Lola Qindaawaa Humnoota Hidhataniin Yeroo Ramadaanaatti Ummata Keenya Oromoo Walloo Irratti Gaaggeeffamaa Jiruuf Adda Durummaan Kan Itti Gaafatamu Mootummaa Federaalaa fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa ti.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Ummanni keenya Oromoo Walloo bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaan moggeeffamee, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraan diineffatamee mootummaa isaaf yaadu, nagaa ummataa tiksu dhabuun yeroodhaa yerootti weerartoota babal’ifannaa lafaa fi saamicha qabeenya Oromoof bololi’aniin haleellan irratti raawwatamaa jiraata.

Lola qinda’aa ummata keenya Kaaba Oromiyaa Godina Addaa Oromoo Walloo bulchiinsa motummaa naannoo Amaaraa jala jiru irratti banameen, jumlaan luubbuun ummata keeyaa galaafatamuu fi hedduunis madaa’uu gaafa dhageenyuu fi arginu haalaan gaddina; akkaan gadi jabeessinees balaaleffatna.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n lola qindahaa tahe jedhamee yeroo Ramadaanaa eeggachuun ummata keenya beelaa fi dheebuun Raamadaanatti jirutti qiyyaafatame, lola boortaan Oromoo Walloo dhabamsiisuuf taasifame, lola eenyummaa Oromummaa irratti qiyyaafate jedhee amana.

Lolli qinda’aa fi bal’ina qabu eenyummaa Oromummaa irratti qiyyaafate kun Bitootessa 09, 2024 jala bultii Raamadaanaatti ummata keenya Oromoo Walloo irratti baname. Sana duras bakka bakkatti lolli ummata kana irratti deemsisamaa akka ture odeessa qabna.

Weerarri qinda’aan eenyummaa Oromummaa irraatti xiyyeeffatee fi Oromoo Walloo cabsanii jilbeenfachiisuu irratti xiyyeeffate kun, qindoomina humnoota hidhatanii:-

1) Garee shororkeessaa Faannoo Amaaraa (Interhamweyii Itoophiyaa)

2) Poolisii naanno Amaaraa

3) Milishaa naannoo Amhaaraa fi

4) Raayyaa Ittisa Biyyaa mootummaa Federaalaan ajajamuu dha.

Lolli Bitootessa 09, 2024 Ona Jiillee Dhummuugaa ganda Kollaashiitti eegale babal’achuun gandoota hedduu ona kana keessa jiru dhuunfachuun hanga magaalaa Sanbatee daangessutti itti fufeera. Gandeen hanga ammaatti lolli ulfaataan irratti taasifamaa jiru:- Kollaash, Karra Abbaa Qarcoo, Naannoftuu, Wasan Qurqurii, Baalcii, Jaarraa Waataa, Zigbaa , Alaalaa ,Warra Yaatuu, Burqaa Bunaa, Luugoo, Warra Abboo fi Shiishuwaa keessatti guyyoota 12f deemaa jiruun ummanni keenya Oromoo Walloo daa’imman, dubartootaa fi manguddoota dabalatee hanga halkan Roobii Bitootessa 20, 2024tti namoonni 35 ol ajjeefamuu fi 70 ol madoo tahuu odeessi jiru ni ibsa.

Bitootessa 20,2024 Roobii halkan ummata irratti meeshaa gurguddaa dhukaasuun namoonni 11 ajjeefamuu fi 20 ol madaa’uu mirkaneeffanneerra. Kana malees manneen jireenyaa dabalatee qabeenyaan ummanni horatee qabu ibiddaan daareffamaa jira. Dhukaasa guyyaa kana halkan Karaa Sadeen Makkannaa jedhamutti ummata keenya irratti banameen namoota 11 ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne:-

1). Ammadanee Muusaa Hasan – Ganda Zigbaa irraa

2) Hasan Ahmad Siraajuu – Ganda Jaarraa Waataa irraa

3) Huseen Muhaammad Aliyyee – Ganda Zigbaa irraa

4) Daa’ima ganna 7 Kaalid Aadam Usmaan – Ganda Jaarraa Waataa irraa

5) Hasan Aaadam Bilaal – Ganda Luugoo, irraa

6) Ilma Aliyyii Muusee – Ganda Burqaa Bunaa irraa

7) Hasan Bilee – Ganda Warra Yaatuu irraa

8) Aliyyii Aadam Aliyyii – Ganda Warra Abboo irraa keessatti argamu.

Kanneen madaa’an baay’ee keessaa kan maqaan isaanii nu dhaqqabe keessaa:-

1)Umar Layyimn

2) Hasan Abdallee Qaallichaa

3) Ammee Shaafii Hasan

4) Muhaammad Jaarsdaa

5) Hasan Ahmad Garbaa

6) Muhaammad Aliitee Umar

7) Hasan Umar Kiinoo

8) Umar Ahmad Gurraachaa

9) Aliyyi Muhammad Ahmadee fi

10) Aliyyi Muhammad Aliyyee keessatti argamu.

Gochi hammeenyaa bara bulchiinsa Biltsiginnaa Oromoo irratti raawwatame gita kan hin qabnee dha. Minilik weerara jaarraa 19ffaa keessa ummata Oromoo irratti gaggeesseen haadholii irraa harma muree, warra dhiiraa irraa ammoo harka muraa ture. Bara Biltsiginnaa ammoo hammeenya ulfaataa Oromoo irratti taheen, shoreerkeessitoonni Biltsiginnaan ijaare Faannoon (Interhamweyii Itoophiyaa) Ilmaan Oromoo morma muranii mukatti fannisaniiru. Ajjeesanii ibiddaan gubaniiru. Qe’ee fi qabeenyaa Oromoo ifatti ibidda itti qabsiisanii gubaa jiru. Ummata nagaa karaa deemu konkolaataa keessaa harcaasanii jumlaan haala gaddisiisaan fixaniiru. Kun hundi bulchiinsa mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Amaaraa jalatti tahaa jira. Waan raawwatamaa jirus quba qabeenya isaaniin ala miti. Yakka namoomaa amma Oromoo Walloo irratti tahaa jiru kan qindeessuu fi raawwachiisuu keessaa harka qabu mootummaa Federaalaa fi Naannoo Amaaraa ti jennee amanna. Ragaan ummata keessaa argamus kanuma ifoomsa.

Mootummaan Federaalaa, daandii guddaa Walloo keessa qaxxaamuru Raayyaan Ittisa biyyaa golgaa kennuufiin Faannoo fi Poolisiin Amaaraa akkasumas Milishaa naannoo Amhaaraan wal tahanii dhuunfachuun ummata keenya addaan kutanii akka walitti hin birmanneefis lola geggeessaa jiran kana dhaabsisuu ni danda’a ture.

Ajjechaa jumlaa ilmaan Oromoo irratti tahaa jiruuf adda durummaan kan itti gaafatamu murna aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatee jiru Biltsiginnaa dha. Goleelee Oromiyaa cufa keessatti caasaa dhoksaa “KOREE NAGEENYAA” jedhuun ajjeechaa jumlaa kan raawwataa turee fi jiru Mootummaa Federaalaa Dr. Abiyi Ahmadiin durfamuu fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Biltsiginnaa dha.

Kaaba Oromiyaa Godina Addaa Oromoo Walloo, bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa jala jiruttis kan lola qindaawaa labsee fi ummata keenya tahe jedhee jumlaan ficcisiisaa jiru Mootummaa Federaalaa Dr. Abiyi Ahmadiin durfamuu fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa Biltsiginnaa dha. Humnoota hidhatanii Oromoo walloo irratti lola qinda’aa geggeessaa jiranii fi ajjeechaa jumlaa raawataa jiran kan ijaaree qinddessee bobbaasu Biltsiginnaa dha. Federaalli lola kana keessaa harka qabaachuu isaatiif ragaa guddaan poolisootni/miliishotni naannoo Amaaraa kan qaama mootummaa Federaalaa ta’an lolicha keessatti hirmaachuu dha.

Mootummaan naannoo Amaaraa Poolisii naannoo Amaaraa, Faannoo fi miliishaa Amaaraa, kaabinoota godinaa fi onoota Godina Kamisee walitti qindeessuun Oromoo Walloo waraanuu eerga jalqabee bubbuleera. Caasaaleen mootummaa federaalaas yoo dhoksaadhaan hidhattoota Amaaraa gargaaruu tahe malee nageenya ummata Oromoo Walloo eeguuf carraaqqii mul’ataan godhe haga ammaa hin mul’atne.

Osoo caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa jiruu ummatni kun irra deddeebiin weeraramee jumlaan ajjeesamaa, qabeenyii fi manneen isaa gubataa akka ture ragaa hedduu dhiheessuun ni danda’ama. Kun kan mul’isu mootummaan federaalaa nageenya ummata kanaa tiksaa akka hin jirree dha. Ammas kanumatu ta’aa jira.

Waan kana ta’eef, Ummanni Oromoo nageenya isaaf falmatee nagaadhaan biyyaa fi qe’ee isaa irra jiraachuudhaaf mirga qaba. Jireenya sabummaa isaa ittifachuuf, tokkummaan ka’ee biyyaa fi biyyoo, qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti akka falmatuuf Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yaamicha isaa haaromsa. Nageenya keenya eeggachuun mirga namummaa keenya waan taheef, Oromoon bakka jiru cufaa wal tumsuun tokkummaa isaa jabeeffatee of ittisuu qaba.

Duutii fi salphinni Oromoo tokkoo, du’aa fi salphina Oromoo waliigalaa ti. Oromoon Oromiyaa keessa jirus tahe biyya ambaa gamtaadhaan ajjeefamuu fi salphifamuu Oromoo dura dhaabbachuun mormuu fi sagalee diddaa dhageessisuun dirqama jenna.

Lola qindaawaa irratti baname kana dandamachiisuu fi lubbuu Oromoo Walloo baraaruuf ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi ala jiraatu, bakka mara irraa birmannaa barbaachisu cufa akka gootaniif ABOn jabeessee gaafata.

Addatti ammoo Oromoonni Walloo bakka lolli itti geggeeffamaa jirutti itti dhiheenyaan jiran haga danda’ametti waliif birmachuudhaan wal dhaqqabuu fi wal tumsuun dirqama Oromummaan gaaffattu tahuu hubachiisna.

Maayii irratti lola qindaawaa eenyummaa Oromummaa irraatti xiyyeefatee fi Oromoo Walloo jilbeenfachiisuu fi akka ummataatti naannoo san keessaa bal’eessuuf geggeeffamaa turee fi jiru kana hawaasni idil addunyaa, dhaabbattootni mirga namummaa kan sadarkaa addunyaa fi qaamotni dhimmi ilaallatu hundi yaaddoo keenya kana hubatuun gocha kana akka balaaleffatan, gara dhumaatii irra hamaattis osoo hin tarkaanfatin dhaabsisuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan ABO waamicha dhiheessa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 21, 2024

Finfinnee