Gaaffiin Bu’uuraa fi Jalqabaa Sabaa fi Sab-lammoota, Ummatoota Itoophiyaa Gaaffi Nagaa Waaraa fi Tasgabbii Sabatiinsa Qabu Argachuu ti.

 

Gaaffiin Bu’uuraa fi Jalqabaa Sabaa fi Sab-lammoota, Ummatoota Itoophiyaa Gaaffi Nagaa Waaraa fi Tasgabbii Sabatiinsa Qabu Argachuu ti.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

 

“Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa” jechuun handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee Birbirsa Goorootti, fuuldura gamoo “Araadaa” irraa hanga Addabaabayii siidaan Minilik jiruutti lafa hektaara shan irratti Godni hanbaa /Muuziyemiin ijaaramee Guraandhala 11, 2024 eebbifamuu dhageenye; argines. Zero zero (00) project muummicha ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmadiin wixinamee mallattoo gootummaa, jaalala biyyaa, tokkummaa sabaa fi sab-lammootaa, ummatoota Itoophiyaa, yaadannoo hooggana mul’ata qabu Atsee Minilik ganna 128 duraa jechuun akka fakkii addaa tokkotti dhiheessan. Dhugaan jiru garuu inni isaan jedhan kun sabaa fi sab-lammoota, ummatoota Itoophiyaaf qoree dhoqqee keessaa ti. Addatti ummata Oromoof madaa isaa irratti ashaboo firfirsuu dha jennee amanna.

“Biyya mari’atanii bulchan malee maraatanii hin bulchan!” “Artificial Intelligence” (AI) Tekinoloojiin mootiin Minilik akka waan galmicha keessa dhaabbatanii ergaa dabarsaniitti fakkeeffamee mata duree haasaa taasise Hologram jedhamutti fayyadamanii akka isaan dubbatan godhaniin muummichi ministeraa Itoophiyaa. Haasaa Minilik gaafa lubbuun jiru hanga bara 1913 dura waan haasawan osoo hin taane, muummichi ministeraa Eker-dubbistuu waan tahan nutti fakkaatan. Ekeraa dubbisuun waan bara sanaa akka dubbatu godhan osoo hin taane, waan bara ammaa ofii Itoophiyaa bulchaa jiran yaadanii fi hawwan dubbisiisan.

Hasaan daqiiqaa 14f teeknolojii Helogarmiin haasawame keessaa, Kabajamaa ummata Itoophiyaa, Injifannoon Adawaa erga galmaa’ee waggoonni 128 lakkaa’amaniru. Hanga ammaatti garuu yaadannoo guddaa bilisummaa guutuu Itoophiyaa boonseen walgitu eegaa turre. Dhaloonni har’aa boru ni hojjeta jennee abdii godhannee ture. Kunoo ti har’a godambaan kana fakkaatu gidduu magaalaa Finfinneetti hojjetamee hambaan goototaa walitti qabamuuf, seenaan isaanii akka himamu, maqaan isaanii akka waamamu

godhamuu isaa yemmuu ilaallu lafeen keenya awwaala keessaa, lubbuun keenya jannata keessa teessee gammaddi. Ilma jechuun kana; seenaa kan yaadatu, maqaa kan nama yaamsisu, nuti amma duune hin jedhamnu. Waqtii sanatti qabamuun ulaa galaanaa meeshaalee waraanaa biyya alaatii galchuuf qormaata uumee ture. Ulaan galaanaa keenya naannawaan isaa qabamee karaa Jibuutiin qofaan ture kan fayyadamnu. Madaafonni keenya (gara biyyaa) akka hin seenneef diinonni keenya qormaata nutti aggaaman. Ulaa galaanaa osoo qabaannee gadadoon kun hundi nu irratti hin uumamu ture. Kabajamaa ummata Itoophiyaa! Adaraa dhimma ulaa galaanaa akka laayyootti hin ilaalinaa. Gaafa guyyaa rakkoo ti kan faayidaa isaa beektan. Bara kanatti wanti ulfaataan wal qoqqooduu, adda foxxoquu fi waliigaluu dhabuu dha. Wanta ulfaataa dhiisaatii wanta salphaa qabadhaa. Bara nuti itti jiraanne keessa hanga nuuf gale hojjenneerra. Yoo xiqqaate weerartoota warra adii waliin kokkee walqabnee biyya Itoophiyaa jedhamtu tursiifneerra. Wanta bara keenya tureen akkamitti har’a wal loltu? Waan gaarii qabadhaa, hamaa balleessaa.

 

Biyya dhaabbatanii bulchan malee dhaadatanii (motto)n hin bulchan. Muummichi ministeraa asoosama mootota Itoophiya dhufaa darbaa irraa dhaalaniin falaasama eda’amuu ti jedhanii biyya ijaarraan biyya goolaa jiru. Paarkii ijaaruun modeela Jennataa ti jechaa, Abba qe’ee dahoo isaa irraa buqqisanii, godoo keessa qubatus dhabsiisan qe’ee isaatti godahanbaa/muuziyeemii maqaa mootota abbootii irree fi harki isaanii dhiigaan laaqameen ijaaruun, akka Eker-dubbistuu tahanii ekeraa dubbisiisaniin Ilma jechuun kana; seenaa kan yaadatu, maqaa kan nama yaamsissu, nuti amma duune hin jedhamnu.jechisiisanii maqaa of dhoofsisuuf tattaafachuun ummata mootiin sun keessaa bahes hin fayyadu. Ummaticha ofitti deebisuu fi deggersa irraa argachuuf kan yaadame ta’u illee, waan fayyadu miti. Isaan irraa deggersa argachuuf waan isaan barbaadan raawwataa fi afaan itti mi’aawaa, warra madaa qabu ammoo madaa isaanii wawwaraanuun dogoggora guddaa dha.

 

Fakkiin (Legacy) mootota cunqursitoota irraa dhaalanii dhaloota dhaalchisan hin jiru. Tarii kanneen harka isaanii dhahuun seenaa darbe irraa barachuu dadhabanii dhiiga ummatootaa guyyuu akka lolaatti mootummaa biyya bulchuun dhangala’aa oolutti qoosan, harcaatota sirna dulloomaa durii, kanneen olaantummaa siyaasaa biyya takkattii, afaan tokkoo fi amantii tokko barbaadanii ti.

Carraa kanaan eebba “Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa” baanamu irratti argamuun haasaa kan taasisan Peresedaant Saalawarq Zawdee, akka MM Dr. Abiy Ahmad kan hojii keenya jibbu ergamtoota alagaa fi alagaa ( Baaddaa fi Baandaa) qofa” jedhaanii fakkeenyummaa Atsotaa humnaan ummatatti fe’uu osoo hin taane, fedhiin isaan nagaa ummatoota Itoophiyaaf qaban ifaa fi mul’ataa akka tahe addabaabayiitti dubbataniiru. Haasaa isaaniitiinis “Obboleessi obboleessa irratti ka’uun waan boquu nama cabsuu dha malee waan akka injifannootti lallabannu miti, seenaa darbe kaasnee dhaloota dhaalchisuun akkuma jirutti tahee rakkoo keessoo keenyaa fixachuu qabna, ummanni nagaan bahee galuu dadhabeera; kun nu yaaddessuu qaba” yaanni jedhu afaan isaanii irraa baheera. Furmaata kan akeeku waan keessa jiruuf yaada gaarii dha. Madda rakkoo biyyattii hundee irraa baruun haqaan furmaataaf hojjechuun garuu murannoo kan barbaadu abbootii dhimmaa hunda kan gaafatuu dha.

Amma gaaffiin bu’uuraa ummatoonni Itoophiyaa barbaadaan mirgi isaanii eegameefii nagaa argachuu dha. Ummanni nagaa dhabe, ganna 6f osoo wal irraa hin citin korkodamee afaan qawwee jalatti Kaabaa-kibbatti, Bahaa-dhihatti bahee galuu dadhabee akka baalaatti waraana paartii Biltsiginnaan harca’aa jira. Kanaafi gaaffiin bu’uuraa fi jalqabaa sabaa fi sab-lammoota, ummatoota Itoophiyaa gaaffii nagaa waaraa fi tasgabbii sabatiinsa qabu argachuu ti kan kan jenneef.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 13, 2024

Finfinnee