Qabsaawota Adamsanii Hidhuun Jeequmsa Biyyaa fi Ummanni Keessa Jiruuf Fala Hin Ta’u

Obsi

 

Qabsaawota Adamsanii Hidhuun Jeequmsa Biyyaa fi Ummanni Keessa Jiruuf Fala Hin Ta’u

(Ibsa ABO –Sadaasa 2, 2020)

 

Duula ajjeechaa suukaneessaa fi hidhaa addatti dargaggoota irratti xiyyeeffatee deemaa jiruun cinaatti adamsuun miseensotaa fi deeggartoota ABO irratti raawwatamaa jirus hammaatuu irratti akka argamu haalli Oromiyaa keessaa ragaa gahaa dha.

Sadaasa 1, 2020 Humnoonni nageenyaa Walitti qabaa Koree Naamusaa fi To’annoo ABO kan tahan Jaal Alamaayyoo Diroo mana jireenyaa isaaniitii butanii magaalaa Buraayyuutti hidhaniiru. Jaal Alamaayyoon hayyuu fi manguddoo Oromoo hawaasa biratti jaalalaa fi kabajaa guddaa qabu, qabsoo ABOn karaa nagaatin gaggeessaa jiru keessattis Kora Sabaa ABO Waxabajjii, 2019 keessa gaggeeffame irratti Koree Naamusaa fi To’annoo dhaabichaatti filatamuudhaan dirqama isaa nama bahataa jiru dha. Kanatti dabalee beekumsaa fi ogummaa qabuun lammii isaa gargaarudhaan nama ulfina qabu manguddoo Oromoo ti. Tibba dabres wayta HDn ABO mana jireenyaa isaaniitti odoo haala yeroo irratti ibsa laatanuu humnoota nageenyaatin aka adda kutan taasifamanii keessummoonni isaanii ugguramanii fi hidhaman, maanguddoota saganticharra turanii fi wayta gadi bahan hidhamanii boodarra lakkifaman keessaa Obboo Alamaayyoo Diroo tokko turan.

Qaama hogganaa dhaaba siyaasaa seera-qabeessummaan qabsoo karaa nagaa gaggeessaa jiru, ABO, bakkayyuutti adamsanii hidhuu fi dararuun humnoota nageenyaatin raawwatamuurratti argamu ABOn cimsee balaaleffata. Tarkaanfiin hayyootaa fi manguddoota Oromoo danqaa fi rakkoo ummannii fi biyyi keessa jirtu furuu keessatti qooda jabaa qaban salphisuu fi hidhaan dararuu akkanaa kun, hegeree jiru haala daran yaaddessaatti geessa malee fala tahuu hin danda’u jedhees amana.

Biyya gaaga’ma lubbuu fi manca’iinsa qabeenyaa dabalatee rakkoo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa waliigalatti jeequmsa bifa hedduutin goolamtee lammiileef yaaddoo jireenyaa taateef furmaanni seeraan ala aangootti rarra’uu fi afaan qawweetin yakka seekaneessaan ummata jilbeeffachiisuuf yaaluu miti. Jaarmayoota siyaasaa, dhaabbilee hawaasaa fi qaamolee adda addaa waliigalattis lammiileen hundi kan keessaa qooda fudhatanii fi ittis amanan mootummaa cehumsaa gadi dhaabuu dha. Kanaaf wiirtuu jeequmsaa taasifamuun kan itti xiyyeeffatame Oromiyaa fi lammiilee isaa hunda balaa itti aggaamamerraa baraaruuf waamicha ijaarsa Mootummaa Cehumsa Biyyaalessaa Oromiyaaf ABOn dhiyeesseef owwaachuun dirqama hundaa yeroon gaafattu dha.

Hidhaa fi ajjeechaa ummata irratti raawwatamaa jiru dammaqiinsaan ofirraa tiksaa, furmaata waaraa lammiilee hunda rakkoo bifa hedduu keessaa baasu milkeessuuf dirqama lammummaa haa bahannuun dhaamsa keenya.

Addi Bilisummaa Oromoo adamsuu fi hidhaa seeraan alaa miseensotaa fi deeggartoota keenya waliigalatti lammiilee biyyattii qabsoo karaa nagaa gaggeessanii fi fayyaaleyyii irratti gaggeeffamaa jiru jabinaan akka morminu ibsaa, yakka kana dhaabsisuu fi abdii fi hawwii ummataa dhugoomsuuf kaayyoo qabatee deemaa jiru dhugoomsuuf yoomiyyuu caalaa falmaa isaa murannoon akka itti fufu hundaaf mirkaneessa.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 2, 2020