Ajjeechaan Dargaggoota Irratti Xiyyeffatee Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru, Yaaddoon Nageenyaa Daranuu Hammaataa deemuu Agarsiisa 

Obsi

Ajjeechaan Dargaggoota Irratti Xiyyeffatee Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru, Yaaddoon Nageenyaa Daranuu Hammaataa deemuu Agarsiisa

(Ibsa ABO –Onkoloolessa 25, 2020)

Wayta jeequmsa nageenyaa Oromiyaa fi guutuu godinaa Gaanfa Afrikaarra gomboobee jiruun ummanni yaaddoo guddaan liqimfamee fi jaarmayoonni siyaasaa mirga ummataaf falman akka ABO furmaataaf tattaafataa jiran kanatti, duulli dargaggoota irratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jiru rakkinichi daranuu hammaataa jiraatuu agarsiisa.

ABOn ajjeechaa Qeerroo Oromoo wabii qabsoo bilisummaa har’aa fi abdii Oromiyaa boruu ta’an irratti xiyyeeffate qaama kamiinuu haa raawwatamuu seeraa-heera biyyattii, waliigaltee idil-addunyaa fi safuu namummaa kan cabsee fi gonkumaa fudhatama hin qabne waan taheef gadi jabeessee balaaleffata.

Ajjeechaa suukaneessaan tibbana Kibba-Baha Oromiyaa Baalee-Roobeetti, Baha Oromiyaa Awwadaayi fi Machaaraatti akkasuma Dhiha Oromiyaa magaalaa Naqamteetti raawwatame fi guutuu Oromiyaa keessatti dargaggoota Oromoo irratti guyyaa saafaadhaan raawwatamaa jiru sadarkaa ulfaatina nageenya Oromiyaa keessaa ifatti mul’isa.

Duulli dargaggoota Oromiyaa daandiirratti, mana jireenyaa keessaa baasanii fi iddoowwan adda addaatti adamsanii dhabamsiisuu kan qaamota caasaa mootummaa turan adda addaatin raawwatamaa jiru jedhee ummatni amanu, ummanni wabii nageenyaa kan hin qabne tahuurra dabree, qaamota qabsoo Oromoo miidhaa turaniin kan qindaa’ee gaggeeffamuutti jiru dha jennee amanna. Waan taheef Ummanni keenyaa fi waliigalatti lammiileen Oromiyaa shira ka’imman lafarraa duguuguu akeekkate kana dammaqiinsaan akka ofirraa gamtaan tiksan dhaamna.

Hidhattoonni humnoota nageenyaa taatan marti hawaasa kana irraa dhalattan, firottanii fi finni keessan hawaasa kana waliin jiraatan amanamummaan keessan ummata irraa dhalattan, keessa jiraattanii fi nageenya isaa tiksuufis waadaa seentaniif tahuu hubattanii, yakkoota akkasii raawwachuurraa akka of qusattani fi yakkamtoota irraa ummata  tiksitan waamicha lammummaa gadi jabeessinee isinii dhiyeessina.

Jaarmayootni siyaasaa fi qabsaawonni mirga lammiilee Oromiyaaf falmitan, dhaabbattoonni miti-mootummaa fi kan dhuunfaa, waldaaleen ogummaa fi siviikii walumaagalatti Lammiileen Oromiyaa ummataa fi biyya keenya balaa ulfaataa itti aggaamamee jiru irraa baraaruuf Mootummaan Cehumsa Biyyoolessaa Oromiyaa akka ijaaramuuf waamicha ABOn dhiyeesseef owwaattanii milkeessudhaan dirqama keessan akka bahattan irra deebiin hubachiifna.

Maayiirratti duulli ajjeechaa bakkayyuutti ilmaan biyyaa irratti xiyyeeffatee hidhattoota murna caasaa mootummaa caccabaa jiru adda addaatin raawwatamaa jiru, qabsoo ummanni haqa, dimokraasii, kabajaa namummaa fi bilisummaa isaa gonfatuuf gaggeessaa jiru taakkuu takka of duuba kan hin deebisne ta’uu hubachiisaa, kanneen yakka kana raawwatanii fi raawwachiisanis gaafatama seenaa fi seeraa jalaa kan hin baane tahuu ABO hundaaf ifa godha.

Ummanni keenya adamsuu, hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee duula bifa hedduu irratti gaggeeffamu jalaa bilisa bahuu kan danda’u, yoo Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa dhaabbatee Mootummaa kiyya jedhee amantaa irraa qabu ijaarrate qofa tahuu hubachiisaa, kanaafis qabsoo isaa jabeessaa aggaammii diinaa roga adda addaatin fuula itti deeffateef tika jabaa akka ofiif taasisu hireedhuma kanaan dhaamna.

Ajjeechaan dargaggoota irratti xiyyeffatee golee Oromiyaa mara keessatti waggata lamaaf raawwatama bahe; raawwatamaas jiru, yaaddoo nageenyaa daranuu hammeessaa jiraachuu ummatni keenya hubatee akka kanatti furmaata gochuuf socho’uu hubachiifna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 25, 2020