Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda’amu !

ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota

 

Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda’amu !

(Ijoo Dubbii ABO – Caamsaa 14, 2019)

 

Bitootessa 14, 2019 Jaarmiyaaleen siyaasaa Itoophiyaa keessatti karaa nagaa socho’an walitti dhufuudhaan adeemsa siyaasaa biyya kanaa keessatti akkaataa ittin waliin socho’an, wal to’atanii fi sirna diimokiraasii gad dhaabuu keessatti qooda ijaaraa gumaachuu danda’an irratti waliigaltee ykn. waadaa tokko waliif mallatteessanii jiru. Paartiin biyya bulchu (EPRDF) fi Addi Bilisummaa Oromoo jaarmayaalee waadaa kana mallatteessan keessatti argamu.

Qabiyyee barruu waadaa sanaa keessaa inni ijoon tokko jaarmayaaleen siyaasaa wal madeessuu, olola wal irratti oofuu, wal xiqqeessuu fi maqaa walii xureessuu irraa fagaatanii yaada qajeelaadhaan sirna dimokiraasii gadi dhaabuuf filannoo itti aanuuf nagaan of qopheessuu dha.

Osoo waliigalteen ykn. waadaan jaarmayaalee siyaasaa sun akkanaan jiruu ODPn torban dabre miseensota isaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti jiraniif leenjii wayita kennutti “ABOn diina tarsiimoo kiyyaa ti.” jechuudhaan ifatti hordoftoota isaa barsiisuu irratti kan bobba’e tahuu ragaa guutuu argannee jirra.

Yeroon kun yeroo hundumaafuu ulfaataa kan nageenyi biyyattii haala yaaddessaa keessa galee jiru dha. Akkasumas, humnoonni kabajamuu mirga Ummata keenyaa morman yeroo itti akkaan of ijaaranii Saba keenya irratti lola waraanaa fi olola miidiyaa dabalatee duula kallattii adda addaan bananii gaggeessaa jirani dha. Yeroo akkanaa kanatti qaamni aangoo bulchiinsaa of harkaa qabu maal na dhibeedhaan yookaan ammoo ta’e jedhee karoorfachuudhaan gochaa badii akkanaa raaw’achuun hedduu nu gaddisiisa. Nu yaaddessas.

ABOn Ummata Oromoo keessatti seenaa fi bakka akkamii akka qabu osoo beekamuu Dhaaba kana xiqqeessuu fi diinomfachuuf yaaluun ODPdhaaf kufaatii fi taajjabbii yoo tahe mlaee bu’aa siyaasaa argamsiisuufis hin qabaatu. Gochaan kun waadaa jaarmayaaleen Siyaasaa waliif mallatteessan sanas kan faallessee fi cabse tahuun hundaan hubatamuu qaba. Cehumsa gara dimokiraasii dhugaatti godhamaa jirus gufachiisuu danda’a. Oromiyaa nagaa fi tasgabbii dhorkuun humnoonni faallaa dantaa Saba Oromoo hiriiran akka caalaattuu onnatanii fi hamilan taasisa jennee amanna. Adeemsi dogoggoraa akkasii dafee sirreeffamuu qaba.

Kanumaan wal qabsiisnee mootummaas ta’e jaarmayaaleen siyaasaa waadaa sana waliif mallatteessine bu’aa siyaasaa yeroo gabaabduu keessa ilaallachuuf jecha summii diigumsaa ummata keessa facaasuu irraa akka of eeggatan jabeessinee hubachiisna. Jaarmayaalee siyaasaa waadaa waliif mallatteessine cabsan sirnaanis waltajjiilee fi qunnamtii qabnuun kan itti wal gaafannu ta’a. Ummatni keenya kanneen summii diigumsaa fi diinummaa facaasaa oolan irraa cimsee akka of eeggatuu fi karaa danda’ame hundaanis akkuma ammas gochaa jirutti gochaa akkanaa saaxiluudhaan gaafatama isaa akka bahatu gadi jabeessinee dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof !