“Qaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena”

“Qaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena”

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

 

Lammiileen Oromiyaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’anii baqattuu, rakkattuu, kadhattuu tahanii akka jiraatanii fi Daangaan Oromiyaa weerartootaan sarbamee abbaan qe’ee ummanni Oromoo Qe’ee isaa irraa akka buqqifamu taasisuun kan weerartoota qe’eef qabeenyaa Ummata Oromoo saamuu fi babal’ifannaa lafa Oromoof bobba’aniif haala mijeessaa turee fi jiru maqaa mootummaan daldalu Biltsiginnaa aangoo isaa shiraa fi yakkaaf garmalee dhimmi bahee jireenya lammiilee balaaf saaxilee dha.

 

Tibba kana gaafa muddee 17, 2024 Lixa Oromiyaa Wallaggatti, “Iizii Wallaggaa” jechuun humni Faannooo ofiin jedhu of ijaare dura taa’aa godhatee nama Nugusee Waaleliny jedhamuun ibsa kennee of labsuu isaa tamsaasa media hawaasaa irratti darbeen dhageenyee argineerra.

 

Oromiyaa keessatti Faannoo aynaa (quality) fi baay’innaan hidda gadi fageeffatee humna jabaa tahee akka ijaaramuuf bara 2019 irraa kaasee yeroo gara garaatti qondaalonni mootummaa ibsa karaa media kennaa turaniin, sadarkaa Fedeeraalaattis tahee, bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amhaaraa fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis maallaqni guddaan itti bahee deeggarsi jabaan taasifamaafii akka ture ni yaadatama.

 

“Qurxummii Balleessuuf Madda Bishaanii Gogsuu” jechuun akkuma dhaadachaa turan Partiin Biltsiginna ifatti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleesina jedhaniin waraana irraa jalaan ummatatti bananiin boonbii summaawaan osoo hin hafin ummata keenya gaaga’ama hamaaf saaxilanillee Qurxummicha garuu balleessuu hin dandeenye. Ammas ijibbaata Qurxummii balleesuutiif jecha Finxaaleyyiin Faannoo akka Iziin Wallaggatti of ijaartuuf haala kan aanjesseef qaama mootummaa ofiin jedhu Partii Biltsiginnaati jennee amanna.

 

Biltsiginnaan aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan afaan qawween tursiifachuuf jedhanii, Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraa Ofiin Jedhu kan Raayyaa Ittisa Biyyaan tumsi gosa hundaa taasifamuuf Oromiyaa daangaa Naannoo Amhaaraan wal daangessu cufa irratti akka ijaaranii loojistkaan gargaaran Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n karaa caasaa isaa mirkaneeffatee yeroo adda addatti ummata hubachiisaa ture. Finxaaleyyiin Faannoo jedhaman kun Oromiyaa naannoolee keessa socho’an cufa bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa jalaa baasanii toohannoo isaanii jala akka galchan ibsa kanaan dura baasaa turreen ifa gochuun keenya ni yaadatama.

 

Waraana Finxaalessa saamichaaf bobba’e ummata Oromoo irratti ijaaraa, qe’ee fi qabeenyaa Oromoo saamsisaa, ummata Oromoo irraa albeen Shunkurtiin muratuu fi Uleen Horiin tikfatu osoo irraa hin hafne warra dhunfaan of ittisuuf jecha meeshaa hidhates irraa hiiksisaa, qaama saamichaaf dhufe hidhachiisaa aangoo siyaasaa dheereffannee jiraannaan Biltsiginnaa abjuu yoo tahe malee, ummanni Oromoo fi lammiileen Oromiya boqqonnaa jireenyaa dhabanii, nagaan dhoowatamee ganamaa galgala dhaabbataa ibidda waraanaa keessa jiraatan ijibbaata falmachuun dirqama.

 

“Bishaan Kokkee Gahe Du’aan Gahe” akkuma jedhamu kana booda, ummanni Oromoo roorroo daangaa dabre jala taahee sababa har’arra bortu caala jedhee abdii sobaa ofitti horuuf hin jiru. Fallii fi malli jiru rooristoota qe’ee isaatti isatti roorrisu falmatanii of irraa kaasuu fi gabroomsaa afaan Damma dibatee ummata keenya Harqoota Gabrummaa jalatti ittisu didne diddaan dura dhaabbachuu dha.

 

Maayii irratti ummata Oromoo dhiibbaa fi dhiittaa yakka waraanaa (War crime) jalatti miidhamaa turee fi jiruuf ummanni keenya biyyoota ollaa fi alaa gara garaa keessa jirtan sagalee tahaafiin dhaamsa keenya. Kanumaan waliin, sabaa fi sab-lammoonni biyyattii, falmattoonni mirga namoomaa, dhaabbileen hawaasummaa gara garaa gaaga’ama Mootummaan Biltsiginnaa waraana ofii qabdu cinatti Finxaalessa saamicha qe’eef qabeenya Oromoo fi babal’ifannaa lafaaf bobba’e maqaa Faannoon ummata Oromoo irratti ijaartee rukuchisiisaa jiru akka dura dhaabbattanii nageenya waaraaf, haqaaf jiraattan waamicha keenya isiniif taasifna.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf

Adda Bilsummaa Oromoo

Muddee 20, 2024

Finfinnee