Ibsa Walgahii 5ffaa Shanee Gumii ABO

Ibsa Walgahii 5ffaa Shanee Gumii ABO

Mudde 27, 2018

addaShaneen Gumii ABO Walgahii isaa dhaabbataa isa 5ffaa Mudde 26, 2018 Magaalaa Guddittii Oromiyaa Finfinnee, Gullalleetti gaggeeffate. Walgahii isaa kanaan Shaneen Gumii dhimmoota hojii qabsoo Ummata keenyaa fi Dhaaba keenya ABO, akkasumas, haala siyaasaa Itoophiyaa, kan Naannoo fi Godina keenyaa irratti marii bal’aa gaggeessuudhaan murtiilee haala yeroo ammaa keessatti qabsoo Ummata keenyaa fi Dhaaba keenya daran jabeessuu danda’an hedduu dabarsee ka’e.

Shaneen Gumii Walgahii kanaan waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifame ilaalchisee haalota hanga yoonaatti keessa dabrame bal’inaan fi gadi faginaan irratti mar’ate. Waliigalteen sun gama ABO, miseensotaa fi deggertoota isaa, akkasumas, waliigalatti gama Ummata keenyaatiin akka bu’aa qabsoo fi gatii wareegama bara dheeraa Ummatni Oromoo fi warri kaanis baasaniitti ilaalamee tikfamaa kan jiru tahus gama Mootummaa Itoophiyaa fi Paartii biyya bulchuutiin haalli hanga yoonaatti mul’achaa jiru garuu gaddisiisaa tahuu bira dabree yaaddessaa tahuun walgahii kanaan hubatameera.

ABOn miseensotaa fi deggertoota isaa, akkasumas, Ummata bal’aa Oromoo wajjin tahuudhaan jijjiirama kana argamsiisuu keessatti wareegamni baasee fi qoodni qabaate kan hundaatiin olitti guddaa tahuun dhugaa eenyu illee haaluu hin dandeenye dha. Dhugaan kana tahee osoo jiruu ABOn Mootummaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, akkasumas, Paartii aangoo Mootummaa harkaa qabu ODP/EPRDF biratti akka waan humna jijjiirama kanaa hin tahiniitti ilaalamee alatti dhiibamaa, duulli waraanaa fi ololli maqa-balleessii daangaa hin qabne irratti gaggeeffamaa yoona gahuun walgahii kana irratti ibsamee bal’inaan irratti mari’atame.

Dhimmi ijoo fi bu’uurri waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa inni guddaan ABOn bilisummaadhaan biyya keessa socho’ee, walgahii ummataa gaggeessuu, waajjiroota isaa banachuu, kaayyoo isaa barsiisuu fi … kkf. irratti hin daangeffamu ykn. danqaan isa hin mudatu kan jedhu ture. Haa tahu malee, ODP/EPRDF mirgaa fi bilisummaa Dhaabni keenya kana gochuuf qabu daangessuu fi danquuf dabni dalagu yeroo irraa gara yerootti hammaachaa jira. Miseensotaa fi deggertootni keenya doorsifamuu fi bilisummaa sochii dhorkamuun bakkoota hedduutti mudachaa jira. Hidhaa fi ajjeechaan loogii siyaasaa irratti hundaawes miseensotaa fi deggertoota keenya irraa hin dhaabbanne.

Waliigaltee dhimma Waraana Bilisummaa Oromootiin wal qabate nagaadhaan irratti hojjennee akka fiixaan hin baasne duulli waraanaa guddaan ABO fi Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Miseensota WBO kanneen biyya ollaa (Ertiraa) irraa deebi’anii mootummaa Itoophiyaatti kennaman akka waliigaltee keenyaatti qabaan malu godhamuufiin hafee gochaa fi jechaan miidhaan qaamaa fi qor-qalbii akka irra gahu taasifamee jira.

Yeroo ammaa rakkoo nageenyaa guddaa tahuutti dabalee Ummata keenyatti wanti hibboo tahe tokko, gama tokkoon sababa Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed dhiigaan Oromoo tahaniif qofa akka waan rakkoon Ummata keenyaa furameetti hubachuutti dabalee “Mootummaan kun kan Oromoo ti.” hanga jedhamutti yeroo odeeffamu, gama kaaniin ammoo daangaalee Oromiyaa karaa adda addaa irraan ajjeechaa fi qe’ee ofii irraa buqqifamuun Ummata keenyaa daranuu hammaatee itti fufaa jiraachuu isaa ti. ODPn aangoo fi carraa qabutti dhimma bahee Ummata keenya miidhaa karaa adda addaatiin irra gahu kana irraa ittisuu caalaa haala kana keessa gugachuudhaan ABO fi deggertoota isaa irra dhiibbaa geessisee bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf carraaquun ammoo haalicha daranuu hammeessaa jira.

ABOn yeroo Mootummaa Itoophiyaa waliin wal tahee haala kanatti seenu dhiibbaan loogii siyaasaa irratti hundaawe akkasii fi wareegamni biroos akka jiraatu wallaalee miti. Ummata keenya wajjin taanee dhiibbaa fi wareegama mudatu hundumaa danda’uudhaan qabsoo Ummata keenyaa galmaan gahuufi. Waan taheef, har’as osoo dhiibbaa fi ololli diigaan, akkasumas, duulli waraanaa kun hundi nu irratti gaggeeffamuu illee yoo tahe gama keenyaan boqonnaa qabsoo karaa nagaa itti seenne kana milkiidhaan fiixa baasuuf obsaan hojjechuun keenya kan itti fufu tahuu hubachiisaa rakkoo amma mul’atu kana irratti hubannaa fi ejjennoo qabnu akka armaan gadiitti hundaaf ifa taasisna:

  1. Ummatni Oromoo waliigalatti, addatti ammoo Dargaggootni/Qeerroon fi qabsaawotni hundi wareegama ol’aanaa baasuudhaan, Ummatootni naannoolee biroos qooda kennaniin haala gara jijjiiramaatti nu geessu kan ji’oota saddeettan dabran uumamee ture keessatti EPRDF jijjiirama of keessatti gochuudhaan haala kana mijeessuuf gaafatama fudhatee, Dhaabotni adda addaas qaama jijjiirama kanaa tahuudhaan fiixa bahiinsa isaaf dhiibaa as geenye.
  2. Haa tahu malee, daangaalee Oromiyaa karaa adda addaa nageenyi dhabamee lammiileen nagaan (meesha-maleeyyiin) dhibbootaan ajjeefamuu fi kum-dhibbootaan qe’ee isaanii irraa buqqaafamuun itti fufee jira. Rakkoo kanaaf hanga ammaatti furmaatni dhabamuu fi Mootummaanis deebii quubsaa itti kennuu dadhabuun ifatti mul’ata. Nageenyi naannoolee biroos haaluma fakkaataadhaan boora’uu itti fufee jira.
  3. Oromiyaa keessatti ODPn haala kana wayyeessuudhaan nageenya Ummata keenyaa mirkaneessuuf hojjechuu dhiisee ABO irratti duula ololaa finiinsuu fi lola labsuun, Mootummaan Federaalaatis humna waraanaa guddaa bobbaasuudhaan loluma kana babal’isaa jiraachuun dhugaa lafa jiru.
  4. Kun akka hubannaa keenyaatti adeemsa jijjiiramaa kana irratti gaaddisa yaaddoo guddaa uumee, sadarkaa Oromiyaa fi Itoophiyaattis cehumsa gara sirna dimokiraasiitti taasifamu shakkii keessa galchee jira. Cehumsi kun gufachuun ammoo nagaa fi tasgabbii Godina kanaatis balaa guddaa irra buusa.
  5. Waan taheef, dhimmi kun akka haaraatti yaaduu fi furmaata haaraa soquu gaafata.
  6. Kana irratti ABOn mootummaa fi kanneen dhimmi ilaalu hunda waliin furmaata soquu irratti qooda gama isaa kennuu barbaada. Kana gochuufis Mootummaan furmaata karaa nagaaf hojjechuuf waadaa seene maddiitti dhiisee duula waraanaa banuudhaan yaaddoo lolaa uume kana irraa dhaabbatee furmaataaf akka waliin hojjennu waamicha goonaaf.
  7. Paartiilee fi Dhaabotiin siyaasaa hundis haala hamaa kana irraa bu’aa yeroo fi dantaa ofii soqatuun haala kana daran waan hammeessuuf kana irraa of qusatanii adeemsa jijjiiramaa eegalame kana milkeessuuf akka hojjetanis waamicha goona.

Yaamicha Tokkummaa Qabsoo:
Bu’aa-bahii adeemsa qabsoo kan hanga ammaa keessatti gurmuu tokkummaa Saba Oromoo deebisee itichuu fi Bilisummaa isaa mirkaneessuuf Adda Bilisummaa Oromoo caalaa kan qooda kenne akka hin jirre Ummatni keenya ragaa dha. ABOdhaan alattis jaarmayaadhaanis tahe akka biraatti qooda sab-boontotni fi qabsaawotni ilmaan isaa baasan hunda Ummatni keenya addaan babaasee beeka. Qabsoo hadhaawaa Ummatni keenya baroota dheeraaf gaggeessee fi wareegama ulfaataa hanga har’aatti baafamee fi baafamaa jiruun kan miidhamee fi miidhamaas jiru Ummata Oromoo ti. Injifannoo wareegama kanaan argame hundattis Abbaan Ummata Oromoo ti. Mooraa Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa itichinee jabeessuudhaan Abbaa qabsichaa kan tahe Ummata keenya Bilisummaa inni barootaaf sarbame gonfachiisuuf tokkummaa qabsoo uummachuu fi kan jirus daran jabeeffachuun jaarmayoota Bilisummaa Ummata kanaaf qabsaawan hundatti dirqama.

Bilisummaan, nageenyi amansiisaa fi dantaan waloo Ummata keenyaa fedhii namootaa fi Dhaabota siyaasaa hunda irra guddaa tahuu ABOn jabeessee amana. Waan taheef, ABOn carraan amma qabsoo Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufannee fi duubatti hin deebine gochuudhaan Bilisummaa, nageenya amansiisaa fi dantaa waloo Saba keenyaa dhugoomsuuf kan gargaaru wareegama kamuu baasuu irraa duubatti hin jedhu. Akeeka eebbifamaa kanaaf kan gargaaru taanaan Addi Bilisummaa Oromoo ODP waliinis waliigaltee keenya hojiitti hiikuuf hojjechuu qofa osoo hin taane unkaa fi sadarkaa danda’amu kamuutti tumsa ykn. tokkummaa qabsoo waliin uummachuuf qophii tahuu keenya Ummata keenyaaf mirkaneessina.

Xumura:
Maayyii irratti miseensotaa fi deggertootni ABO kanneen biyya keessaa fi biyyoota alaa hundi, Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Ummatni bal’aan Oromoo waliigalatti, haala yeroo ammaa kana gamnummaa fi bilchinaan, akkasumas, itti dhiheenyaan hordofuun akka barbaachisu jabeessinee dhaamna. Haalli har’a keessa jirru abdiin jijjiiramaa fi yaaddoon gufatiinsaa kan keessatti wal makee mul’atu dha. Haala akkasii keessatti afanfaajjawiinsi uumamuu malu hedduu dha. Kaayyoon qabsoo Ummatni keenya barootaaf itti wareegamaa as gahe maal akka tahee fi galmi keenya eessa akka tahe sekoondii tokkoof illee dagachuu hin qabnu. Ololaa fi duulli maqaa fi sababa adda addaa dhahatee ABO irratti gaggeeffamu hundi kaayyoon isaa inni guddaan Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa Galii isaa hanqisuu irratti kan qiyaafate tahuun nu jalaa dhokachuu hin qabu. Kana sirriitti hubannee Dhaaba keenya ABO fi Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa akkuma kaleessa tiksinee fi utubnee, irratti cichinee asiin geenyetti har’as haala wal xaxaa kana keessatti caalaatti tiksinee fi utubnee Kaayyoo qabsoo Ummata keenyaa waliin fiixaan baasuuf jabaannee akka warraaqnu Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaama.

 

Injifannoo Ummata Oromoof !

Shanee Gumii ABO
Mudde 27, 2018