Bittootni Itophiyaa seenaan ummata Oromoo, aadaa fi afaan isaa akka hin dagaagne, hin baratamnee fi hin beekamne taasisuu irratti baroota dheeraaf hojjatan. Dhabama aadaa, afaanii fi seenaa ummata Oromoo irratti kan ofii dagaagfatuun akeeka bittootaa waan tureef wanneen eenyummaa Oromoo mul’isan hundi ugguramoo kan ittiin hin baratamne, ittiin hin hojjatamnee fi ittiin wal hin quunnamamne taasifamuun dhabamaatti dhiheeffamaniii turan.
Bittootni eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf yaalii ol aanaa godhan illee beektotni Oromoo garuu matayyaanis tahe gareen dhabama irraa hambisuuf gumaachi godhan ol aanaa dha. Afaan Oromoo afaan quunnamtii qofa osoo hin taane Afaan hojii fi barnootaa akka tahuuf yaaliin baroota dheeraaf adeemsisan milkaa’ee Afaan hojii fi kan barnootaa kan tahe waggoota 26n dura bara 1991 keessa tahuunis ni yaadatama.
Afaan oromoo sadarkaa kana dhaqqabuun dura beektootni Oromoo fi alagootni afaan kanaaf qubee gara garaa moggaasaa akka turan beekamaa dha. Gariin qubee Afaan Arabaa, gariin qubee Gi’izii, gariin ammo qubee Laatiin itti moggaasaniiru. Haa tahu malee irra haffallii fi kan Afaan Oromoo waliin wal simu Qubee Laatiin tahuu irraa fudhatama argatee raggaafame.
ABOn bara 1976 irraa eegalee qubee Laatiin raggaafatuun kitaaba barnootaa ittiin maxxansuun dirree fi bakka aanja’etti ittiin barsiisaa fi ittiin hojjataa tureera. Mana Barnootaa ittiin bane dirreelee ABO Bahaa fi Dhihaa keessatti afaan Oromoo dagagsuu irratti bu’ura guddaa buusee jira. Bara 1991 Afaan Oromoo akka Afaan hojii fi barnootaatti Ormiyaa keessatti akka tajaajiluuf ABOn mana marii Federaalatti wayta dhiheessetti Afaan Oromoo Qubee ammaa akka jijjiiramuuf irratti shiramaa jiru waliin akka raggaafame ifaa dha.
Waggoota 26 dabraniif Qubee kanaan akka hojjatamuu fi baratamu taasisuu keessatti qoodni ABO ol aanaa dha. Baruma kana keessa Miniisterri Barnootaa Miseensa ABO waan tureef koree itti ijaaruun kitaabotni barnootaa kaarikulamaan haammataman Qubeetti akka jijjiiraman taasisuun shaffisaan akka ummata Oromoo dhaqqabu taasifame. Kana irraa bara 1991 irraa eegalee qubeen amma tartiibni isaa jijjiiramu qaba jedhamu kun kan barnootaa fi kan hojii tahee ittiin hojjataa, barataa fi tajaajilamaa har’a gahame.
Har’a qubeen kun tartiibni isaa akka jijjiiramu kan jedhamaa jiru dhuguma afaanichaaf dhimmamee wayyeessuuf yaadamee osoo hin taane hidhata seenaa Qubeen kun haayyoota Oromoo kana argamsiisuu keessatti qooda qaban, gumaacha ummatni Oromoo fi gumaacha ABOn qabu haquuf yaaduu irraa akka tahe hin falamsiisu. Dabalataan barattoota akka salphaatti Afaan isaanii ittiin barataa jiranii fi Afaan biraa akka salphatti baratuuf riqicha saffisaa tahee guddoo gargaaru kana bakka irraa kaasuun wallaalummaa ykn afanfajjii ittiin babal’isuuf yaaduu irraa ti.
Waan taheef tarkaanfii qubee Oromoo kan baratamee fi waggoota dheeraaf ittiin hojjatamaa ture kana jijjiiruun seenaa dabsuu fi haaluuf yaadamee waan taheef ABOn jabinaan dura dhaabbata. Qubee seenaa bara dheeraa qabu, beektootnii fi hayyootni Oromoo wareegama baasuun maddisiisan kana faallessuun ykn jijjiiruun haqa dhoksuuf yaadamuu irraa tahuu ummatni Oromoo hubatee tarkaanfii farrummaa kana dhaabsisuu irratti qooda irraa eegamu akka gumaachu, addatti ammo dhalootni Qubee shira kana saaxiluu fi fashalsuu irratti durummaan akka dura dhaabbatu ABO waamicha isaa dabarsaaf.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 6, 2017