Rakkoo Siyaasaa Itophiyaa Karaa Nagaa Furuu Ilaalchisee

Maddi rakkoo siyaasaa impaayera Itophiyaa mirga hiree murteeffannaa sabootaa kabajamuu dhabuu dhaan cunqursaa sabaa mootummaan gaggeessuu dha. Mootummaa Itophiyaa amma aangoo irra jiru heera biyyaa keessatti mirga hiree murteeffannaa sabootaa beeku illee akka hojii irra hin oolle gaadi’ee hidhee jira.  Ummatooti mirga bu’uraa kan duula koloneeffataan sarbaman deebifachuuf qabsoon godhan,  chaartara Mootummoota Wal tahanii (UNO) fi jaarmayoota idil addunyaa kan beekamee dha. Ummatni Oromoo fi ummatooti cunqurfamoo kaan walabummaan mata-mataan jiraachuu ykn wal marii fi wal gaafachuun tokkummaan waliin  jiraachuuf murteeffachuuf mirga guutuu qabu. Biyyicha keessatti nagaa fi tasgabbiin jiraachuuf bulchiinsi impaayera Itophiyaa dhumachuu qaba. Akeeka kana bakkaan gahuuf warri dhimmi ilaalu hundi qophii tahuun rakkoon siyaasaa karaa nagaa furamu taasisa. Rakkoo siyaasaa furuu dhiisanii boriif ol kaa’uu dhaabbachuu qaba. Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa Itophiyaa  keessa jiru karaa nagaa furuuf qophii tahuu beeksisa.  Akkuma amma duraa, har’as ABO, ummatoota impaayericha keessa jiraniif nagaa buusuu fi rakkoo siyaasaa  karaa nagaa furuuf ABO waan danda’u hundaa ni gumaacha.

Qabsoo Hidhannoo Ilaalchisee

Mootummooti Itophiyaa darabee aangootti dhufanii  fi inni amma aangoo irra jirus  waan mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kabajuu didaniif mirga isaa ittisuuf ABO qabsoo hidhannoo gaggeesaa jira. Qabsoon hidhannoo ABO kan xiyyeeffatu umamta sivilii irratti osoo hin taane caasaa fi humna mootumaa  irratti.   ABO ejjennoo hin daaqamne kan farra shororkeessitummaa qaba.  Mirga ummata Oromoo argamsisuuf tooftaa shororkeessitummaatti dhimma bahuu ni morma. Addi Bilisummaa Oromoo tooftaa shororkeessitummaatti dhimma bahuun mallattoo abdii kutannaa ti  jedha. Kanaaf ejjennoon farra shororkeessitummaa imaammata dhaabichaa ti.

Amantii fi Amantii Leellisuu ilaalchisee

Ummatni Oromoo hordoftoota amantii sadii: Islaama, Kiristaanaa fi Waaqeffannaa qaba. ABO mirga amantii ni kabaja, dhimma amantii keessas hin seenu.  Leellistummaa amanti gosa kamii iyyuu ni  morma, dura dhaabbata.  Miseensoti ABO fi deggertooti isaa hordoftoota amantii sadanuu tahuun dhaabichi dhimma amanti ilaalchisee  ejjennoo dimokraatawaa tahe akka qabu mirkaneessa.

Mirga Sab-bicuu Oromiyaa ilaalchisee

Oromiyaa keessa sab-bicuu eenyummaa fi aadaa adda mataa isaanii qabantu jiru. Sab-bicuun kun karaa dinagdee, aadaa fi politiikaa ummata Oromoo wajjin hariiroo cimaa qabu. Addunyaa irratti mirga sab-bicuu beekamee fi kabajamaa jiru irratti hundaa’uun ABO sab-bicuun Oromiyaa mirga aadaa isaanii  guddifachuu, naannoo isaanii bulchuu fi walqixxumman jiraachuu ni kabaja. ABO ummata Oromoo fi sab-bicuu Oromiyaa gidduu hariiroon firummaa akka jiraatuuf  tarkaanfii fudhachuu fi hojii hojjachuu jalqabe jabeessee itti fufa.

Waltumsaa fi Deggeruu Ummatoota Cunqurfamoo ilaalchisee

Impaayerri Itophiyaa tarsiimoo adda qoodanii koloneeffachuun ijaarame, tooftaa adda qooduun bulchuunis (divide and rule)  har’a gahe. ABO ummatooti bilisummaa isaanii gonfachuuf humnooti  ummatootaa qabsoo godhaa jiran wal tumsuu fi deggeruun barbaachisaa dha jedha. Ummatooti cunqurfamoon shira diinaa akka dura dhaabbatanii fi qabsoo bilisummaa waliin qindeeffataniif ABO hojjata ture.  Mootummaan Wayyaanee humnoota jijjiirraan Itophiyaa keessatti  akka hin dhufne mormanii wajjin hiriiruun ummatoota cunqurfamoo biyyacha keessa jiraniif yaaddo guddaa dha. Humnooti  oftuuloon mirgoota ummatni  keenya qabsoo isaatiin gonfate dhabamsiisanii sirna dullacha durii deebisuuf carraaqan ni jiru. Wal dhabbiin Itophiyaa fi Ertraa giddu itti fufee jiru sabootaa fi sablammii biyyichaa karaa dinagdee, humna namaa ni miidha. Lola sababa godhachuun mirgi namoomaa akka hin eegamne godha. Haalli gaaga’an TPLF fi waahillotni isaa uuman kun humnoti bilisummaa akka qabsoo walitti qindeeffatan fardii taasisa. ABO walii galtee amma dura ummatoota cunqurfamoo wajjin godhame haaromsuu fi cimsuuf qophii tahuu duwwaa osoo hin taane didhaa amma jiru injifachuuf waltajjii humna namaa, qabeenyaa fi dinagdeen itti qindeessan akka dhaabbatuuf ABO jabeessee ni hojjata.