Madaa Hin Qoorin Horfuun Nagaa Barbaachaaf Hin Tahu
Onkoloolessa 5, 2018
Madaa Hin Qoorin Horfuun Nagaa Barbaachaaf Hin Tahu Fulbaanni 15, 2018 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa gammachuu ol’aanaa fi seena-qabeessa tahee dabruun ni yaadatama. Guyyaa sana Ummatni Oromoo fi firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo miliyoona 6tti herregaman Hooggana Ol’aanaa ABO kan Hayyu-Duree Addichaa Jaal Daawud Ibsaatiin durfamu simachuudhaaf Godinaalee Oromiyaa hunda irraa Handhuura Oromiyaa Finfinnee irratti wal gahan. Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaatis haasawa seena-qabeessa simannaa sana irratti taasisan keessatti ummata simannaa sanaaf bahee fi qaamotaa fi aangawoota mootummaa haala kana mijeessuu keessatti qooda qabaatan hundaa galateeffachuun ni yaadatama.
Ummatni Oromoo, Sabaa fi sab-lammootni biroo, akkasumas alagootni dhimma siyaasa Itoophiyaa irraa dantaa qaban hundi tahiinsa guyyaa sanaa irraa abdii fi gammachuu guddaa horatan. Kunis akkasumaan hin turre. Rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Impaayera Itoophiyaa furmaata waaraa argachuu kan danda’u yoo gaaffiin Bilisummaa fi kan mirgoota dimokiraasii ummatootaa (keessattuu ammoo Gaaffiin Bilisummaa Saba Oromoo) deebisaa quubsaa argate tahuun waan amanamuuf, nagaa fi haqaan waliin hojjechuu danda’uun ABO fi mootummaa Itoophiyaa murteessaa fi gara furmaata waaraa hundaan barbaadamuu kanatti kan geessu tahuu abdachuu irraahi.
Abjuun kun dhugoomee, Bilisummaan ummatootaa mirkanaawee, mirgootni dimokiraasii hundi hojii irra oolanii, nageenyi waaraan bu’ee arguun abdii fi hawwii, akkasumas, akeeka hundee Dhaabni keenya ABOn qabsaawuufi. Haa tahu malee jal-bultii simannaa seena-qabeessa sanaa irraa eegalee fedhii, jaalalaa fi deggersa Ummatni keenya Dhaaba isaa ABOf agarsiisu ukkaamsuudhaaf gochaaleen gaddisiisoon tokko tokko qaamota mootummaatiin raaw’atamaa turuu fi har’a illee kun akkuma itti fufetti jiraachuun kan nu yaaddessu tahuu ummata keenya hubachiisuu feena.
Miseensotaa fi deggertoota ABO tahe jedhanii sababa adda addaa itti barbaadanii hidhuu fi doorsisuun har’as hin dhaabbanne. Cimsaa Abdiisaa fi Mangistuu Waaqumaa dabalatee miseensotaa fi deggertoota ABO kanneen tahan lammiileen Oromoo 22 caalan yeroo ammaatti magaalaa Finfinnee buufata poolisii 3ffaatti hidhamanii argamu. Gama ABOtiin waa’ee kanaa hoogganootaa fi caasaalee mootummaa dhimmi ilaalutti hubachiisuudhaan akka yeroodhaan furmaatni godhamu gaafatamus hanga ammaatti furmaatni tokko illee dhabamuu fi akkanumaan mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun hedduu nu gaddisiisee jira. Kan hunda caalaa nama gaddisiisu ammoo shoororkeessummaadhaan himatamuuf abbalamaa jiraachuu fi simannaan ABO akkaataa itti qindeeffamee fi waa’ee leenjii dhimma kanaaf kennamee … kkf. qoratamuu isaanii ti.
Mootummaan Itoophiyaa EPRDFiin durfamu waggoota 27 ol dhiittaan mirga dhala namaa ummatoota irratti raaw’achaa ture balleessaa sadarkaa shoororkeessummaatti ilaalamu tahuu amanee karaa badiisaa sana irraa deebi’uuf ummataaf abdii kennuun isaa ni yaadatama. Haa tahu malee, osoo oolee hin bulin gochaa akkanaa itti fufuun isaa madaa ummata keenyaa kan hin qoorin jiru horfuu akka tahe hubatamuu qaba. Adeemsi akkanaa ammoo Mootummichaafis tahe ummata keenyaaf, akkasumas, nageenyaa fi guddina naannoo kanatti barbaadamuuf gufuu fi balaa yoo tahe malee bu’aa hin qabaatu.
Waan taheef, Mootummaan dhimma kana hatattamaan akka furmaata sirrii itti kennu gaafachaa haalli akkasii akka itti hin fufnes jabeessinee hubachiisna. Abbaa Qabsoo kan tahe ummatni keenyas jijjiiramni haala siyaasaa Itoophiyaa wareegama qaalii ilmaan isaatiin argame kun duubatti akka hin deebineef tiksuu qaba jennee amanna. Kana oggaa jennu, ijjiirama haala siyaasaa Itoophiyaa kan wareegama ulfaataa ummata keenyaatiin argame kana fiixaan baasuuf adeemsa hanga ammaatti deemame keessatti qooda hin tuffatamne kan aangawootaa fi qaamotni mootummaa kanaa gariin qabaachaa jiran xiqqeessuuf ykn. gatii dhabsiisuuf akka hin tahin hubatamuu qaba.
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo !
Onkoloolessa 05, 2018