‘Raayyaan Ittisa Biyyaa’ Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe.

 

‘Raayyaan Ittisa Biyyaa’ Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Waraanni Paartii Bilxiginnaan ajajamee Oromiyaa gubaa jiru, golee naannichaa hundatti namoota nagaa gargaarsa hin qabne sodaachisuu, ajjeechaa fi saamicha hamaa raawwachuu itti fufee jira. Dhaadannoo ifatti paartii PPn labsame ‘Qurxummii bal’eessuuf galaana gogsuu’ jedhu hordofuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya ummataa keessumaa ammoo nageenya qonnaan bulaa tiksuun irraa eegamu, kaayyoo Bilxiginnaa galmaan ga’uudhaaf gocha suukaneessaa namoota nagaa ittisa hin qabnee fi qonnaan bultoota irratti raawwatuu itti fufeera.
Gaafa Caamsaa 16, 2024 Godina Shawaa Kaabaa Ona Sulultaa Ganda Liilloo Cabaqaa jedhamutti humnoonni mootummaan Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaase qonnaan bultoota obbolaa sadii ta’an irraa loon 50 fi midhaan kuntaala 20 ol saamanii jiru. Isaanis:
1. Taaddasee Tsaggaa
2. Abbaay Tsaggaa fi
3. Gaaddisaa Tsaggaa jedhamu.
Maddoonni amanamoon akka agarsiisanitti, namoonni nagaan hedduun butamanii eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas godinoota kanneen akka Baalee, Arsii fi Shawaa Bahaa keessatti waraanni Paartii Bilxiginnaa akkasumas dabballootnii fi kaabinootni isaa maatiin qonnaan bulaa hundi midhaan kg 25, waraanaaf akka gumaachu ajaja itti dabarsuun ummata ofiifuu waan ittiin jiraatu hin qabne gidirsaa jiran.
Godinootuma kana keessatti barattoonni kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti tokko tokkoon isaanii qarshii 100 waraanaaf akka gumaachan waraanni PP ajaja dabarseera. Ummata gumaachuu hin dandeenyee fi fedhii hin qabneen ammoo WBO deggertu ittiin jechuun sodaachisaa fi doorsisaa jiru.
Isaan kunniin gochoota suukanneessoo hedduu keessaa isaan muraasa. Golee Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo hunda keessatti gochoonni hammeenyaa akkanaa hedduutu mul’atu.
Dhaabbileen mirga namoomaa keessoo fi idil-addunyaa fi naga jaallattootni ummata qonnaan bulaa dhiphina keessa jiru kana cinaa dhaabbatan, gara jabummaa suukanneessaa kana akka dhaabsisanii fi addunyaatti akka beeksisan waamicha goona. Guutummaa biyya Itoophiyaa keessatti lubbuun qonnaan bultoota miliyoonotaan lakkaa’amanii barbadaa’aa jira. Ummanni Oromoo gocha hammeenyaa isa irratti raawwatamaa jiru hunda akka qalbifatuu fi hammeenya kanas akka of irraa qolatuuf akka falmatu waamicha goona.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 17, 2024
Finfinnee