
Weerarri Babal’ifannaa Lafaa Daangaalee Oromiyaa Irratti Ifatti Adeemsisaman Karaa Kamiinuu Fudhatama Hin Qaban. Ummatni Keenya Nagaan Akka Jiraatuuf Mootummaan Xiyyeeffannoo Itti Kennuu Qaba.
Haala Yeroo Irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Babal’ifannoo lafaaf jecha weerarrii fi lolli yeroo garagaraatti daangaalee Oromiyaa irratti qixa adda addaan geggeeffamaa turan ummata keenya haalaan miidhaniiru. Lola dhaabbataa ummata keenya irratti deemaa turee fi jiruun kanneen lakkoobsi isaanii guddaa ta’e lubbuu isaanii yeroo dhaban, kumoota dhibbaan ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii faca’aniiru. Weerara alagaa kanaan akka ummataatti miidhaan ummata keenya irra gahe godaannisi isaa kan badu miti.
Ummanni keenya weerartoota babal’ifannaa lafaa fi qe’ee fi qabeenyaa Oromoo saamuun bobba’aniin lafa, qe’ee fi qabeenya isaa irratti halkanii fi guyyaa manni irratti gubataa, ajjeefamaa fi madoo taasifamuun wal’aansa dhabuu cinaatti, baqataa ta’ee, haala gaddisiisaa keessatti biyya keessaa fi biyyoota ollaatti daandii irratti kufee jiraataa jira.
Hunda caalaa gaddisiisaan weerarrii fi lolli lafa Oromoo irratti ummata Oromoo irratti deemsisamu kun gudunfaa fi bakka itti dhaabbatu dhabee daran babal’atuun itti fufuu fi walxaxaa ta’ee siyaasa biraa eda’atuun as bahuu isaa ti.
Yeroo ammaa kana Godinoota Oromiyaa cufatti sadarkaa jechuun danda’amuun lolootni babal’aan kan daangaa Oromiyaa sarbuu fi lafa Oromoo qabachuu kan duraa irraa haala adda ta’een geggeeffamaa jira. Akka sanaan Kibba Oromiyaa Godina Booranaa magaalaa Mooyyalee dabalatee gandoota hedduu keessatti lolli babal’ifannoo lafaaf jecha humna addaa mootummaa naannoo Somaaliitiin dhuma ji’a Onkoloolessa bara 2026 ummata keenya meesha-maleeyyii irratti baname hanga ammaatti itti fufee jira.
Lolli kun walitti bu’iinsa ummataa ammaan dura ture irraa guutummaatti adda kan ta’e, lola qinda’aa, humna waraanaa sirnaan loltummaa qabuu fi meeshaalee waraanaa baraneen deggeramee dha. Lola lafa Oromoo sarbuuf geggeeffamaa jiru kana keessatti ummatni keenya baay’een lubbuu isaanii dhabanii, qaamaa hir’ataniiru. Lammiileen 60,000tti siqan buqqa’anii gara biyya ollaa Keenyaatti baqataniiru.
Weerarri alagaan lafa Oromoo irratti taasifamu, goleelee Oromiyaa cufa sadarkaa jedhamuun kanneen akka Kibba-baha Oromiyaa gammoojjii Godina Baalee Bahaa fi Baalee Dhihaa, Baha Oromiyaa, Giddu-gala Oromiyaa Godinoota Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Kaaba Oromiyaa Walloo, Kaaba Lixa Oromiyaa Matakkal, Lixa Oromiyaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaan dhaabbatummaan hawwii dachee Oromiyaa dhuunfatuu fi Oromoo jilbeenfachiisuuf qaban irraa humnootni goolessitootaa hidhannoon socho’an weerara gaggeessaa jiran. Lola ulfaataa fi hammaataa ummata keenya irratti bananii lammiilee keenya irratti gaaga’amni fidanii fi fidaa jiran akkaan guddaa, afaaniin irraa dubbachuun guddoo kan ulfaatuu dha.
Baha Oromiyaa fi Kibba-baha Oromiyaa irraan hawwii bulchiinsi naannoo Somaalii lafa Oromoo dhuunfatuuf qabu irraa ummatni keenya weerara humna addaa naannoo Somaaliitiin dhaabbatummaan lola keessa jiraataa, ofii fi dachee isaas ittisaa qabsoon itti jiru salphaatti kan ilaalamu tahuu baatus, ummanni keenya meesha- maleeyyiin harka qullaa qe’ee isaa irratti meeshaalee gurguddaan gaafa haleelamu qaamni mootummaa irraa qolachuu dhabuun gaddisiisaa dha.
Karaa Godina Addaa Saba Oromoo Walloo, Giddu gala Oromiyaa Shawaa Kabaa fi Shawaa Bahaa, Godina Matakkalii fi Lixa Oromiyaatti Godinoota Walaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaan humnootni goolessitootaa maqaa Faannoo jedhuun sossohan babal’ifannoo lafaa fi qabeenya Oromiyaaf jecha waggootaan dura lola gooltummaa ummata Oromoo irratti banaa turan, har’as dachaan babal’isanii itti fufuun dhiiga ummata qulqulluu dhangalaasaa, qabeenya saamaa, manneen ibiddaan barbadeessaa jiran.
Humnootni badii kunneen dalagaa gooltummaa isaanii itti fufuun Sadaasa 04, 2026 bifa haaraan Godina Wallaggaa Bahaa Ona Kiiramuu keessatti gandoota akka Guddinaa Jireenyaa fa’a akkasumas Ona Abee Dongoroo gandoota akka Caruu faa keessatti ummata irratti lola bananii miidhaa geessisaa jiran. Dubartootnii fi maanguddootni darbees ijoolleen lola goolessitootni Faannoo irratti banan kanaan madaa’anii qaamaa hir’ataniiru. Manneen ummataa qabeenya waliin ibiddaan yeroo manca’u suuraa-sagaleen mul’ataa jira. Ganda Caruu keessaa abbaa fi haati kan keessatti argaman maatii tokko keessaa namootni 9 humna goolessituu kanaan ajjeefamaniiru.
Godina Addaa Saba Oromoo Walloo, bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkalii fi bakkoota dhibii keessattis lolli ummata nagaa irratti deemsisamuu fi sababa kanaanis lubbuun lammiilee badaa turee fi jiru lakkoobsaan guddaa dha. Hanga guyyaa har’aan tanaatti bifa kanaan ummata kana irratti duuluu fi qe’ee fi qabeenya isaa mancaasuun itti fufee jira.
Bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal keessatti lammiilee Oromoo irratti lolli, dhiiibbaa fi hiraarri geessifamu yeroo irraa gara yerootti hammataa dhufuun ni beekkama.
Sadaasa 05, 2026 bulchiinsuma Benishaangul Gumuz bakka Daalattii jedhamutti ummata siviilii hojjetatee jiraatu maqaa “Shanee nutti harkistu” jedhuun ajjechaan jumlaa ilmaan Oromoo 43 ol ta’an dubartootnii fi ijoolleen keessatti argaman mana mana irraa walitti guuraman irratti poolisoota bulchiinsa Benishaangul Gumuziin raawwatame ammoo akkaan suukanneessaa fi gaddisiisaa dha. Namoota ajjeefaman keessaa ammatti maqaan kan argame:
- Ahimad Mohaammad
- Amiinaa Hasan
- Omar Abdallaa
- Wubet Dachaasaa
- Baqqalee Taaddasee
- Alamuu Gammachuu
- Tasfaayee Asaffaa
- Tasfaayee Margaa fi
- Mulgeetaa Kabbadee kanneen jedhamanii dha.
Gochi ummata nagaa, meesha-maleeyyii irratti raawwatame kun yakka ulfaataa dhala namaa irratti raawwatamee dha. Ummata siviilii hidhatnoo hin qabnee fi jiraataa achii tahe, kan ummatni wal beeku sababaa kamiifuu bifa kanaan ajjeessuu ABOn cimsee balaaleffata. Ajjechaa jumlaa fi suukanneessaa kana falmitootni mirga dhala namaa akka qoratanis ABOn waamicha godha.
Mootummaan qaama hidhattootaa caasaa bulchiinsa isaa jala jiran to’atuun, ummata siviilii tiksuu fi miidhamni akkasii yeroo gahu gaafatamtoota ummataaf ifa gochuun dirqama isaa tahus, kun bakka hedduutti ta’uu dhabuu fi irra deddeebi’amuun yaaddoo guddaa hundatti kan uumee dha.
ABOn daangaa Oromiyaa sarbuu fi babal’ifannoo lafaaf akkasumas fedhii siyaasa ofii tarkaanfachiisuuf jecha weeraraa fi ajjeechaa humnootni adda addaa ummata Oromoo irratti adeemsisan jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata. Lola itti fufiinsaan ummata keenya daaressaa turee fi jiru kana akka dhaabanis cimsee gaafata. Sababa lola haqummaa fi tumsa seenaa itti hin qabne geggeessan kanaan lubbuu ba’u, qabeenya barbadaa’uu fi diigumsa hawaasaa dhaqqabaa jiruuf ifatti gaafatamuu qabu.
Lolli daangaa dhiibbachuu fi lafa babal’ifannaa ummata keenya irratti deemaa jiruu fi miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jiru kun akka dhaabbatuuf, Oromoon daangaa irraa fi bulchiinsa naannolee biroo keessaa nagaan akka jiraatuuf, addatti nageenyi ilmaan Oromoo naannoo Somaalii fi Somaaliyaa keessaa amansiisaa akka ta’uuf ummatni Oromoo, falmitootni mirga dhala namaa, ummatootni nagaa jaallatanii fi akkasumas hayyootni Oromoo akka irratti hojjetan ABOn hubachiisa.
Maayii irratti Oromoon akka sabaatti wal malee waan hin qabneef, alagaa dachii Oromiyaa sarbuu fi fedhii siyaasa ofii bakkaan ga’achuuf weeraraa fi lola bifa adda addaan ummata keenya naannoolee daangaa jiraatan irratti bane dura dhaabbatuu, waan dandeettaniin karaa isiniif aanjuun ummata keessan tumsuu, bira dhaabbatuu fi sagalee ta’uufiin cina akka dhaabbattan ABOn yaamicha isaa dhiheessa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 06, 2026
Finfinnee
