๐๐จ๐จd๐ง๐ข ๐ƒ๐ฎ๐›๐š๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐›๐š๐ง ๐ˆ๐Ÿ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐Œ๐ฎ๐ฅโ€™๐š๐ญ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š.

 

 

๐๐จ๐จd๐ง๐ข ๐ƒ๐ฎ๐›๐š๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐›๐š๐ง ๐ˆ๐Ÿ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐Œ๐ฎ๐ฅโ€™๐š๐ญ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š.

 

๐ˆ๐›๐ฌ๐š ๐ƒ๐š๐ฆ๐ž๐ž ๐ƒ๐ฎ๐›๐š๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ƒ๐š๐š๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง (๐ƒ๐ƒ๐ƒ) ๐€๐๐Ž

 

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessi 8 (March 8) bara kanaa 2026 yeroo kabajamee oolutti qoodni dubartoonni qaban akkaan yaadatamee oola.

Dubartootoonni oolii-bultii jireenya guyyaa guyyaa keessatti shoorri isaan taphatan waliin jireenya hawaasummaa gaariif, siyaasa keesaatti gahee isaanii taphachuuf, aadaa ummataa dagaagsuu fi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti adda duree dha.

Akeekaa fi kaayyoon guyyaa kana kabajannee ooluu walqixxummaa saalaa dhugoomsuuf, Sarbamaa fi dhiittaa mirga namoomaa xiqqeessuuf, yakka namoomaa dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu dhabamsiisuuf, Nageenya matayaa(dhuunfaa), garee fi sadarkaa biyyaatti feesisu argamsiisuuf, mirga hiree murteeffannaa sabootaa dhugoomsuuf, dimokiraasii haqaa lafa qabsiisuuf, haqa awwaalame baasuuf, walqixxummaaf, nagaa waaraa fi tasgabbii sabatiinsa qabu argamsiisuuf ayyaaneffatamee oola.

 

Dubartoonni Oromoo, mana ijaaruu irraa kaasee hanga biyya ijaaruutti qooda ifaa fi mulโ€™ataa qabu kan jenneef hawaasa keessatti haadha, obboleettii, haadha warraa fi ilmoo taโ€™uun kabajaa fi ulfina guddaa qabu; manni dubartiin keesaa hin jirre mana Onaati waan taheef.

 

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis dubartonni qoodni isaanii akkaan ol aanaa dha;Dhiibbaa fi dhiittaan alagaa osoo isaan hin jilbeeffachiisiin of kenniinsaan qabsoo ummata bal’aa keessaa qooda fudhatu.

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026, dhaadannoon buโ€™uuraa โ€œ๐™๐™ž๐™œ๐™๐™ฉ๐™จ. ๐™…๐™ช๐™จ๐™ฉ๐™ž๐™˜๐™š. ๐˜ผ๐™˜๐™ฉ๐™ž๐™ค๐™ฃ. ๐™๐™ค๐™ง ๐˜ผ๐™‡๐™‡ ๐™’๐™ค๐™ข๐™š๐™ฃ ๐™–๐™ฃ๐™™ ๐™‚๐™ž๐™ง๐™ก๐™จโ€Mirgaa fi haqa dubartootaa fi daaโ€™imman sududaan hojitti hiikuun, dhiibbaa fi barmaatilee hamoo dhabamsiisuun, gochoota walqixxummaa cabsan qolachuu fi haqa isaanii addunyaa irratti babalโ€™isuun xiyyeeffata. Kana waliin, dhaamsa addunyaalessaatti balbaloomfamaa jiruun โ€œ๐™‚๐™ž๐™ซ๐™š ๐™ฉ๐™ค ๐™‚๐™–๐™ž๐™ฃโ€ jedhu, dubartoota dhuunfaa , garee fi biyya keesaatti deeggaruu, hirmaachisuu fi jajjabeessuun murteessaa taโ€™uu irra darbee humna, hirmaannaa fi qooda isaanii guutuu kennuun jijjiirama hawaasummaa fi siyaasaa keesaatti shoora olaanaa akka taphatan akeeka.

Dhaadannoon bara kanaa Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO’s โ€œ๐˜ฟ๐™ช๐™—๐™–๐™ง๐™ฉ๐™ค๐™ค๐™ฃ๐™ฃ๐™ž ๐™จ๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™จ๐™–๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™– ๐™›๐™ช๐™™๐™๐™–๐™˜๐™๐™ช๐™ช๐™ฃ ๐™ฃ๐™–๐™œ๐™–๐™–, ๐™๐™–๐™ฆ๐™–, ๐™ฉ๐™ค๐™ ๐™ ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™›๐™ž ๐™ž๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ง๐™จ๐™– ๐™—๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™–๐™› ๐™ข๐™ช๐™ง๐™ฉ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™ค๐™ค๐™™๐™๐™–.” Jedhu, Dubartoonni mootummaa fi murtii siyaasaa keessatti hirmaachuun isaanii nageenya waaraa fiduu, haqni akka kabajamu gochuu, uummanni akka tokkummaan dhaabbatu jabeessuu fi biyyi sirnaan akka ijaaramtu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaanii agarsiisa. Kanumaan waliin, dhaabni keenya ABOn Horooroo mallattoo isaa taasisee filannoo fuula keenya dura jiruuf dhiheeffachuun, mootummaa nagaa fi seera qabeessa ijaaruuf abbaluu dha jennee amanna.

Mallattoon filannoo ABO โ€œHorooroon” nagaa, Araara, qajeelummaa fi eenyummaa ummata Oromoo balโ€™aa kan calaqqisiisu,kaayyoo mirga hiree murteeffannaa kan ibsu, dimokiraasii, haqa, walqixxummaa fi nagaa waaraa mirkaneessuuf kan dhaabbatee dha.

 

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026 yeroo kabajnu dubartoonni ijaarsa manaa fi biyya keessatti qooda murteessaa akka qaban hubannee hirmaannaa roga hundaa keesaatti akka qooda fudhatan taasisuun hirmaannaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti cimuun nageenya waaraa, haqa haqaaqame, dhugaa ummataa dabe, tokkummaa uummataa sharafame fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf buโ€™uura akka tahan hubachuun dirqama.

Maayii irratti , Kana galiin gahuuf filannoo marsaa 7ffaa bara kanaa 2026 ABOn mallattoo โ€œHororooโ€n dorgomaa jiru filannoo keenya taasifannee mootummaa ummataa ummataan filamee ummataan dhaabbatu(Government by the people for the people) seera qabeessa fi haqaa ijaaruuf, dubartoota hirmaachisuu fi aangessuun jijjiirama dhugaa fiduuf murannoo qabaachuu ibsa; nutis kaayyoo kana milkeessuuf tokkummaan hojjechuu qabnaan dhaamsa keenya.

 

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD) ABO

Bitootessa 07, 2026

Finfinnee