Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsa’aa Buleessaa Jaal Boruu Dhaddachaa Irratti  Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan addunyaa irraa godaanuu miseensa isaa buleessa, qabsa’aa jabaa fi nama Oromummaa isaatti boonu Jaal Boruu Dhaddacha Qaampharree irratti gadda guddaa itti dhaga’ame ibsata.

Jaal Boruu Dhaddachaa Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Ona Nageellee Booranaa bakka Hidha Boruu Carqoo jedhamutti bara 1936tti abbaa isaa Obbo Dhaddacha Qaampharree fi haadha isaa Aadde Qabballee Dhaddachaa irraa dhalatan.

Jaalli keenya Kibba Oromiyaa Boorana keessaa carraa barnootaa warra argatan keessaa nama tokko ture. Ijoollummaa isaa irraa kaasee eenyummaa Oromummaa isaatti nama boonu, Oromoo sirna cunqursaa jalaa dammaqsuu fi ummata isaa eenyummaa isaaniin cimsuu irratti murannoo cimaa qabaachuun jaala  beekamu ture. Yeroo barataa turetti illee sodaa malee mirgaa fi eenyummaa Oromummaa ofiif dhaabbachuun nama jabaa dha. Jaal Boruun bara mootummaa gabroomsaa sanatti yeroo Afaan Oromoo jibbamu, maqaan Oromoo balfamu sanatti carraa barnootaa argatee, carraa isaa kana danquuf ammoo qormaata ministirii fudhachuuf maqaan isaa akka jijjiiramu yeroo gaafatametti maqaa isaa jijjiirrachuu didee dura dhaabbachuun namoota seenaa hojjatanii maqaa ganamaan barnoota isaanii itti fufan keessaa nama tokko.

Yeroo Yunivarsiitii seene, Oromoo naannoo Finfinnee wajjin salphatti walbarsiisuu fi sochii barattootaa keessatti dursee hirmaachuun, aktivistoota Oromoo yeroo sanaa keessaa nama addaa ti. Yunivarsiitiitti barsiisaan tokko “Namni Gaallaa taatan?” jedhee yeroo gaafatu, sodaa tokko malee harka isaa ol kaasee of ibsuun, eenyummaa Oromoo ifatti beeksise.

Bara 1971–1972 keessa barruu beekamaa “The Voice of Oromo against Tyranny” jedhamu qopheessuu fi barreessuu keessatti qooda fudhachuun sagalee ummata Oromoo cunqurfamaa ture akka dhaga’amuuf gumaacha guddaa taasiseera. Jaal Boruun, bara Chaartaraa Booranaa fi Gujii bakka bu’uun, namoota ABO bakka bu’anii hirmaatan 12 keessaa miseensa Mana Marii Cehumsaa Itoophiyaa ta’ee tajaajileera.

Akka Chaartara keessaa ba’ameen, biyya ollaa Keeniyaatti ba’uun dirqama dhaabni isaa itti kenne ofitti  fudhachuun qabsoo itti fufe. Yeroon booda gara Ameerikaatti godaanee, achittis sochii dhaabaa fi hawaasummaa keessatti hirmaannaa cimaa taasisaa ture. Oromummaa cimsuu, tokkummaa Oromoo guddisuu fi wal hubannoo sabichaa dagaagsuu keessatti qooda olaanaa nama tapahatee dha.

Jaal Boruun, yeroo dhihoo kana dhukkubaan qabamus, hamma danda’etti walga’ii fi marii Oromoo irraa hin hafne; dandeettii addaa nama qabu, nama haasaa namaa hubatuu fi ummata isaa walitti qabuun beekamu nama hubataa dha.

Jaalli keenya dhukkuba isa mudate irraa dandamachuu dadhabee, Muddee 16, 2025tti dhalatanii ganna 89ffaa isaaniitti  biyya Ameerikaa, magaalaa Washington  DC.tti du’aan addunyaa irraa godaanan. Jaal Boruun maatii horatanii abbaa ijoollee dubara lamaa Qabballee fi Elemaa ti.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan of biraa dhabuu  Jaal Boruu Dhaddachaaf gadda itti dhaga’ame irra deebiin ibsataa, maatii, hiriyyoota, miseensota ABO fi ummata Oromoo maraaf obsaa fi jajjabina hawwa.

 

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 18, 2025

Finfinnee