Ibsa Gaddaa! Du’aan Boqochuu Dr. Nagaasoo Gidaadaa Ilaalchisee

Ibsa Gaddaa! Du’aan Boqochuu Dr. Nagaasoo Gidaadaa Ilaalchisee

Adda Bilisummaa Oromoo, Ebla 27, 2019

adda ummataQabsaawota Oromoo gameeyyii keessaa tokko kan turan Dr. Nagaasoo Gidaadaa guyyaa har’aa (Ebla 27, 2019) du’aan boqochuu gadda guddaadhaan dhageenye. Pirezdaantii Itoophiyaa kan duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa bara jireenya isaaniitti hirmaannaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kanneen qooda mul’ataa qaban keessaa isaan tokko turan. Dr. Nagaasoon siyaasaa Oromoo fi Itoophiyaa keessatti bifa gara garaatiin yeroo gara garaatti akka itti amananitti hiriiruudhaan bilisummaa fi mirgi dhala namaa akka dhugoomuu fi sirni dimokiraasii dhugaa akka mirkanaawuuf sochii hedduu taasisaa turan.

Doctor Nagaasoon jijjiirama siyaasa Itoophiyaa keessatti qabsoo Ummatootaan dhalate hordofuudhaan Adda Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti araarri fi waliigalteen akka uumamuuf qooda manguddummaa bahachuuf kanneenn carraaqqii guddaa taasisaa turan keessaahis tokko turan. Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessattis tahe siyaasa Itoophiyaa keessatti qooda mul’ataa qabaachaa kan turan Doctor Nagaasoo Gidaadaa yeroo murteessituu siyaasni biyya kanaa manguddoota buleeyyii akka isaanii kan araaraa fi wal hubannoo hawaasa gidduutti uumuu danda’an barbaaddutti du’aan boqochuun gadda guddaa dha.

Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqochuu Dr. Nagaasoo Gidaadaatiif gadda guddaa itti dhagahame ibsachaa, maatii fi firoottan isaanii, akkasumas, Ummata of biraa isaan dhabe hundaaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 27, 2019