dhuma irrattis, gaaffiin barsiisonni Oromiyaa keessatti kaasanii fi mormiin Qeerroo gaaffii haqaati jenna. Kanaaf, ilmaan Oromoo marti cinaa isaanii dhaabachuu qabu.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 06, 2022
Finfinne