IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO.

Obsi

IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO.

(Bitootessa 20, 2021

 

Addi Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 17 irraa hanga Bitootessa 20, bara 2021tti, ulfaatina haala yerootiin osoo hin daangeffamne,mana deggertoota dhaabichaa keessatti, teessuma gumii sabaa hatattamaa geggeeffatee, haallen: Ixoophiyaa, Oromiyaa, biyyoota ollaa, kan addunyaa, kan dhaabota siyaasaa biyya xoophiyaa fi qabsoo ummata Oromoo ABO’n durfamuu irratti marii fi gamaaggama bal’aa eerga geggeessee booda, ibsa armaan gadii baasuudhaan milkiin xumurateera. Miseensota Gumii Sabaa manneetii hidhaa biyya kanaa keessatti dararamaa jiran maraaf, bu’urri teessuma Gumii Sabaa kun dursa himameefii, dhimmoota murtii Gumii Sabaa barbaadan irratti yaada murtii qaban akka dhiyeeffatan illee taasifameera.

Filmaata karaa nagaa keessaa, Adda Bilisummaa Oromoo baasuudhaan, akkuma kaleessaa, hoogganaa fi mootummaa ofii fedhan ummata Oromoo irratti fe’uuf duulli hamaan yoo irratti geggeeffame illee, ABO fi qabsoo ummata Oromoo kallachummaa dhaaba kanaatiin geggeeffamu jiraachisuu fi babal’isuu irratti  hojiin Adda Bilisummaa Oromootiin hojjetamaa jiru: miseensota, deggertoota fi ummata bal’aa Oromoo kan boonse ta’uu gamaaggama hojii darbee irraa hubatamee, kun, muratnoo fi cichoomina dachaadhaan jabaatee itti fufuu akka qabu teessummi kun murteesseera.

Haala qabatamaa ABO’n keessa jiru irratti gamaaggama geggeefameen, har’a: hoogganooti, qondaaloti, miseensoti fi deggertooti dhaaba kanaa kumootaan manaa hidhaa biyya kanaa keessatti dararamaa akka jiran gabaasaa dhiyaate irraa  Gumiin Sabaa hubatee, isaan tun, hidhamtoota seexaa ykn ilaalcha siyaasaa qaban qofaaf kan dararamaa jiran ta’uu irraatti waliigaluudhaan, qabsoo karaa nagaatiin: dimookraasii, haqa, olaantummaa seeraa fi nagaa biyya kana keessatti milkeessuuf itti fufanii akka gumaachaniif, haal-duree tokko malee mootummaan daddaffiidhaan gadi dhiisuu akka qabu  tessummi Gumii Sabaa kun jabeessee gaafata.

Seerri Paarileen Siyaasaa ittiin galmaahani fi hojjetan,  labsiin lakkoobsa 1162/2019, dhaaboti Siyaasaa ulaagaa haaraa guutatuu akka qaban kan dirqu waan ta’eef, seera kanaa fi heera dhaabaa wal-fudhachiisuuf haa ta’u, hooggana hir’atan filannoodhaan guutatuuf (Heera ABO, Aangoo 19:10:Humni namaa hoogganaa yoo hir’ate, Gumiin Sabaa Kora Sabaa hatattamaa yaamee bakka hir’ate filannoodhaan akka guutamu taasisa), Gumiin Sabaa ABO, Waajjira Muummee dhaabichaa Finfinneetti Bitootessaa 16 irraa hanga Bitootessaa 18, bara 2020 teessuma geggeeffate irratti teessummi Kora Sabaa hatattamaa baatii Muddee,2020  geggeeffamuu akka qabu murteessee(Heera ABO, Aangoo 17:6: Heera kana hordofuudhaan teessuma Kora Sabaa kan hatattamaa yaamuu ni danda’a.), koree teessuma  hatattamaa kana qopheessitu of keessaa filee(Heera ABO, Aangoo 20:4: Koreelee adda addaa yeroo barbaachisetti ijaaree, hojii isaanii murteesssee bobbaasuudhaan ittiin hojiilee dhaabaa waliigalaaa qindeessa; to’ata) dirqama itti kenneera.  Haallen humna koree kanaa ol ta’een, yeroo baalamametti Kora kana qopheessuu yoo hin dandeenye illee, Bitootessa 17/2021, Kora Sabaa hatattamaa milkeessuuf sochii eegaluu Koreen Qopheessituu ibsa baaftee Boordii Filannoo Biyyoolessaa fi qaamota dhaabaa hunda quba qabaachifteetti. Ibsa baafte kanaan, miseensota Gumii Sabaa 8 ( Heera ABO, aangoo 19:5 Gumiin Sabaa ABO, miseensota 48 qabaata)  dhaaba irraa adda bahan yaada fooyyessii yoo qabaatan akka gumaachaniif gaafatamanii yaada gumaachuuf fedhii dhabuu isaanii teessummi Gumii Sabaa tun ragaa waliin hubatee, haala ulfaataa kana keessatti, sochii koreen kun taasisaa jirtu ajaa’ibsiifateera. Itti fufuudhaanis, Koreen kun,  haala aanjaa jiru qorataa fi kan hojjetamuu qabu hojjetaa kora kana milkeessuuf akka  irratti hojjetu  ajajeera.

Kora hatattamaa ABO qopheessuuf, Koreen Gumii Sabaatiin filamte kun sochii geggeessaa osoo jirtuu: heera, seera fi murtii  ABO armaan olii  faallessuudhaan, miseensoti Gumii Sabaa ABO saddeettan kun, gargaarsa mootoummaa guutuudhaan, waajjirri ABO’f dhowwaa, isaaniif hayyamamee, Bitootessa 13/2021 maqaa ABOtiin “Kora Sabaa”: hayyu dureen, hoogganooti dhaabichaa 40 fi miseensoti irratti hin hirmaanne geggeessuudhaan “hooggana filatne” jedhanii labsuun  warra dhaaba irraa achi bahe kana qabatanii, ABO’n kan filannoo irraa  hirmaate fakkeessuudhaan shira siyaasaa qabsoo fi mirga ummata Oromoo irratti taphachuuf kan karoorfame ta’uu gabaasaa gale irraa  Gumiin Sabaa hubatee jira. Kanuma irraa ka’uun, gochaan akkasii daangaa darbe waan jiruuf, mootummaan biyya bulchaa jiru, dhimma ABO keessaa harka isaa akka dachaafatu Gumiin Sabaa gaafachaa, karroorri cubbu, bifa kanaan ummata Oromoo irratti diriire itti bahi isaa akka hin milkoofneef  ummata bal’aa Oromoo fi caasaalee dhaabaa daran hiriirsuudhaan qajeelfammi ABO hojii irra akka ooluuf akka hojjetu Gumiin Sabaa ejjennoo fudhateera.

“Rakkoo dhalate” jedhamee itti gabaafame ilaalee, Muddee 19/2020 murtii dabarseen, J/Daawwud Ibsaa, hayyu duree ABO kan seeraa ta’uu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa labsuun ni yaadatama. Murtiin kun, aangoo fi gaafatama heerri dhaabaa hayyu dureef kennu kan fudhatee ta’uun ifaa dha. Akkasumas, Boordiin kun, Kora Sabaa geggeeffatuuf qophii taasisuun,  yeroo jaarmoti siyaasaa Filannoo Biyyoolessaaf qabaachuu qaban kan saamuu  danda’u ta’uu isaa hubatuudhaan   kora isaanii filannoo booda  geggeeffachuu akka danda’an Amajjii 14/2013, lakkoobsa 1162/11/206 xalayaa barreesseen murteeessuun, dhaaboti siyaasaa Kora Sabaa geggeeffatuuf yeroon kennameef kan hin dabarre ta’uu kan agarsiisu;

Heera ABO (Aangoo25:3: Hayyu dureen ABO, hayyu duree Gumii Sabaa fi hayyu duree Koree Hojii Raawwachiiftuu taha.  Aangoo 25:5: Hayyu dureen ABO, bakka bu’aa sirnaa dhaabichaa ti. Aangoo 25:6: Walgahii Koree Hojii Raawwachiiftuu gidduutti, qajeelfama hojii isaa irratti hundeeffamee, hojii dhaabaa hordofa; walitti qindeessa. Aangoo 25:7: Hayyu dureen, miseensota Koree Hojii Raawwachiiftuu dameelee adda addaa irratti: ramada, jijjiira, hojii isaanii walitti qindeessa; ni to’atas. Aangoo 25:8: Hayyu dureen, gabaasaa hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu, Gumii Sabaatiif, Hojii Gumii Sabaa ammoo Kora Sabaatiif dhiyeessa) kan jedhu;

Dhaabi siyaasaa kamuu, heera ykn seera ittiin bulmaataa baaafateen of bulcha; hojii isaa illee geggeeffata.  Waxabajjii 8, 2019 Kora Sabaa geggeeffamee irratti heera ragga’een, gadaan(yeroo) Gumii Sabaa fi hayyu duree waggaa shan(Heera ABO, aangoo19:4:Gadaan (yeroon) waajjira Gumii Sabaa, hanga Kora Sabaa itti aanutti ta’a.  Aangoo 25:2: Hayyu dureen, miseensota Kora Sabaa keessaa waggoota shaniif filatama) ta’uu kan tumame;

Labsii lakkoobsa 1162/2019, boqonnaa afreessoo: Mirgaa fi dirqama jaarmota siyaasaa,  qabxii 75: Dhimmoota keessa isaanii irratti bilisummaa jaarmoti siyaasaa qaban, qabxii 1 fi 2 jalatti ( 75:1:Paartileen siyaasaa,  heera isaanii keessatti: sirna, sagantaa siyaasaa fi heera ittiin raggaafatani fi fooyyessan, akkasumas, teessuma ittiin geggeeffatan heera isaanii keessatti murteessu. 75:2: akka heera isaaniitti, qaamota hoogganaa, hojii siyaasaa dhaabichaa: qajeelchan, murteessanii fi hojii irra oolchan jaarmoti siyaasaa ni qabaatu ) kan tumame;

Faallessuudhaan, Kora: heera, seera fi caasaa sirnaa dhaabaatiin ala yaamame irratti Boordiin Filannoo Biyyolessaa argamee tajjabuunii fi humni poolisaa, nageenya korichaaf bobbaafamuun, seera kabajanii kabachiisuu qaban cabsuudhaan dhimma ABO keessa harka naqatuu fi dirqama Paartii Badhaadhinaa bakkaan gahuuf hojii hojjetame akka ta’etti Gumiin Sabaa ilaalee, Boordiin Filannoo fi Waajjirri poolisaa,, ABO fi ummata Oromoo ifaatti dhiifama gaafatanii, fuulduratti dhimma ABO keessaa harka dachaafatuudhaan ABO’n heera isaatiin akka hojjetu itti dhiisuu ykn ammoo miseensa Paartii Badhaadhinaa ta’anii ABO waliin kallattiidhaan  dorgommiif dhiyaatuu akka qaban qaamota kanatti himamuu akka qabu teessummi Gumii Sabaa sagalee guutuudhaan murteesse.

ABO keessatti, foxxoqa uumuudhaan, kan foxxoqe kana ammoo qaama seerawaa taasisuun, maqaa ABOtiin,   qumaara siyaasaa paartiin biyya bulchaa jiru, mirga ummata Oromoo irratti taphachuu barbaadu ta’uu Gumiin Sabaa hubatee miseensotaa fi ummata waliin ABO”n jabaatee akka hojjetu waadaa haaromfatee jira. Filannoo Biyyoolessaa Dimookraatawaa ta’e  geggeessuuf, haal-dureelee guutamuu qaban ABOdhaan gaafatame mootummaan guutuu diduudhaan dhiibee filannoo keessaa ABO waan moggeesseef, filannoo mootummaan umurii aangoo isaa dheereffachuu qofaaf  qopheeffataa jiru irraa akka hin  hirmaannee daangeffamuu Gumiin Sabaa sagalee guutuudhaan itti amanee fudhatee, kaadhimamaa maqaa ABOtiin filannootti dhiyaatu ABO’n akka hin qabne ummatni keenya beekee, murtiin dhaabaa hojii irra akka ooluuf dirqama isaa bahuu akka qabu Gumiin Sabaa jabeessee ummata bal’aa Oromoof dhaameera.

INJIFATNOON UMMATA BAL’AAF!

GUMII SABAA ABO

Bitootessa 20, 2021

Finfinnee Oromiyaa