Mootummaan Itoophiyaa Yakka Waraanaa Ummata Nagaa Irratti Raaw’achaa Jiruuf Gaafatama Seeraa Jalaa Hin bahu


Mootummaan Itoophiyaa Yakka Waraanaa Ummata Nagaa Irratti Raaw’achaa Jiruuf Gaafatama Seeraa Jalaa Hin bahu

(Ibsa ABO Ajjeechaa Moyaalee Irratti)

Ajjeechaan jumlaa Moyaalee (Moyaalee Massacre) guyyaa kaleessa (Bitootessa 10, 2018) Mootummaan Itoophiyaa kan murna bicuu TPLFiin hoogganamu loltoota isaa Ummata keenya nagaa irratti bobbaasuudhaan Kibba Oromiyaa Magaalaa Moyaalee keessatti geggeesse yakka waraanaa (War Crime) ol’aanaa dha. Odeessa hanga ammaatti adda baheen ajjeechaa jumlaa kanaan namootni nagaa (meesha-maleeyyiin) 10 kan irra hedduun isaanii dargaggoota tahan ajjeefamuu fi lakkoofsi hin beekamne (hedduun) madaawuun beekamee jira.

Qaamni mootummaan Itoophiyaa mirga ajjeechaa guutuu kenneefii maqaaf Itoophiyaa guutuu jechaa hojiidhaan Oromiyaa qofa irratti aangesse kan maqaa ‘Command Post’ jedhuun socho’ee Oromiyaa guutuu keessatti Ummata meesha-maleeyyii (Civilians) fixaa jiru ajjeechaa jumlaa Mooyaaleetti raaw’ate kana booda waa’ee ajjeechaa kanaa ibsa baasee ture. Ibsi Command Post Wayyaanee kun Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii waraanaa kan Addi Bilisummaa Oromoo Zoonii sana keessatti fudhachuu eegale of irraa ittisuuf jecha tarkaanfii kana kan fudhate tahuu isaa ibsee itti gaafatama seeraa jalaa miliquuf ammoo tarkaanfii suukanneessaa yakka waraanaa (War Crime) ol’aanaa tahe kana jecha “Dogoggora” jedhuun xiqqeessee bira dabruuf yaalee jira.

Bakki ajjeechaan jumlaa kun loltoota Wayyaaneetiin itti geggeeffame bosona yookaan naannoo Dahannoon Waraana Bilisummaa Oromoo itti shakkamu miti. Magaalaa Mooyaalee keessa guyyaa saafaa manneen jireenyaa fi manneen daldalaa namoota dhuunfaa irra deemuudhaan ture ajjeechaan kun dargaggoota Oromoo (Qeerroo Bilisummaa Oromoo) irratti qiyyaafatee diinummaa ol’aanaadhaan kan raaw’atame. Waan taheef Waraana Bilisummaa Oromoo of irraa loluu keessatti dogoggorree kana goone jechuudhaan kan Mootummaan Itoophiyaa himachuuf yaale gonkumaa fudhatama kan hin qabnee fi dhugaa irraa kan fagaate dha.

Inni kaleessa Moyaaleetti raaw’atame caalaatti suukanneessaa haa tahu malee Mootummaan Itoophiyaa erga maqaa Labsii Yeroo Muddamaa/State of Emergency jedhuun Ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labsii lolaa haaromsee jalqabee Naqamte, Dambi Doolloo, Ambo, Awwadaay, Gudar, Jimmaa fi walumaagala guutuu Oromiyaa keessatti Ummata nagaa (meesha-maleeyyii) badii tokko malee haala suukanneessaa taheen ajjeesuutti akka jiru marsaaleen sab-qunnamtii hawaasaa fi miidiyaaleen Addunyaa hedduun guyya-guyyaan gabaasaa jiru.

Ummatoota Impaayera Itoophiyaa hundaa biratti (keessattuu ammoo Ummata Oromoo biratti) guutummaatti kan tufame murni TPLF/EPRDF dirqii afaan qawweetiin Ummata kana irratti umrii aangoo isaa dheereffachuuf yakki waraanaa inni Oromiyaa keessatti dalagaa jiru kun hawaasa Addunyaa hundumaan balaaleffatamuu fi hatattamaan dhaabbachuu baannaan balaan ykn. gaaga’amni naannoo Gaanfa Afriikaa kanatti sababa kanaan mudachuuf deemu kan salphaatti keessaa bahamu tahuuf akka hin jirre Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hawaasa Addunyaa hundaa hubachiisa.

Addi Bilisummaa Oromoo yakka waraanaa Mootummaa Itoophiyaatiin Ummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru ittisuuf fi xiqqeessuuf Ummaticha wajjin tahee wareegama feesisu hunda baasuudhaan akeekni qabsoo Ummatichaa (Gaaffiin Bilisummaa Saba Oromoo) akka deebisaa argatuuf fi sanaanis wal qabatee Bilisummaa fi nageenyi waaraan Ummatoota naannoo kanaa hundumaaf akka mirkanaawuuf qabsoo itti jiru finiinsuudhaan alatti filmaata biraa kan hin qabne tahuu hundumaaf mirkaneessa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 11, 2018