Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo

 

Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Fulbaanaa 2, 2022
Addi Bilisummaa Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO),
waggoota 27 oliif sirna Mootummaa EPRDF kan TPLF’n durfamu irratti qabsaa’aa turaniiru. Hundeen qabsoo
keenyaas dimokraasii dhugaa fi mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi ummata cunqurfamoo Itoophiyaa biroof
dhugoomsuu ture. Gochaalee hammeenyaa hedduun miseensota Adda Bilisummaa Oromoo, ummata Oromoo fi
lammiilee Oromiyaa kumaatamaan lakkaawaman irratti raawwatamus, gocha isaanii darbee kanaaf dhaaba
siyaasaa ykn saboota fi ummattoota kamiyyuu irratti haaloo ba’uuf akeeka hin qabnu. Addi Bilisummaa Oromoo
jaarmiyaa mul’ata isaa gara fuula duraa irratti fuuleffatu yoo ta’u, sonawwan ijoon jaarmiyaa keenyaa dimokiraasii,
mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi rakkoo siyaasaa mariin furuudha.
Haa ta’u malee, gareewwan biyya Itoophiyaa bulchuudhaaf gara aangootti dhufan hawwii uummattoota
biyyattii fi haala qabatamaa siyaasa biyyattii sirnaan hubachuu dhabuu fi fedhi itti dhabuu irraan kan ka’e sirna
dimokiraasiifi wal qixxummaa diriirsuu hin dandeenye.
Bara 2017 yeroo qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo sirna abbaa irree irratti finiinsee fi akkasumas dhiibbaa
gama qabsoo hidhannootiin WBOn taasiseen Wayyaanee kuffisu, mootummaan hunda haammatee karaa
dimokiraatawaa ta’een filatame murna abbaa irree bakka bu’a jedhamee abdatamee ture. Haatahu malee haala
nama gaddisiisuun gareen aangoo qabate ammas kallattii dogoggoraa filate. Qabsoon bilisummaa fi dimokiraasii
qaamota sirna Wayyaanee/ EPRDF/ keessatti qooda fudhachaa turan kanneen maqaa isaanii jijjiirrachuun
Paartii Badhaadhina (PP) of moggaasaniin akka butame Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebi’ee ibsaa ture.
Mootummaan Paartii Bilxginnaa jedhee of waamu kan Abiy Ahmed (PhD)n durfamu, ilaalcha olaantummaa
finxaaleyyii sirna dhufaa aangoo qeenxee hordofuudhaan jalqabarraa kaasee ummata Oromoo irratti xiyyeefate.
Kanaanis duulli duguuggaa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa jira.
Lammiileen Oromiyaa erga Dr. Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii ajjeechaa fi doorsisa wal irraa hin cinne jalatti
dararamaa jiru. Yeroo dhihoo asitti ammo duulli saba irratti xiyyeeffate kun Tigraay, Somaaliyaa fi Saboota fi
Ummatoota Kibbaa dabalatee naannolee biroottis babal’atee jira. Yeroo ammaa kana sadarkaan ajjeechaa
jumlaa fi gara jabummaan guutuu biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru yaada safuu dhala namaa fi hamilee
namummaan ala ta’ee jira. Sirna siyaasa Itiyoophiyaa keessatti mootummoonni abbaa irree dhufaa darbaan
dabareen aangoo dhuunfachuun isaanii irraan kan ka’e rakkoon biyyattii gama siyaasaan, hawaasummaa fi
naamusaan haala kanaan hammaachaa deemuun isaa nama gaddisiisa. Humni biyya alaas murna amma
aangoo qabatee jiru waliin harka walqabachuun naannolee hunda keessatti gaaga’ama, sodaa fi
shororkeessummaa uumaa jira.
Sonni keenya ijoon walqixxummaa, dimokraasii fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hundumaaf
dhugoomsuu waan ta’eef, Addi Bilisummaa Oromoo sirna abbaa irree saba Oromoo, Amaaraa, Tigraay ykn
sabaa fi sablammoota Itoophiyaa kamiyyuu irraas ta’e, sirna abbaa irree gosa kamiiyyuu akka hin tumsine irra
deebi’ee ibsuu barbaada. Yeroo ammaa kanatti Itiyoophiyaan akka biyyaatti bakka balaa murni biyya bulchaa jiru
aangoo siyaasaa fi bulchiinsaa to’achuu dhabee, mootummaan jeequmsa walxaxaa keessa seenaa jira. Kun
immoo biyyattii gara dhangala’uu dhiigaa, yakkaa fi badnisa suphuu hin dandeenyetti oofaa jira.
Kanaafuu, lammiileen Oromiyaa fi saboota fi ummattoonni cunqurfamoo biroon tokkummaan waliin
dhaabachuudhaan balaa dhufaa jirurraa akka of ittisan dhaamna. Akkasumas, dhaabbileen siyaasaa Oromoo
lubbuu lammiilee Oromiyaa fi saboota fi ummattoota cunqurfamoo tiksuuf tattaaffii taasisaa jiran akka cimsan
yaadachiifna. Hawaasni Idil-addunyaa fi mootummoonni biyyoota addunyaa ga’ee fi itti gaafatamummaa isaan
irraa eegamu sirnaan ba’uudhaan, gareen biyya bulchaa jiru waraana fi walitti bu’insa dhaabuudhaan lammiilee
biyyattii waliin tumsuun sirna hundaan fudhatama qabu fi karaa marii siyaasaa hundumaa hirmaachisee fi
iftoomina qabu akka diriirsuun danda’amu dhiibbaa akka godhan irra deebinee yaadachiisuu barbaanna.
Injifannoon ummata bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 2,2002
Finfinnee