Deebisaa Ibsa Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Baasee.

 

Obsi

 

Deebisaa Ibsa Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Baasee.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo -Sadaasa 4, 2020)

 

Ibsa dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Kabajamoo Muusaa Faakii Mahamat Sadaasa 3,2020 haala yeroo Itoophiyaa keessaa ilaalchisuun baasaniif dinqisiifannaa qabnu ibsina. ABOn waggoota Lamaan dabraniif balaa dorrobee jiruu dursee tilmaamuni fi akka adeemsi jijjiiramaa bifa qabsiifamuu fi sirnaan taligamu irra deddeebiin mootummaa Itoophiyaaf ibsaa ture.

Jeequmsaa fi walitti bu’iinsotaaf furmaanni yeroon akka taasifamuuf yaada dhiyeessuun, qaamoleen qooda fudhattootaa hundi marii fi adeemsa dimokraatessuu keessatti akka hirmaachifaman gaafataa turre. Addatti jeequmsa nageenyaa fi walitti bu’iinsota hawaasa jidduu ilaalchisuudhaan yaaddoo jabaa qabnu ibsanneerra.

Addi Bilisummaa Oromoo ofii isaatii fi gareelee mormitootaa kanneen biroo waliin tahuun adeemsa jijjiiramaa bifa qabsiisuun akka gara Sirna dimokraasiitti ceesisuun Waliigaltee biyyaalessaarra gahamuuf Mariin biyyaalessaa hunda hammate akka gaggeeffamuuf yaada bal’aa wixinee dhiyeesseera. Yoo jijjiiramichi sirnaan hin taligamnee fi quuqqaan ummatoota fi saboota gaaffilee adda addaa qabaniif deebisaan bu’uraa fi haqaa hin laataminiif balaa ulfaataa mudatuuf jiru walitti fufiinsaan hawaasa addunyaatiif beeksisaa turre.

 

Komishiniin Gamtaa Afrikaa yaaddoo keenya xiyyeeffannaa keessa galchee fi Itoophiyaa keessatti nagaa fi sabatiinsa buusuuf, marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa gaggeessuuf tattaaffiin taasifamuu akka qabuu fi biyyattii gargaaruuf qophii tahuu ibsuu isaatin ABOn gammachuu itti dhagahame ibsa. Akkuma irra deddeebin hubachiisaa turre, jeequmsa heeraa mudate furuudhaaf wixinuu, tarsiimoo feesisu baasuu fi hojiirra oolmaaf tattaafii waloo taasifamu hunda keessatti hirmaachuun qooda keenya gumaachuuf fedhii qabnu ifa goona.

Kabajamoo dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, hireedhuma kanatti dhimma bahuun dhimmi xiyyeeffannaa keessan akka argatu barbaadnu, lammiileen Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa kan Rippubilika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (RDFI) waamicha ABOn ijaarsa Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa Oromiyaa(MCBO) kan RDFI keessaaf dhiyeesse guutummaan bifa jechuun danda’amuun deeggaraniiru. Kunis naannoo ummatni hedduun keessa jiraatu kanatti jeequmsi siyaasaa fi nageenyi akka daran hin hammaanne gargaara jennee amanna.

Kana malees ijaaramuun MCBO ajjeechaa itti fufiinsaan gaggeeffamaa jiru, hidhaa jumlaa fi dararaa kana dhaabsisuuf finciloota deddeebiin deemsifamaa jiruuf deebii taasisee bu’ura nagaa naannoo Itoophiyaa irra bal’aa kanaatiif tahee tasgabii buusa jennee jabinaan amanna.

 

Maayiirratti, yaada Komishiniin Gamtaa Afrikaa hundumtuu marii biyyaalessaa hunda hammatetti akka hirmaataniif dhiyeesse kan fudhannuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun jeequmsa heeraa hamaa biyyattiirra gahuu fi dhiibbaa hamaa haalli kun Godinaa Gaanfa Afrikaarraa fi sana irra darbee Afrikaa gamattis dhaqqabsiisu hambisuuf qaamolee qooda fudhattootaa mara waliin akka hojjetu addeessa.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 4, 2020