Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga’eef Haloo Ba’uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira.

 

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga’eef Haloo Ba’uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 7, 2022

Tibba Dr.Abiyyi Ahimad aangoo qabatee uummata Oromoo akka lammata deebi’ee dandamatee hin kaanetti cabsuuf karoorfate irraa eegalee uummanni Oromoo fi lammiilee Oromiyaa waraana hamaa addaan hin cinne keessatti gaaga’ama suukaneessaa argaa jira. Kanaanis namoonni hedduun lubbuu isaanii dhabanii jiru. Qabeenyi barbadaa’eera. Waraanni yeroo dhihoo labsamee adeemsifamaa jiru qabiyyeen isaa hamaa fi baay’ee gadi fagoo yoo tahu, imaammata lafa babal’ifannaa fi Lafa Oromoo humnaan harkatti galfachuu irratti fuuleffata. Waraana humnoonni Murni Paartii Bilxginnaa hidhachiisee bobbaase, Loltoonni Ertiriyaa, Miliishaa Amaaraa fi Gareen Shorokeessaan Faannoo jedhee of waamu waliin ta’uudhaan qindeessan kanaanis ilmaan Oromoo nagaan haala suukaneessaadhaan ajjeefamaa jiru.

Kanaan wal qabatee ajjeechaa tibba darbe ilmaan Oromoo nagaa irratti Waloo, Gindabarat, Horro Guduruu, Gujii, Arsii Lixaa fi Ambootti raawwatame ilaalchisee ibsa baafnee kan turre yoo ta’u, ajjeechaan ilmaan Oromoo nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatame kun baay’inaan erga lola WBO waliin gaggeessan irratti kisaaraan isaan mudatee booda haloo ba’uudhaaf raawwatame.

Ammas ajjeechaa suukaneessaa fi haalaan nama gaddisiisu ilmaan Oromoo nagaa irratti Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo fi Godina Shawaa Bahaa keessatti raawwatame dhageenyee jirra. Odeeffannoo qabatamaan hawaasa naannoo irraa nu qaqqabe akka agarsiisutti gaafa guyyaa Dilbata, Caamsaa 1 fi Wixata Caamsaa 02/2022 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo keessaa namoonni 18, kanneen keessaa 3 Ganda Jimjimeelaa, 15 immoo Ganda Goljee keessaa halkan Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Miliishaadhaan erga to’atamanii booda guyyaa itti aanu ajjeefamanii jiru. Reeffi namoota ajjeefamanii fudhamee akka hin awwaalamneef kan dhorkame yoo ta’u haga ammaa bo’ii lolaa keessatti argama. Miseensonni maatii reeffa nama isaanii fudhachuuf yaalan qabamanii hidhamanii jiru. Ajjeechaan kunis ilma Qondaala Poolisii Kaasaa Rattaa jedhamu kan abbaan isaa guyyoota muraasaan dura adda waraanaa Bustilloo Dheeraatti WBO waliin taasifame irratti ajjeefameen raawwatame.

Haaluma biraan kaleessas jechuun gaafa guyyaa Caamsaa 6, 2022 namoonni nagaan Godina Shawaa Bahaa ona Boosaat Boollee keessatti namoonni nagaa hedduun kan ajjeefaman yoo tahu, ajjeechaan kunis haleellaa dirooniidhaan raawwatames of keessaa qaba. Guyyaadhuma kana Amboo, ganda Goromsa Saaxoo keessatti loltuun mootummaa aangoorra jiru bobbaase ilmaan Oromoo nagaa ajjeesee jira. Akkasumas Ona Matakkal keessattis ajjeechaan irra deddeebiidhaan ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jira.

Ajjeechaan ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jiru kun saba Oromoo irratti xiyyeeffachuudhaan kan raawwatamu yoo tahu ilmaan Oromoo lafa isaarraa dhabamsiisuu irratti fuuleffatee jira. Fakkeenyaaf Ona Warra Jaarsoo keessatti gareen ajjeechaa akka raawwtaniif murni aangoorra jiru bobbaase, “namni Afaan Oromoo dubbatu kamiyyuu WBO waliin hariiroo waan qabuuf ajjeefamuu qabu” jechuudhaan labsaa turan.

 

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa waraana hamaa qabiyyeen isaa haalaan bal’aa ta’e labsuudhaan Uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa gama maraan laaffisuudhaaf ifaajaa kan jiru yoo tahu, kanaanis ajjeechaa ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwachaa jiranitti dabaluudhaan mana, qabeenyaa, horii fi midhaan Oromoo gubuudhaan barbadeessaa jiru. Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa buqqaasuudhaan daa’immanii fi maatii addaan facaasaa jiru.

ABOn ajjeechaa suukaneessaa fi gara jabinaan ilmaana Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jiru gadi jabeessee balaaleffachaa, Paartii Bilxginnaa waraana labse kana dhaabuudhaan, humnoota hidhachiisee Oromiyaatti bobbaasee jiru hatattamaan Oromiyaa keessaa akka baasu cimsee hubachiisa. Paartiin Bilxginnaa kisaaraa lola WBO waliin gaggeessaa jiruuf isarra ga’eef haloo ba’uuf jecha ilmaan Oromoo nagaa gara jabiinaan ajjeessuun rakkoo yeroo ammaa impaayera itoophiyaa mudatee jiruuf fala taa’uu akka hin dandeenye dhaamna. Waan ta’eef gareen aangoo qabatee jiru adeemsa amma jiru kanarraa of dhaabee rakkoo siyaasaa biyyattii mudatee jiruuf karaa nagaatiin furmaata barbaaduuf akka hojjetu ammas irra deebinee gadi jabeessine himna. Lubbuu ilmaan Oromoo ajjeefamaa jiranii fi qabeenya Oromoo barbada’aa jiruuf Paartii Bilxginnaa Dr. Abiyyi Ahimadin durfamutu itti gaafatama.

Akkasumas humnoonni Paartii Bilxiginnaa tumsaa jiran kanneen akka Humnoota Naannoo Amaaraa, Loltoota Ertiriyaa fi miliishaan naannolee biroo ajjeechaa irra deddeebi’amee namoota nagaa fi manca’insa qabeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamu.

 

Uummanni Oromoo bal’aa fi ilmaan Oromoo biyya alaa jiraattan obboloota keessan humnoonni sirna mootummaa aangoo irra jiruu lafa babal’ifachuuf waraana bananiin miidhamaa jiraniif deggersa barbaachisaa akka gootan ammas dhaamna.

 

Dhumarrattis uummanni Oromoofi lammiileen Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan tokkummaadhaan waliin dhaabbachuudhaan harka wal qabattanii akka wal tumsitan, mirga lubbuun jiraachuu keessaniif akka falmattanii fi irree tokkoon dhaabattanii yeroo ulfaataa kana keessa akka wal dabarsitan isiniif dhaamna.

 

Hawaasi idil-addunyaa fi dhaabbileen Mirga dhala namaa gocha hammeenyaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru callisanii ilaalaa jiran, ga’ee fi itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu sirnaan ba’uudhaan murni aangoo mootummaa Itoophiyaa qabatee jiru umurii aangoo isaa dheereffachuudhaaf gocha sarbiinsa mirga namoomaa, lafa babal’ifannaa fi uummata nagaa irratti waraana labsuu yeroo ammaa itti fuuleffatee jiru akka dhaabuuf dhiibbaa akka gootan ammas irra deebinee dhaammanna.

 

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

 

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Caamsaa 7, 2022

 

Finfinnee