Ajjeechaa Jumlaa Lammiilee Oromoo Irratti Jabeessuun Wayyaanee, Sochii Xumura Sirnichaa Jabeessa Malee hin Dhaabu !

Ajjeechaa Jumlaa Lammiilee Oromoo Irratti Jabeessuun Wayyaanee, Sochii Xumura Sirnichaa Jabeessa Malee hin Dhaabu !

(Ibsa ABO Gurraandhala 13, 2018)

Ajjeechaa Jumlaa Lammiilee Oromoo Irratti Jabeessuun Wayyaanee sochii Xumura sinichaa irratti deemaa jiru jabeessa malee hin dhaabu. Diddaa fi mormii ummatoonni cunqurfamoon Impaayera Itoophiyaa keessaa addattis warraaqsa xumura gabrummaa ummanni Oromoo irratti gaggeessaa jiruun hundeen sirna bulchiinsa isaa kan raafame murni wayyaanee, aangoo humnaan qabatetti rarra’uuf saamicha ija baasee fi tarkaanfii faashistummaa akka fala maayiitti fudhatee hojiirra oolchaa jiru itti fufaa akka jiru addunyaaf ifaa dha. Ummanni Oromoo duula sirnichaa kanaan adda dureen itti xiyyeef-fatamee guyyuu jumlaan duguugamaa kan jiru tahuu dalagaan hammeenyaa keessumaa guyyoota Sadan dabranii ragaa dha.

Ummanni Oromoo humnoota mootummaa wayyaanetiin ajjeefamuun waanuma waggoota 27n dabran itti fufiinsaan mudataa ture tahus, wayta jaleen sirnichaa, OPODn, waadaa kijibaan Oromoo sobaa jirtu kanatti golee Oromiyaa mara keessatti waraanni mootummaa lammiileetti dhukaasee ajjeesuu fi madeessuu itti fufuun, diinummaan mootummaan EPRDF/TPLF-OPDO Ummata Oromoof qabu hammam akka gadi fagoo tahe kan agarsiisu dha.

Baha Oromiyaa Hammarreessatti waraanni mootummaa wayyaanee lammiilee Oromoo duula liyyuu poolisii Somaalee jalaa mooraa/Kaampiitti baqatanitti dhukaasa roobsee hedduu ajjeesuu fi madeessuu akkasuma Baale Madda-Walaabuutti, magaalaa Hararitti, Haramaayaa cinaatti kan argamtu ganda Baateetti fi Dirree dhawaatti ajjeechaa fi madoon suukaneessaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamuu addunyaatu gurraa qaba. Kan hedduu suukaneessaa tahe garuu, qeerroo Oromoo Dirre Dhawaatti ajjeefaman 2 awwaaluuf ummata bahe irratti boombii humnoonni wayyaanee darbataniin balaan dhaqqabuu isaa ti.

Ajjeechaa jumlaa waggoota sada dabran keessa qofa raawwatan garii akka ragaatti yoo tuqne, Onkoloolessa 2, 2016 Bishooftuu Harsadee irratti lammiileen 1000 caalan, Onkoloolessa 26, 2017 magaalaa Ambootti ilmaan Oromoo 10, Muddee 10, 2017 Calanqootti lammiileen 15 akkasuma Amajjii 20, 2018 ammoo Waldayaatti namoonni 7 haala suukaneessaan waraanni wayyaanee dhukaasa itti roobsee ajjeesuun yaadannoo yeroo dhihoo ti.

Lammiileen Liyyuu Poolisiin dahatamee ajjeefamaa bahan dhibbaan lakkaawamanii fi bakka adda addattis ajjeefaman kana hin dabalatu.

Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa suukaneessaa Raayyaan Ittisaa fi Humnoonni Agaazii wayyaanedhaan bobbaafaman Oromiyaa bakkoota adda addaatti lammiilee meesha-maleeyyii irratti qiyyaafatuun ajjeesuu fi madeessuu itti fufaa jiran kana gadi jabeessee balaaleffata.

Mootummaan wayyaanee Qabsoo Bilisummaa belbelaa jiru, gaaffii haqaa ummanni Oromoo dhiyeessaa jiruu fi warraaqsa qeerroo bilisummaan finiinaa jiru ukkaamsuun aangoorra bubbuluuf duguuggaa sanyii (Genocide) ummata Oromoo irratti raawwataa jiruuf gaafatama jalaa kan hin baane tahuu ABOn irra deebiin hubachiisa. Hanga mootummaan wayyaanee hundeen buqqa’ee sirni gaaffilee ummatoota biyyattii hundaafuu deebisaa sirnaa laatu dhugoomutti, ajjeechaan lammiilee fayyaaleyyii irratti raawwatamu gonkumaa kan hin dhaabbatne ta’uus hubachiisa.

Waan taheef, ilmaan saboota cunqurfamoo humnoota waraanaa fi tikaa mootummichaa keessa jiran, wayyaaneen harka isaanitiin ibidda qabachaa jiraachuu hubatanii ummata Oromoo balaaf afeeruu irraa akka of qusatan akeekkachiisna. Keessumaa ilmaan Oromoo humnoota hidhattootaa fi caasaalee mootummichaa adda addaa keessaa bahuun qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiran galateeffataa fi dinqisiifataa, kanneen amma illee sirna sana jala jiran yeroon kun kan yakka lammii ofii irra gahu callisaan ilaalan odoo hin taane, lubbuu dabartuun seenaa hin dabarre kan itti dalagan tahuu hubachuun tarkaanfii boonsaa fudhachuudhaan ummata Oromoo cinaa akka dhaabbatan ABOn ammas irra deebiin waamicha dhiyeessa.

Maayii irratti dhaabbileen siyaasaa, jaarmayootni mirgoota namoomaa fi warreen haqaaf dhaabbatan hundi akkasumas hawaasni addunyaa duguuggaa sanyii (Genocide) sirni TPLF Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabsisuuf mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka caalaatti jabeessanii fi tarkaanfii biyyattii fi naannichatti nagaa waaraa buusuuf taasifamu akka tumsanii fi bira dhaabbatan waamicha dhiyeessina.

“Barii jala dukkanni hammaata” akkuma jedhan mootummaan wayyaanee ajjeechaa suukaneessaa lammiilee Oromoo meesha-maleeyyii irratti qiyyaafate jabeessuun isaa, guyyaan dhabama sirna bittaa isaa dhiyaachuu mirkaneessa. Warraaqsa finiinsuu fi qabsoo roga hunda bal’ifaataa fi jabeeffataa gabroomsaatti xumura gochuuf dhalli Oromoo hundi dirqama lammummaa dacha dachaan akka bahatu ABOn dhaamsa isaa haaromsa. Kana mirkaneessuuf ABOn dirqama isaa hunda dachaan bahatuuf akka jabinaan hojjechaa jiru ummata keenyaaf mirkaneessina.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti ! Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo Gurraandhala 13, 2018