Humna Hidhate Hiriira Nagaa Ugguruuf Ajjeechaa fi Reebicha Raawwachaa Jiru ABOn ni Balaaleffata.

 

 

 

Obsi

Humna Hidhate Hiriira Nagaa Ugguruuf Ajjeechaa fi Reebicha Raawwachaa Jiru ABOn ni Balaaleffata. (Ibsa ABO – Guraandhala 11, 2021)

Jalqaba baatii Guraandhalaa kana keessaa Party Prosperity (PPn) ummata dirqisiisee Mootummaa Dr Abiy Ahmed akka deeggaraniif hiriira baasuun isaa ni yaadatama. Hiriirri kuni humna hidhateen golgamee nagaan geggeefame. Garuu warri dirqiidhan Mootummaa Dr Abiy hin deeggarru jedhanii diddaa agarsiisaa reebichaa fi ajjeechhan isaan mudate. Akka Fakkenyaatti Guraandhala 2, 2021 mootummaa Dr Abiy hin deeggarru warri jedhan Baha Harargee, Magaalaa Calanqoorraa dirqisiisamanii konkolataatti fe’amanii gara hiriiraa utuu deemanii konkolaataan garagalee lubbuun dargaggoo 45 galaafatame.

Kuni utuu jiruu, yeroo ammaa hiriira nagaa Lammileen Oromiyaa gochaa jiran ugguruuf carraaqqiin karaa humna hidhateen godhamaa jira. Guraandhala 5, 2021 irraa eegalee Lammilleen Oromiyaa deegarsa Mootummaa Ce’uumsaa Biyoolessaa Oromiya (MCBO); gaaffii hidhamtoota siyaasaa hiikuu fi ajjeechaa ummata sivilii irratti raawwatamaa jiru akka dhaabbatuuf hiriira Oromiyaa guutuutti gochaa jiru. Horriirota kana keessatti bakka hundaantti Qeerroo fi Qarree nagaadhani fi namusa ol’aanaadhan gaaffii mirga demokraasii gaafachaa jiru. Garuu, gartuun hidhatee PP reebichaa fi ajjechaan irra gahaa jira. Kana keessatti rasaasaan madeessuu, ajjeesuu, mana hidhaatti darbuu akkasumas dararaa adda addaa irraan gahuun mul’achaa jira. Akka odeeffannoo argachaa jirrutti Oromiyaa bakka adda adaatti namoota nagaarra balaa geessisanii jiru. Hanga amma akka odeeffannoo qabatamaa argannetti qaamni hidhate kuni namootni armaa gadiirratti balaa geessisee jira:

1. Obbo Diqqaa Dabbasoo (Dargaggoo) gaafa Guraandhal 8, 2021 Nagallee Booranaa, Yabellootti

humna hidhateen

ajjeefame. 2. Guraandhala 10, 2021 magaalaa Dirree Dawaatti dargaggoon 3 (sadii) humnuma hidhatee kanaan

rasaasan rukuta manii madaawan. Isaanis:

 

a. Dachaas Hassan,

b. Fu’ad Mahammad fi

c. Nasimaa Yaayyaa

3. Obbo Gadaa Gabbisaa, Offisera ABO kan ta’e, humna hidhateen Finfinnee keessatti leenjii irraa osoo galuu qabamee mana hidhaa Burayyuutti darbame. Utuu ummatni Lammillee Oromiyaa adda addaa kumaatamaan lakkaawaman, badii tokko malee sababa ilaalcha siyaasaattiin mana hidhaa mul’ataa fi dhoksaa keessatti dararamaa jiranii ammas kan biraa qabanii hidhaatti guuruun gara kamitti deemaa akka jiru eenyuufuu hubatamaa dha.

 

ABOn maatii, firoota, jaallan fi hiriyoota balaan kun irra gahe hundaaf jajjabina hawwa. Addattimmoo hiriira Nagaa irratti humna nageenyaa dhukaafamee lubbuu Da’immanii galaafatamaa jiru hedduu gaddina, ni balaaleffatna. Addunyaan Mirga namaaf addatti Da’immaniif dhaabbatu akka dhimma kana dhaabsisu gadi jabeessee gaafata.

Yeroo ammaa Itophiyaa keessatti sadarkaan mirga dhala namaa sarbuu bira darbee gara sanyii duguuguutti deemaa akka jiru Lamileen Oromiyaa, Sabootni cunqurfamoo fi akkasumas ummatni addunyaa hubatuu qabu. Qaamni biyyan bul- cha jedhee of waamu (PPn) filmaata fakkeessootiin mootummaa abbaa irree mirkaneeffachuuf yeroo carraaqaa jiru kana keessatti gaaga’amni ummata siviliirra gahaa jiruu fi gahuuf deemu hedduu yaaddessaa dha.

Oromiyaa bulchiinsi caccabee jiru keessattii lubbuu Lammileen Oromiyaa akka malee badaa jira. Qabeenyaan isaa barbadaawaa fi saamamaa jira. Lamileen Oromiyaa nagaa fi tasgabbii dhabame deebisanii ijaarrachuuf Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) akka dursaatti fudhatanii bu’uuressaa jiru. Kana dura dhaabbachuun balaa guddaa fi diigamsa guddaa biyya Ititiyoopiyaarratti akka fidu gartuun biyyan bulchaa jedhee of waamu hubatuu qaba. ABOn dimokraasii hunda hammate (all-inclusive democracy) ijaaruuf, maree ummatoota walitti dhiheessu fi haasawaa karaa nagaa (peaceful dialogue) akka ta’uuf tattaaffii gochaa jira.

Kanaafis, Lammileen Oromiyaa MCBO jabeeffachuu fi Sabootni cunqursfamoon kaanis naannoo isaanii tasgabbeessuu fi bulchiinsa diigamee jiru deebisanii ijaaruurratti akka fuulleffatan hubachiisuu fedha.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Finfinnee

Guraandhala 11, 2021