Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi’ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira

Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi’ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa
fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira
Ibsa ABO-Mudde 3, 2021

Bara 2018, erga gareen Paartiin Bilxiginna jedhamu aangoo qabatee asitti, ajjeechaa jumulaa uummata Oromoo
nagaa fi saboota biroo irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaa irra ga’ee jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo gochi
ajjeechaa uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamu kun Oromiyaa keessatti daran kan hammaate yoo
ta’u, daa’imman, dubartootaa fi jaarsolii dabalatee lubbuun uummata nagaa guyyaa guyyaatti akka baalaa harca’aa
jira. Kanaanis baay’inni namoota jumulaan ajjeefamanii fi yeroon ajjeechaan kun itti deddeebi’ee raawwatamu
yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira. Gochi ajjeechaa jumulaa uummata nagaa irratti raawwatamu kun
sadarkaa baay’ee yaaddessaa irra kan ga’ee jiru yoo ta’u, gochi ajjeechaa marra ammaa raawwatamu kun gocha
suukaneessaa fi duguggaa sanyii bara 1880 keessa yeroo weerara Minilik uummata Oromoo miliyoona 5 fixan
waliin wal fakkaata. Weerara Minilik kanaan gara jabeenya hamaadhaan uummata miliyoonaan lakkaa’amu fixanii,
kaan ammoo harka, miillaa fi harma irraa muruudhaan godaannisa barabaraa ka’anii darban. Hoogganaan Paartii
Bilxiginnaa Dr. Abiyyi Ahmad abjuu sirna impaayera Itoophiyaa durii deebisuu kan qabu yoo ta’u, abjuu isaa kana
dhugoomsuufis halkaniif guyyaa hojjechaa akka jiru argaa jirra. Mul’atni sirna kolonii deebisanii gadi dhaabuuf
qaban bifa haaraatiin kutaalee biyyattii guutuu keessatti uummattoota cunqurfamoo biyyattii irratti diriiruu eegalee
jira. Mootummaa garee Paartii Bilxiginnaa jalatti seenan weerara sirna kolonii bara 1880 ifatti deebi’ee diriirfamaa
jira. Kunis ajjeechaa suukaneessaa tibbana maqaa Duula Minilik (Zamachaa Minilik) jedhuun naannoolee Shawaa,
Walloo, Wallaggaa fi Tigraay dabalatee kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwatamaa jiruun ifatti
mul’atee jira. Paartiin Bilxiginnnaa bara kana keessa maqaa tokkummaa biyyaa jedhuun humna qawwee
fayyadamee sirna kolonii impaayera Itoophiyaa duraanii deebisuuf akkanatti abbaluun isaa hedduu nama raajaa,
gaddisiisa.
Tarkaanfiin impaayera sirna qeenxee ijaaruu yeroo Dr. Abiyyi Ahamd aangoo qabate irraa eegalee tattaafatamaa
kan jiru yoo ta’u, kanaanis ajjeechaan haala garaagaraatiin kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti
raawwatamaa kan ture yoo ta’u, ajjeechaan jumulaan uummata Oromoo Kaarrayyuu irratti gaafa guyyaa Sadaasa
30/2021 raawwatamee fi gaafa guyyaa Mudde 1/2021 Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa
Fantaallee keessatti raawwatame hedduu nu rifaasisee jira. Ajjeechaa suukaneessaan guyyaa saafaa uummata
nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatame kun shira humni tikaa fi loltoonni Paartii Bilxiginnaa dursanii itti
yaadanii tahe jedhame raawwatame. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa gaafa guyyaa 30/11/2021 dabarseen
humnoonni hidhatanii bobbaafaman manaa-manarra deemanii dargaggoota akka adamsan ajaja dabarsee.
Dargaggoonni kunniin waan yakka dalaganiif adamsamu osoo hin taane waan Paartii Bilxiginnaa deggeruu didaniif
adamsamu. Kanaanis dargaggoota barbaadanii erga dhabanii booda, haala suukaneessaa fi dhala namaa irraa hin
eegamneen maatii dargaggoota kanneenii tumuun lafarra harkisanii gara wiirtulee mana hidhaatti geessuuf
yaalaan. Jiraattonni naannoos gocha hammeenyaa fi suukaneessaa loltoonni mootummaa namoota nagaa irratti
raawwatan kana wayita argan gocha kana akka dhaabanii fi dhimmichas karaa nagaatiin akka furamu gaafatan.
Kanumaan dhimmicha akkaataa duudhaa fi aadaa isaaniitii irratti mari’atanii loltoota waliin wal tumsuun furuudhaaf
jecha jaarsoliin naannichatti argaman gaafa guyyaa 01/12/2021 walga’an. Haatahu malee loltoonni Paartiin
Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaase jaarsolii naannoo nagaa buusuuf walga’an irratti rasaasa roobsuudhaan Abbaa
Gadaa fi Abbaa Gadaa (Jaarsolii Naannootti Kabajaman) dabalatee namoota nagaa 13 bakka tokkotti fixan.
Ajjeechaan jumulaa kun erga raawwatamee boodas, jiraattonni naannichaa baay’ee rifatani gocha suukaneessaa
kana mormuuf sagalee isaanii karaa nagaatiin ibsachuuf yaalan.
Kanaanis humnoonni mootummaa hidhatanii turan kunniin uummata nagaa hiriira ba’ee karaa nagaa sagalee isaa
dhageessifachaa jiru irratti rasaasa roobsuudhaan namoota nagaa 50 bakka tokkotti fixan. Kanumaan waliigalatti
yeroo tokkotti namoota nagaa 63 fixan. Baay’ina namoota madaa’anii fi hidhamanii ibsuun ulfaataadha.
Ajjeechaan kun namoota nagaa hokkora kamiyyuu keessatti qooda hin fudhanne irratti waan raawwatameef gocha
duguuggaa sanyii itti yaadamee raawwatame ta’uu ifatti agarsiisa. Namoonni ajjeeffaman kunniin namoota nagaa
jireenya mataa isaanii gaggeeffataniidha. Namoonni ajjeefaman kanneen keessatti daa’imman, dubartootaa fi
jaarsolii saaxilamoo humna ittiin mootummaa biyya bulchaa jiru irratti dhiibbaa godhan hin qabnetu argama.
Namoota kanneen to’achuudhaan gara mana hidhaatti geessuun osoo danda’amu Mootummaan Bilxiginnaa maaliif
namoota nagaa kanneen ajjeesuu akka filate gaaffii nutti ta’ee jira. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa lubbuuf jireenya
lammii isaatiif itti gaafatamummaa tokkollee osoo hin fudhatin gocha gara jabeenyaa kana uummata Oromoo irratti
raawwate.
Haaluma wal fakkaatuun mootummaan Paartii Bilxiginnaa uummata Oromoo Walloo Dirooniin haleelee jira. Har’a
ganama yeroo ibsa kana baasaa jirrutti waraanni paartii badhaadhina Godina Walloo Magaalaa Kamisee fi Baatii
boombiidhaan haleeluun uummata nagaa ajjeesaa jiru. Gocha gara jabeenyaa fi ajjeechaa Mootummaan Paartii
Badhaadhinaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru gadi jabeessinee balaaleffanna. Ajjeechaan jumulaa
uummata nagaa irratti raawwatamu kun madaa Uummanni Oromoon madaa’ee jiru tuttuquudhaan biyyatti guyyuu
gara hokkara hamaati caalaatti oofa jira.
Paartiin Bilxiginnaa duula waraanaa bal’aa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti labsuudhaan gocha
suukaneessaa uummata nagaa irratti raawwachaa jira. Paartiin Bilxiginnaa gocha sarbiinsa mirga dhala namaa fi
duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf akka itti gaafatamu akeekkachiisna. Gochi
hammeenyaa Paartiin Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru kun rakkoolee kallattii maraan biyyattii
muddaa jiran daran hammeessa. Hawaasi idil-addunyaas yakka sarbiinsa mirga dhala namaa hordofuu waan
qabuuf, ajjeechaa jumulaa guyyaa guyyaatti paartiin Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru akka
hordofan gaafanna. Addatti ammoo Dhaabbanni Falmaa Mirga Dhala Namaa Idil-addunyaa, UNSC, AU,
qaamoleen Nagaa fi Tasgabbii irratti hojjetanii fi gaggeessitoonni idil-addunyaa bu’uura tumaalee seerotaa fi
waliigaltee mirga dhala namaa idil-addunyaatiin uummata nagaa Oromoo fi uummattoota biyyattii akka eegan
gaafanna.
Walumaagala, Gareen Paartii Bilxiginnaa aangoo qabatee jiru fedhii uummattoonni cunqurfamoon biyyattii wal
qixxummaaf qaban ukkamsuudhaan weerara lafa babal’ifannaa fi olaantumaa garee tokkoo impaayera Abisiiniyaa
durii deebisee gadi dhaabuuf ifaajaa jira.
Kanaaf:
1. Dhumaatii Fantaalleetti raawwatame gadi jabeessinee kan balaaleffanu yoo tahu, ajjeechaan jumulaa uummata
nagaa irratti raawwatame kun qaama walaba ta’een qoratamee, qaamoleen gocha kana raawwatan seeratti
akka dhiyaatan waamicha goona. Akkasumas duula waraanaa Oromiyaa irratti labsamee jiru cimsinee
balaaleffanna.
2. Gochi duguuggaa sanyii fi weerarri lafa babal’ifannaa Paartii Bilxiginnaa qindeeffamu kutaalee Oromiyaa
hedduu keessatti jabaatee gaggeeffamaa waan jiruuf uummanni Oromoo of eeggannoo akka taasisu dhaamna.
Uummanni Oromoos ta’e uummattoonni biyyattii Jaarraa 21ffaa keessatti dugda ittiin ba’aa sirna kolonii baroota
1980 keessa ture baatan hin qaban. Uummanni Oromoo hacuuccaa, cunqursaa fi weerara lafa babal’ifannaa
dhufaa darbaan sirratti raawwatamu kana hiddaan ofirraa buqqisuuf yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaakee
jabeessuu qabda. Keessumaa ammo ajjeechaa itti yaadamee qe’eetti sirratti raawwatamu kana ofirraa
dhorkuuf yeroo mara dammaquutu sirraa eegama. Gareen Paartii Badhaadhinaa gaggeessitoota, jaarsolii fi
hayyootakee hubannaa fi dandeettii qaban ajjeesuudhaan, jaarmiyaaleekee diiganii ammas jaarraa kanbiraaf
si jilbeenffachiisanii kolonii jalatti cabsanii si bulchuuf abbalaa waan jiraniif dammaqinaan of eeggannoo guddaa
gochuu qabda. Nagaa fi tasgabbii naannookeetii to’achuudhaan jaarmilaakee, gaggeessitootakee fi hayyoota
kee aggaammii diinaa irraa eeguun itti gaafatamummaa keeti.
3. Uummattoonni Itoophiyaa marti ajjeechaa jumulaa, hidhaa fi haleellaa gareen aangoorra jiru namoota nagaa
irratti raawwachaa jiru akka balaaleffatan waamicha goona. Akkasumas namoonnii fi paartileen siyaasaa tokko
tokko dharraa sirna kolonii impaayera durii deebisuuf qaban milkeeffachuuf jecha uummattoota biyyattii
gidduutti walitti bu’insa hammeessaa waan jiraniif gocha ofittummaa kanarraa akka of qusatan dhaamna.
Kanarra akkaataa itti karaa nagaatiin sirna federaalaa uummattoota biyyattii maraaf mijataa ta’e deebisanii
dhaabuun gara marii siyaasaa waliigalatti deemuu danda’amu irratti tumsa isaan irraa eegamu yoo gumaachan
filatamaadha jenna.
4. Rakkoolee wal xaxoo biyya Itoophiyaa muddaa jiran kana furuudhaaf, hawaasi idil-addunyaa garaa isaanii irraa
duuka bu’anii hordofuudhaan maree fi waliigalteen karaa nagaa qaamolee mara hirmaachise akka
gaggeeffamuuf akka haala mijeessan ammas irra deddeebinee dhaammanna.
Dhumarrattis, paartileen siyaasaa fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti ofittummaa irraa walaba ta’uudhaan
uummattoota Itoophiyaa maraaf, nagaa, haqaa fi wal qixxummaa mirkaneessuuf of kennanii garaa isaanii irraa
akka hojjetan waamicha goona.
Injifannoo Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 3, 2021
Finfinnee!