Waamicha Walgahii Ifa Hin taanee ABOf Taasifame Jedhamu Quba Hin Qabnu

Obsi

 

Waamicha Walgahii Ifa Hin taanee ABOf Taasifame Jedhamu Quba Hin Qabnu

(Ibsa ABO –Onkoloolessa 29, 2020)

 

Walgahii bor, Onkoloolessa 30, 2020, gaggeeffamuuf jiru irratti ABOf waamichi taasifameera kan jedhamu, dhaabni keenya kan irraa quba hin qabne tahuu miseensotaa fi ummata keenya hubachiifna.

Manguddoonni Oromoo hangi tokko qaamaan nu qunnamuun walgahii Jimaata boruu gaggeeffamuuf deema jedhamuuf ABOf waamichi taasifamuu ilaalchisuun nu gaafatuurraa, hundumtuu akka hubatuuf ibsa kana baasuuf dirqamne. Akka isaan irraa dhageenyetti walgahii jaarmayoolee siyaasaa kanneen biroo dabalatee manguddootnis irraa qooda fudhatu jedhamu kanarratti akka ABOf waamichi taasifamee fi argamutti ka dubbatamaa jiru ilaalchisee dhaabni keenya dhimmi walgahii jedhamu kanaarraa wanti beeku tokkollee akka hin jirree fi akka itti hirmaatuufis waamichi taasifameef kan hin jirre tahuu beeksisa.

Qaamotni fi sirnoonni kabajamuu mirga ummata keenyaa dura dhaabbatan wayta mormii fi qabsoon itti jabaatu hayyootaa fi manguddootatti dhimmi bahanii burjaajii uumuufi, umrii gabrummaa sabarratti dheeressuu baruma baraan akka tooftaatti itti dhimmi bahuu aadeffatan.

Haala lammiileen Oromiyaa yaaddoo nageenyaa fi gaaga’ama ulfaataa guyyuu mudataa jiruuf furmaata waaraa argamsiisuuf sossohaa jiran kanatti, dhimmi ABOn quba hin qabne akka beekutti dhiyeessuun burjaajii uumuuf yaaluun, adeemsi itti jiran deeggarsa ummataa dhabuu ifatti agarsiisa. Dabalees, jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan akka ABO rakkoolee walxaxoo mudataniif yaada furmaataa dhiyeessanii fi hogganaas jiran akkasumas hayyootaa fi manguddoota kabajamoo waltajjii baanamu irratti dhiyeeffatuun olola dogoggorsaa irraa daldalatuuf yaalii taasifamaa jiru taha jennee amanna.

Adeemsi akkanaa rakkoo lammiilee fi biyyattii hudhee qabee fi jireenya ummataa haala caalaa yaaddessaatti geessaa jiruuf, yaada furmaataa bilchaataa fi ummataanis fudhatama argate dhiyaateef deebisaa laatudhaan mootummaa Cehumsaaf waamicha taasifame deeggaruu mannaa, diraamaa adda addaatin burjaajii uumuun dhugaa jiru awwaalanii gateettii ummataarra bubbuluuf dhama’uun dhumni isaa kasaaraa guddaa dha.

Irra deebi’uun ABOn Walgahii Abbootiin Gadaa fi Manguddootni bor akka gaggeeffamuu fi ABOnis akka affeerametti itti himamuu nu hubachiisan kan quba hin qabne tahuu hundaaf ifa godhaa, rakkoo jiruuf furmaanni waaraan Waamicha Mootummaa Cehumsa Biyyoolessaa Oromiyaaf dhiyaateef deebisaa laatanii dhugoomsuu tahuu hubachiifna.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 29, 2020