Ibsa ABO Ajjeechaa Finfinnee fi Baahirdaaritti Mudate Irratti

Ibsa ABO Ajjeechaa Finfinnee fi Baahirdaaritti Mudate Irratti

(Waxabajjii 23, 2019)

adda ummataOdeeffannoo gahaa maalummaa fi sababa ajjeechaa kanaa hanga ammaatti qabaachuu baannus haleellaa guyyaa kaleessaa (Waxabajjii 22, 2019) fi halkan edaa magaalota Finfinnee fi Baahirdaaritti gaggeeffameen lubbuu aangawoota ol’aanoo Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Amaaraa galaafatameef gadda nutti dhagahame ibsuu feena. Maatii fi firoota kanneen lubbuun isaanii dabarteetiifis jajjabina hawwina. Kanumaan wal qabsiisuun ejjennoo fi fedhii siyaasaa ofii humnaan namoota biroo fudhachiisuuf yaaliin taasifamu kamuu fudhatama kan hin qabnee fi balaaleffatamuus qabu tahuu addeessina.

Itoophiyaan fedhii fi waliigaltee Ummatootaatiin kan hin hundeeffamin tahuu fi adeemsa keessas hanga ammaattuu kana sirreeffachuu dhabuun madda rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa naannoo kanaa tahee yoona gahe. Kunis wareegama lubbuu ilmaan namaa fi qabeenya biyyaa herrgeguuf hin salphanne baasisaa jiraate. Qabsoo fi wareegama ulfaataa ilmaan Ummatootaatiin jijjiiramni siyaasaa amma eegala irra jiru kan rakkoo kanaaf furmaatni itti argamsiifamuu danda’a jedhamee abdatamaa jiru kun argame.

Haa tahu malee, jijjiirama siyaasaa kana hoogganee fiixaan baasuudhaan cehumsa gara sirna dimokiraasiitti taasifamu galmaan gahuuf kan Ummataaf waadaa seene Paartii biyya bulchaa jiru (EPRDF) keessatti balaan amma mudate kun abdii Ummatootaa kana deebi’ee akka hin dukkaneessine yaaddoo keenya tahuu ibsuu feena. Kun nu qofaaf osoo hin taane kanneen jijjiirama kana argamsiisuuf qabsaawaa fi wareegama baasaa turanii fi jiran hundaaf yaaddoo ol’aanaa dha jennee amanna.

Rakkoo ulfaataa keessa dabrame irraa barachuudhaan jijjiirama qabsoo fi wareegamaan argame kanatti dhimma bahanii rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Jaarraa lakkoofsise kanatti furmaata waaraa gochuun itti gaafatama hundaa tahuu ABOn ni amana. Kanaaf ammoo yeroo kamuu caalaa hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan socho’uu kan nu gaafatu tahuun hundaan hubatamuu qaba jenna.

Addi Bilisummaa Oromoo jijjiirama kana milkeessuudhaan cehumsa gara sirna dimokiraasiitti taasifamu galmaan gahuuf kanneen dhimmi ilaalu hundi gahee isaanii karaa ijaaraa taheen akka bahatan jabeessee dhaama. Gama ofiitiinis gahee isaa bahachuuf of qusannoo tokko malee akka hojjetu hundaaf mirkaneessa. Adeemsa kana keessatti ammoo waan hundumaan olitti Ummatni sagaleen isaa dhagahamuun, fedhiin isaa kabajamuu fi gaaffiin isaa deebii quubsaa karaa itti argatu haala isa amansiisuun karoorsuudhaan fiixa bahiinsa isaatiif hojii qabatamaan lafa irratti hojjetamuun murteessaa dha jenna.

Injifannoo Ummata Oromoof ! 
Adda Bilisummaa Oromoo ! 
Waxabajjii 23, 2019